Saba

سورة سبأ

Suuraa 34 · Makkiyyaa · 54 aayota

34:1Juz 22 · fu. 428

الْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِي لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ وَلَهُ الْحَمْدُ فِي الْآخِرَةِ ۚ وَهُوَ الْحَكِيمُ الْخَبِيرُ1

Faaruun hundi kan Rabbii Isa wanti samii keessaafi wanti dachii keessaa hundi kan Isaa ta’eetiAakhirattis faaruun hundi kanuma IsaatiInni ogeessa, beekaadha.
34:2Juz 22 · fu. 428

يَعْلَمُ مَا يَلِجُ فِي الْأَرْضِ وَمَا يَخْرُجُ مِنْهَا وَمَا يَنْزِلُ مِنَ السَّمَاءِ وَمَا يَعْرُجُ فِيهَا ۚ وَهُوَ الرَّحِيمُ الْغَفُورُ2

Inni waan dachii keessa seenu, waan ishee irraa bahu, waan samii irraa bu’uufi waan ishee keessa ol ba’us ni beekaInni mararfataa, araaramaadha.
34:3Juz 22 · fu. 428

وَقَالَ الَّذِينَ كَفَرُوا لَا تَأْتِينَا السَّاعَةُ ۖ قُلْ بَلَىٰ وَرَبِّي لَتَأْتِيَنَّكُمْ عَالِمِ الْغَيْبِ ۖ لَا يَعْزُبُ عَنْهُ مِثْقَالُ ذَرَّةٍ فِي السَّمَاوَاتِ وَلَا فِي الْأَرْضِ وَلَا أَصْغَرُ مِنْ ذَٰلِكَ وَلَا أَكْبَرُ إِلَّا فِي كِتَابٍ مُبِينٍ3

Warri kafaran “Qiyaamaan nutti hin dhuftu” jedhan“Akka isin jettanii mitiRabbii kiyya beekaa waan fagootiin kakadhee! Isheen dhugumatti, isinitti dhufti” jedhiinWanti hanga madaala atamii, wanti sana irra xiqqaafi kan sana irra guddaas samii keessaafi dachii keessattis, isa irraa kan hin fagaanne ta’ee, kitaaba ifa baasaa ta’e keessa jiraatu malee (hin hafu).
34:4Juz 22 · fu. 428

لِيَجْزِيَ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ ۚ أُولَٰئِكَ لَهُمْ مَغْفِرَةٌ وَرِزْقٌ كَرِيمٌ4

Isaan amananii toltuu hojjatan mindeessuuf jecha (Qiyaamaan dhufti)Warri sun araaramaafi soorata gaarii ta’etu isaaniif jira.
34:5Juz 22 · fu. 428

وَالَّذِينَ سَعَوْا فِي آيَاتِنَا مُعَاجِزِينَ أُولَٰئِكَ لَهُمْ عَذَابٌ مِنْ رِجْزٍ أَلِيمٌ5

Isaan keeyyattoota keenya dadhabsiisoo ta’anii socho’an immoo, adabbii (gosa) adabbii laalessaa irraa ta’etu isaaniif jira.
34:6Juz 22 · fu. 428

وَيَرَى الَّذِينَ أُوتُوا الْعِلْمَ الَّذِي أُنْزِلَ إِلَيْكَ مِنْ رَبِّكَ هُوَ الْحَقَّ وَيَهْدِي إِلَىٰ صِرَاطِ الْعَزِيزِ الْحَمِيدِ6

Isaan beekumsi kennameef, inni Rabbii kee irraa gara keetti buufame inni dhugaa ta’uufi gara karaa (Rabbii) injifataa, faarfamaa ta’eetti kan qajeelchu ta’uu ni beeku.
34:7Juz 22 · fu. 428

وَقَالَ الَّذِينَ كَفَرُوا هَلْ نَدُلُّكُمْ عَلَىٰ رَجُلٍ يُنَبِّئُكُمْ إِذَا مُزِّقْتُمْ كُلَّ مُمَزَّقٍ إِنَّكُمْ لَفِي خَلْقٍ جَدِيدٍ7

Isaan kafaranis “(duutanii) cicciramiinsa guutuu yeroo cicciramtan isin uumaa haarawa keessatti taatu jedhee namicha isinitti odeessutti isin qajeelchinuu?” jedhan
34:8Juz 22 · fu. 429

أَفْتَرَىٰ عَلَى اللَّهِ كَذِبًا أَمْ بِهِ جِنَّةٌ ۗ بَلِ الَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ بِالْآخِرَةِ فِي الْعَذَابِ وَالضَّلَالِ الْبَعِيدِ8

“Rabbi irratti soba oddeessa moo maraatummaatu isatti jira?” (jedhu)Akkasii mitii; isaan Aakhiratti hin amanne (Aakhiraatti) adabaafi (addunyaatti) jallina fagoo ta’e keessa jiru
34:9Juz 22 · fu. 429

أَفَلَمْ يَرَوْا إِلَىٰ مَا بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَمَا خَلْفَهُمْ مِنَ السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ ۚ إِنْ نَشَأْ نَخْسِفْ بِهِمُ الْأَرْضَ أَوْ نُسْقِطْ عَلَيْهِمْ كِسَفًا مِنَ السَّمَاءِ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً لِكُلِّ عَبْدٍ مُنِيبٍ9

Sila isaan samiifi dachii irraa gara waan dura isaaniifi waan duuba isaanii jiru hin ilaallee? Yoo feenes dachii isaaniin kunna; yookiin cittuu samii irraa taate isaan irratti kuffifnaDhugumatti, sana keessa gabricha gara Rabbiitti tawbaa deebi’u hundaaf mallattootu jira.
34:10Juz 22 · fu. 429

۞ وَلَقَدْ آتَيْنَا دَاوُودَ مِنَّا فَضْلًا ۖ يَا جِبَالُ أَوِّبِي مَعَهُ وَالطَّيْرَ ۖ وَأَلَنَّا لَهُ الْحَدِيدَ10

Dhugumatti, Nuti Daawudiif tola Nu biraa ta’e kennineerra“Yaa gaarreenii! sinbira wajjin ta’uun isa (Daawudii) wajjin (Rabbiin) faarsaa” (jenne)Sibiilas isaaf laaffifnee jirra.
34:11Juz 22 · fu. 429

أَنِ اعْمَلْ سَابِغَاتٍ وَقَدِّرْ فِي السَّرْدِ ۖ وَاعْمَلُوا صَالِحًا ۖ إِنِّي بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ11

“Qoloo (uffata lolaa) babal’aas hojjadhu; dhawaa isaa keessattis hanga shallagiToltuuwwanis dalagaa; ani wanta isin hojjattan hunda argaadha.
34:12Juz 22 · fu. 429

وَلِسُلَيْمَانَ الرِّيحَ غُدُوُّهَا شَهْرٌ وَرَوَاحُهَا شَهْرٌ ۖ وَأَسَلْنَا لَهُ عَيْنَ الْقِطْرِ ۖ وَمِنَ الْجِنِّ مَنْ يَعْمَلُ بَيْنَ يَدَيْهِ بِإِذْنِ رَبِّهِ ۖ وَمَنْ يَزِغْ مِنْهُمْ عَنْ أَمْرِنَا نُذِقْهُ مِنْ عَذَابِ السَّعِيرِ12

Suleeymaaniifis waaree dura (karaa) ji’a tokkoo kan deemtuufi waaree boodas (karaa) ji’a tokkoo kan balaliituu taatee bubbee (isaaf laaffifne)Madda sibiilaas (nahaasaas) isaaf yaafnee jirraJinnoota irraas warra hayyama Gooftaa Isaaniitiin fuuldura isaatti hojjatantu jiraIsaan irraa kan ajaja keenya irraa dabe, adabbii ibidda boba’aa irraa ta’e isa dhandhamsiifna.
34:13Juz 22 · fu. 429

يَعْمَلُونَ لَهُ مَا يَشَاءُ مِنْ مَحَارِيبَ وَتَمَاثِيلَ وَجِفَانٍ كَالْجَوَابِ وَقُدُورٍ رَاسِيَاتٍ ۚ اعْمَلُوا آلَ دَاوُودَ شُكْرًا ۚ وَقَلِيلٌ مِنْ عِبَادِيَ الشَّكُورُ13

Iddoolee ibaadaa, fakkiiwwan, gabateewwan guddinni isaa akka naannigaa ta’eefi okkoteewwan nahaasaa kan iddoo qabattee teessu irraa wanta inni barbaade isaaf hojjatu“Yaa maatii Daawuud (ajaja isaa guutuun) galata (Rabbii) hojjadhaaGabroota kiyya irraas namni Ana galatoomfataan xiqqaadha” (jenneen).
34:14Juz 22 · fu. 429

فَلَمَّا قَضَيْنَا عَلَيْهِ الْمَوْتَ مَا دَلَّهُمْ عَلَىٰ مَوْتِهِ إِلَّا دَابَّةُ الْأَرْضِ تَأْكُلُ مِنْسَأَتَهُ ۖ فَلَمَّا خَرَّ تَبَيَّنَتِ الْجِنُّ أَنْ لَوْ كَانُوا يَعْلَمُونَ الْغَيْبَ مَا لَبِثُوا فِي الْعَذَابِ الْمُهِينِ14

Yeroma Nuti du’a isa (Suleeymaan) irratti murteessine, rirma dachii kan ulee isaa nyaattu tokko malee wanti du’uu isaa irratti isaan qajelche hin jiruYeroma inni kufu, jinnoonni odoo iccitii (ghaybii) kan beekan ta’anii, silaa adabbii salphisaa ta’e keessa hin turru jechuu hubatan.
34:15Juz 22 · fu. 430

لَقَدْ كَانَ لِسَبَإٍ فِي مَسْكَنِهِمْ آيَةٌ ۖ جَنَّتَانِ عَنْ يَمِينٍ وَشِمَالٍ ۖ كُلُوا مِنْ رِزْقِ رَبِّكُمْ وَاشْكُرُوا لَهُ ۚ بَلْدَةٌ طَيِّبَةٌ وَرَبٌّ غَفُورٌ15

Dhugumatti, (warra) ‘Saba’iif’ iddoo jireenya isaanii keessatti mallattoon ta’eera(Isheenis) oyruu lama gama mirgaafi bitaatiin kan taateedha“Soorata Gooftaa keessanii irraa nyaadhaa; galatas Isaaf galchaa.” (Biyyattiin keessanis) biyya gaariidha(Rabbiin keessanis) Gooftaa araaramaadha” (isaaniin jedhame).
34:16Juz 22 · fu. 430

فَأَعْرَضُوا فَأَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ سَيْلَ الْعَرِمِ وَبَدَّلْنَاهُمْ بِجَنَّتَيْهِمْ جَنَّتَيْنِ ذَوَاتَيْ أُكُلٍ خَمْطٍ وَأَثْلٍ وَشَيْءٍ مِنْ سِدْرٍ قَلِيلٍ16

(Ajaja Rabbii irraas) gara galaniiti lolaa hidhaa irraa isaanitti ergineAshaakiltii isaan lamaaniis oyruu lama kan abbaa dhandhama hadhaa’aa, birbirsaafi qurquraa irraas waan xiqqoo (kan qabdutti) isaaniif jijjiirre
34:17Juz 22 · fu. 430

ذَٰلِكَ جَزَيْنَاهُمْ بِمَا كَفَرُوا ۖ وَهَلْ نُجَازِي إِلَّا الْكَفُورَ17

Waan isaan kafaraniif sana mindaa isaaniif kennine(Adaba akka kanaa) akkaan kafaraa malee ni mindeessinaa?
34:18Juz 22 · fu. 430

وَجَعَلْنَا بَيْنَهُمْ وَبَيْنَ الْقُرَى الَّتِي بَارَكْنَا فِيهَا قُرًى ظَاهِرَةً وَقَدَّرْنَا فِيهَا السَّيْرَ ۖ سِيرُوا فِيهَا لَيَالِيَ وَأَيَّامًا آمِنِينَ18

Gidduu isaaniitiifi gidduu gandattii barakaa ishee keessatti gooneetti gandoota walitti dhaabbatan goonee hanga adeemsaas ishee keessatti ni safarre“Isaan keessas halkan hedduufi guyyootas nagayaan deemaa.”
34:19Juz 22 · fu. 430

فَقَالُوا رَبَّنَا بَاعِدْ بَيْنَ أَسْفَارِنَا وَظَلَمُوا أَنْفُسَهُمْ فَجَعَلْنَاهُمْ أَحَادِيثَ وَمَزَّقْنَاهُمْ كُلَّ مُمَزَّقٍ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَاتٍ لِكُلِّ صَبَّارٍ شَكُورٍ19

Isaanis “Yaa gooftaa keenya! Gidduu deemsa (karaa) keenyaa addaan fageessi” jedhanLubbuu isaaniis miidhanii, oduuwwan isaan taasifnee, bittinneessuu guutuu isaan bittinneessineDhugumatti, sana keessa namoota akkaan obsaniifi akkaan Rabbiin galatoomfatan hundaaf mallattooleetu jira.
34:20Juz 22 · fu. 430

وَلَقَدْ صَدَّقَ عَلَيْهِمْ إِبْلِيسُ ظَنَّهُ فَاتَّبَعُوهُ إِلَّا فَرِيقًا مِنَ الْمُؤْمِنِينَ20

Dhugumatti, Ibliis yaada isaa isaan irratti dhugoomseeraGaree xiqqaa mu’uminoota irraa ta’e malee isas hordofaniiru.
34:21Juz 22 · fu. 430

وَمَا كَانَ لَهُ عَلَيْهِمْ مِنْ سُلْطَانٍ إِلَّا لِنَعْلَمَ مَنْ يُؤْمِنُ بِالْآخِرَةِ مِمَّنْ هُوَ مِنْهَا فِي شَكٍّ ۗ وَرَبُّكَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ حَفِيظٌ21

Isa Aakhiraa dhugoomsu, isa ishee irraa shakkii keessa jiru irraa akka adda beeknuuf malee isaaf taaytaan tokkollee isaan irratti hin taaneRabbiin keetis wantoota hunda irratti tiksaadha
34:22Juz 22 · fu. 430

قُلِ ادْعُوا الَّذِينَ زَعَمْتُمْ مِنْ دُونِ اللَّهِ ۖ لَا يَمْلِكُونَ مِثْقَالَ ذَرَّةٍ فِي السَّمَاوَاتِ وَلَا فِي الْأَرْضِ وَمَا لَهُمْ فِيهِمَا مِنْ شِرْكٍ وَمَا لَهُ مِنْهُمْ مِنْ ظَهِيرٍ22

(Yaa Muhammad!) “mee isaan Rabbiin ala (gooftoleedha) jettan sana waammadhaaSamiifi dachii keessatti waan hanga atomiillee hin qabanIsaan lamaan (samiifi dachii) keessattis qoodni isaaniif hin jiruIsaaf (Rabbiif) gargaaraan isaan irraa ta’e tokkollee hin jiru.
34:23Juz 22 · fu. 431

وَلَا تَنْفَعُ الشَّفَاعَةُ عِنْدَهُ إِلَّا لِمَنْ أَذِنَ لَهُ ۚ حَتَّىٰ إِذَا فُزِّعَ عَنْ قُلُوبِهِمْ قَالُوا مَاذَا قَالَ رَبُّكُمْ ۖ قَالُوا الْحَقَّ ۖ وَهُوَ الْعَلِيُّ الْكَبِيرُ23

Manguddummaan Isa (Rabbiin) biratti nama Inni isaaf hayyame malee hin fayyadduYeroo onnee isaanii (manguddootaa) irraa sodaan deeme “Rabbiin keessan maal jedhe?” jedhanii gaafatu“Dhugaa (jedhe); Innis ol ta’aa, guddaadha” jedhu
34:24Juz 22 · fu. 431

۞ قُلْ مَنْ يَرْزُقُكُمْ مِنَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ قُلِ اللَّهُ ۖ وَإِنَّا أَوْ إِيَّاكُمْ لَعَلَىٰ هُدًى أَوْ فِي ضَلَالٍ مُبِينٍ24

(Yaa Muhammad!) “Eenyutu samiifi dachii irraa isin soora?” jedhi“Rabbuma” jedhiinDhugumatti nuti yookiin isin qajeeluma irra yookiin jallina ifa ta’e keessa jirra” jedhiin.
34:25Juz 22 · fu. 431

قُلْ لَا تُسْأَلُونَ عَمَّا أَجْرَمْنَا وَلَا نُسْأَلُ عَمَّا تَعْمَلُونَ25

“Isin badii nuti hojjanne irraa hin gaafatamtanu; nutis waan isin hojjattan irraa hin gaafatamnu” jedhiin
34:26Juz 22 · fu. 431

قُلْ يَجْمَعُ بَيْنَنَا رَبُّنَا ثُمَّ يَفْتَحُ بَيْنَنَا بِالْحَقِّ وَهُوَ الْفَتَّاحُ الْعَلِيمُ26

“Gooftaan keenya walitti nu qaba; ergasiis dhugaadhaan gidduu keenyatti murteessaInni haqaan murteessaa, beekaadha” jedhiin.
34:27Juz 22 · fu. 431

قُلْ أَرُونِيَ الَّذِينَ أَلْحَقْتُمْ بِهِ شُرَكَاءَ ۖ كَلَّا ۚ بَلْ هُوَ اللَّهُ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ27

(Yaa Muhammad! Warra mushrikaatiin) “Warra shariikota gootanii Isatti dhaqqabsiiftan san mee natti argisiisaa? Dhorgamaa! (Inni shariika hin qabu)Dhugumatti, Inni Allaah injifataa, ogeessa” jedhiin.
34:28Juz 22 · fu. 431

وَمَا أَرْسَلْنَاكَ إِلَّا كَافَّةً لِلنَّاسِ بَشِيرًا وَنَذِيرًا وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ28

Nuti nama hundaaf walumaagalatti gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergineGaruu irra hedduun namootaa hin beekanu.
34:29Juz 22 · fu. 431

وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا الْوَعْدُ إِنْ كُنْتُمْ صَادِقِينَ29

“Yoo kan dhugaa dubbattan taatan waadaan (Qiyaamaan) kun yoomi?” jedhu.
34:30Juz 22 · fu. 431

قُلْ لَكُمْ مِيعَادُ يَوْمٍ لَا تَسْتَأْخِرُونَ عَنْهُ سَاعَةً وَلَا تَسْتَقْدِمُونَ30

“Beellama guyyaa tokkoo kan isin ishee irraa duubatti hin hafneefi duras hin darbinetu isiniif jira” jedhiin
34:31Juz 22 · fu. 431

وَقَالَ الَّذِينَ كَفَرُوا لَنْ نُؤْمِنَ بِهَٰذَا الْقُرْآنِ وَلَا بِالَّذِي بَيْنَ يَدَيْهِ ۗ وَلَوْ تَرَىٰ إِذِ الظَّالِمُونَ مَوْقُوفُونَ عِنْدَ رَبِّهِمْ يَرْجِعُ بَعْضُهُمْ إِلَىٰ بَعْضٍ الْقَوْلَ يَقُولُ الَّذِينَ اسْتُضْعِفُوا لِلَّذِينَ اسْتَكْبَرُوا لَوْلَا أَنْتُمْ لَكُنَّا مُؤْمِنِينَ31

Isaan kafaran “Qur’aana kanaafi (kitaaba) isa dura bu’ettis hin amannu” jedhanMiidhaa raawwattoonni yeroo isaan Gooftaa isaanii bira dhaabbatanii jecha gariin isaanii garii irratti deebisu odoo argitee! (Silaa wanta cimaa agarta turte)Isaan dadhaboo turan isaan boonaa turaniin “odoo isin jiraachuu baattanii silaa nuti ni amanna turre” jedhu.
34:32Juz 22 · fu. 432

قَالَ الَّذِينَ اسْتَكْبَرُوا لِلَّذِينَ اسْتُضْعِفُوا أَنَحْنُ صَدَدْنَاكُمْ عَنِ الْهُدَىٰ بَعْدَ إِذْ جَاءَكُمْ ۖ بَلْ كُنْتُمْ مُجْرِمِينَ32

Isaan boonaa turanis isaan dadhaboo turaniin “sila nutu karaa qajeelaa irraa erga inni isinitti dhufee booda isin deebisee? Lakkisaa! Isinumatu yakkamtoota taatan” jedhuun
34:33Juz 22 · fu. 432

وَقَالَ الَّذِينَ اسْتُضْعِفُوا لِلَّذِينَ اسْتَكْبَرُوا بَلْ مَكْرُ اللَّيْلِ وَالنَّهَارِ إِذْ تَأْمُرُونَنَا أَنْ نَكْفُرَ بِاللَّهِ وَنَجْعَلَ لَهُ أَنْدَادًا ۚ وَأَسَرُّوا النَّدَامَةَ لَمَّا رَأَوُا الْعَذَابَ وَجَعَلْنَا الْأَغْلَالَ فِي أَعْنَاقِ الَّذِينَ كَفَرُوا ۚ هَلْ يُجْزَوْنَ إِلَّا مَا كَانُوا يَعْمَلُونَ33

Isaan dadhaboo turanis isaan boonaa turaniin “Lakkisaa; mala keessan kan halkaniifi guyyaatu; yeroo akka Rabbitti kafarruufi hiriyootaas akka Isaaf taasifnu nu ajajjan santu (badii keessa nu buuse).” jedhanHundi isaaniituu yeroo adabicha argan gaabbii (sheenaa) isaanii ni dhokfatanMorma warra kafaranii keessa dirii (sansalata) goonaSila waan dalagaa turan malee ni mindeeffamuu?
34:34Juz 22 · fu. 432

وَمَا أَرْسَلْنَا فِي قَرْيَةٍ مِنْ نَذِيرٍ إِلَّا قَالَ مُتْرَفُوهَا إِنَّا بِمَا أُرْسِلْتُمْ بِهِ كَافِرُونَ34

Magaalaa kamillee keessatti akeekkachiisaa tokkoyuu erginee badhaadhoon ishee “nuti waan isin ittiin ergamatan kanatti kafaroodha” jedhan malee hin hafanu.
34:35Juz 22 · fu. 432

وَقَالُوا نَحْنُ أَكْثَرُ أَمْوَالًا وَأَوْلَادًا وَمَا نَحْنُ بِمُعَذَّبِينَ35

“Nuti qabeenyaafi ilmaanis isin caalaa baay’ee qabnaNutis kan adabamnu hin taane” jedhan.
34:36Juz 22 · fu. 432

قُلْ إِنَّ رَبِّي يَبْسُطُ الرِّزْقَ لِمَنْ يَشَاءُ وَيَقْدِرُ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ36

“Dhugumatti, Gooftaan kiyya soorata nama fedheef bal’isa; (kan fedhe irratti immoo) ni dhiphisaGaruu irra hedduun namaa (kana) hin beekanu” jedhiin.
34:37Juz 22 · fu. 432

وَمَا أَمْوَالُكُمْ وَلَا أَوْلَادُكُمْ بِالَّتِي تُقَرِّبُكُمْ عِنْدَنَا زُلْفَىٰ إِلَّا مَنْ آمَنَ وَعَمِلَ صَالِحًا فَأُولَٰئِكَ لَهُمْ جَزَاءُ الضِّعْفِ بِمَا عَمِلُوا وَهُمْ فِي الْغُرُفَاتِ آمِنُونَ37

Qabeenyi keessaniifi ilmaan keessan kan dhiheenya gara keenyatti isin dhiheessu hin taaneHaa ta’u malee namoonni amananii, gaggaarii dalagan isaan sun sababa waan isaan dalaganiitiin mindaa dachaa ta’etu isaaniif jiraIsaanis gamoowwan ol fuudhamoo keessa nageenyaan jiraatu.
34:38Juz 22 · fu. 432

وَالَّذِينَ يَسْعَوْنَ فِي آيَاتِنَا مُعَاجِزِينَ أُولَٰئِكَ فِي الْعَذَابِ مُحْضَرُونَ38

Warri dadhabsiisoo ta’anii keeyyattoota keenya keessatti sochii godhan, jarri sun adabbii (ibiddaa) keessa fidamoodha
34:39Juz 22 · fu. 432

قُلْ إِنَّ رَبِّي يَبْسُطُ الرِّزْقَ لِمَنْ يَشَاءُ مِنْ عِبَادِهِ وَيَقْدِرُ لَهُ ۚ وَمَا أَنْفَقْتُمْ مِنْ شَيْءٍ فَهُوَ يُخْلِفُهُ ۖ وَهُوَ خَيْرُ الرَّازِقِينَ39

“Dhugumatti, Rabbiin kiyya gabroota Isaa irraa nama fedheef soorata bal’isa; (nama fedhes) isatti dhiphisa.Wanta kam irraayyuu waan isin kennattan Inni bakka isa buusaInnis irra caalaa warra soorata kennaniiti.
34:40Juz 22 · fu. 433

وَيَوْمَ يَحْشُرُهُمْ جَمِيعًا ثُمَّ يَقُولُ لِلْمَلَائِكَةِ أَهَٰؤُلَاءِ إِيَّاكُمْ كَانُوا يَعْبُدُونَ40

(Yaa Muhammad!) guyyaa (Rabbiin) hunda isaanii (gabbaraafi gabbaramaas) kaasee, ergasii maleykotaan “sila isaan kun isin gabbaraa turanii?” jedhu [yaadadhu]
34:41Juz 22 · fu. 433

قَالُوا سُبْحَانَكَ أَنْتَ وَلِيُّنَا مِنْ دُونِهِمْ ۖ بَلْ كَانُوا يَعْبُدُونَ الْجِنَّ ۖ أَكْثَرُهُمْ بِهِمْ مُؤْمِنُونَ41

(Maleykonnis) “(yaa gooftaa keenya!) qulqullina siif malu (si qulqulleessinee); isaan odoo hin taane gargaaraan keenya Suma qofa(Akka isaan jedhan) mitii isaan jinni gabbaraa turanIrra hedduun isaaniis isaanitti amanoodha” jedhan
34:42Juz 22 · fu. 433

فَالْيَوْمَ لَا يَمْلِكُ بَعْضُكُمْ لِبَعْضٍ نَفْعًا وَلَا ضَرًّا وَنَقُولُ لِلَّذِينَ ظَلَمُوا ذُوقُوا عَذَابَ النَّارِ الَّتِي كُنْتُمْ بِهَا تُكَذِّبُونَ42

Har’a (Guyyaa Qiyaamaa), gariin keessan garii fayyaduus ta’ee miidhuu hin danda’uIsaan lubbuu ofii miidhaniinis “adaba Ibiddaa ishee sobsiisaa turtan san dhandhamaa” jenna.
34:43Juz 22 · fu. 433

وَإِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِمْ آيَاتُنَا بَيِّنَاتٍ قَالُوا مَا هَٰذَا إِلَّا رَجُلٌ يُرِيدُ أَنْ يَصُدَّكُمْ عَمَّا كَانَ يَعْبُدُ آبَاؤُكُمْ وَقَالُوا مَا هَٰذَا إِلَّا إِفْكٌ مُفْتَرًى ۚ وَقَالَ الَّذِينَ كَفَرُوا لِلْحَقِّ لَمَّا جَاءَهُمْ إِنْ هَٰذَا إِلَّا سِحْرٌ مُبِينٌ43

Yeroo keeyyatoonni keenya ifa taatee isaan irratti dubbifamtus “kun namicha waan abbootiin keessan gabbaraa turan irraa isin dhorguu fedhu malee waan biraatii miti” jedhu“Kun soba uumamaadha malee waan biraa hin taane” jedhuIsaan kafaran yeroma dhugaan isaanitti dhufe “kuni sihrii ifa bahaa malee waan biraa hin taane” jedhan.
34:44Juz 22 · fu. 433

وَمَا آتَيْنَاهُمْ مِنْ كُتُبٍ يَدْرُسُونَهَا ۖ وَمَا أَرْسَلْنَا إِلَيْهِمْ قَبْلَكَ مِنْ نَذِيرٍ44

Kitaabota isaan baratan tokkollee isaaniif hin kennineSiin durattis akeekkachiisaa (ergamaa) tokkollee gara isaaniitti hin ergine.
34:45Juz 22 · fu. 433

وَكَذَّبَ الَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ وَمَا بَلَغُوا مِعْشَارَ مَا آتَيْنَاهُمْ فَكَذَّبُوا رُسُلِي ۖ فَكَيْفَ كَانَ نَكِيرِ45

Warri isaaniin duraas sobsiisanii jiruIsaan kun (humnaafi qabeenyaanis) tokko kurnaffaa waan isaaniif kenninee hin geenyeErgamtoota kiyya sobsiisanii (Nuti isaan balleessine)adabbiin kiyyas akkam ta’e? (Mee xiinxali!)
34:46Juz 22 · fu. 433

۞ قُلْ إِنَّمَا أَعِظُكُمْ بِوَاحِدَةٍ ۖ أَنْ تَقُومُوا لِلَّهِ مَثْنَىٰ وَفُرَادَىٰ ثُمَّ تَتَفَكَّرُوا ۚ مَا بِصَاحِبِكُمْ مِنْ جِنَّةٍ ۚ إِنْ هُوَ إِلَّا نَذِيرٌ لَكُمْ بَيْنَ يَدَيْ عَذَابٍ شَدِيدٍ46

(Yaa Muhammad!) jedhi: “kan ani isin gorsu waan tokko qofattiInnis akka cimdiifi kophaanis Allaahf dhaabattanii, ergasii saahiba keessan (Muhammaditti) maraatummaan tokkollee hin jiru jechuu xiinxaltaniifiInni akeekkachiisaa adabbii cimaa dura isiniif (ergame) malee waan biraa hin taane.
34:47Juz 22 · fu. 433

قُلْ مَا سَأَلْتُكُمْ مِنْ أَجْرٍ فَهُوَ لَكُمْ ۖ إِنْ أَجْرِيَ إِلَّا عَلَى اللَّهِ ۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ شَهِيدٌ47

Jedhi: “mindaa irraa wanti ani isin gaafadhe (yoo jiraates) inni isinumaafiMindaan kiyyas Rabbi irratti malee hin taaneInnis waan hunda irratti hirmaataa argaadha.”
34:48Juz 22 · fu. 433

قُلْ إِنَّ رَبِّي يَقْذِفُ بِالْحَقِّ عَلَّامُ الْغُيُوبِ48

“Dhugumatti, Rabbiin kiyya dhugaa ni buusa(Inni) beekaa iccitiiwwan hundaati” jedhiin
34:49Juz 22 · fu. 434

قُلْ جَاءَ الْحَقُّ وَمَا يُبْدِئُ الْبَاطِلُ وَمَا يُعِيدُ49

“Dhugaan dhufe; sobni (taaytaa isaa) hin jalqabu; hin deebi’us” jedhiin
34:50Juz 22 · fu. 434

قُلْ إِنْ ضَلَلْتُ فَإِنَّمَا أَضِلُّ عَلَىٰ نَفْسِي ۖ وَإِنِ اهْتَدَيْتُ فَبِمَا يُوحِي إِلَيَّ رَبِّي ۚ إِنَّهُ سَمِيعٌ قَرِيبٌ50

“Yoon jalladhes, kan ani jalladhu lubbuu kiyya irrattiYoon karaa qajeelaa qabadhes, waan Rabbiin kiyya gara kiyyatti erguuniInni dhugumatti dhagayaa, dhihaataadha” jedhi.
34:51Juz 22 · fu. 434

وَلَوْ تَرَىٰ إِذْ فَزِعُوا فَلَا فَوْتَ وَأُخِذُوا مِنْ مَكَانٍ قَرِيبٍ51

(Yaa Mohammad SAW!) odoo yeroo isaan (ibidda arganii) rifatan agartee, (silaa waan guddaa agarta)Iddoon itti bahanis (isaaniif) hin jiruIddoo dhihoo irraa qabamanii jiru.
34:52Juz 22 · fu. 434

وَقَالُوا آمَنَّا بِهِ وَأَنَّىٰ لَهُمُ التَّنَاوُشُ مِنْ مَكَانٍ بَعِيدٍ52

(Guyyaa Qiyaamaa) “Isatti amannee jirra” jedhuIddoo fagoo (biyya addunyaa) irraa (iimaana) fudhachuun akkamitti isaaniif mijjata?
34:53Juz 22 · fu. 434

وَقَدْ كَفَرُوا بِهِ مِنْ قَبْلُ ۖ وَيَقْذِفُونَ بِالْغَيْبِ مِنْ مَكَانٍ بَعِيدٍ53

Dhugumatti, kana dura isatti kafaranii turanIddoo fagoo ta’e irraa (tilmaamaan) haasawa darbatu
34:54Juz 22 · fu. 434

وَحِيلَ بَيْنَهُمْ وَبَيْنَ مَا يَشْتَهُونَ كَمَا فُعِلَ بِأَشْيَاعِهِمْ مِنْ قَبْلُ ۚ إِنَّهُمْ كَانُوا فِي شَكٍّ مُرِيبٍ54

Gidduu isaaniitiifi gidduu waan isaan fedhaniitti akkuma san dura fakkaattota isaanii irratti godhametti haguuggiin godhamee jira; Dhugumatti, isaan shakkii cimaa keessatti ta’anii jiru.

Jalqaba suuraa irraa taphachiisi