Al-Ahzab

سورة الأحزاب

Suuraa 33 · Madiiniyyaa · 73 aayota

33:1Juz 21 · fu. 418

يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ اتَّقِ اللَّهَ وَلَا تُطِعِ الْكَافِرِينَ وَالْمُنَافِقِينَ ۗ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَلِيمًا حَكِيمًا1

Yaa nabiyyichaa! Allaah sodaadhuKaafirootaafi munaafiqootaafis hin ajajaminDhugumatti, Rabbiin beekaa, ogeessa ta’eera.
33:2Juz 21 · fu. 418

وَاتَّبِعْ مَا يُوحَىٰ إِلَيْكَ مِنْ رَبِّكَ ۚ إِنَّ اللَّهَ كَانَ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرًا2

Waan Gooftaa kee irraa gara keetti beeksisa godhames hordofiDhugumatti Rabbiin waan isin dalagdan keessa beekaa ta’eera
33:3Juz 21 · fu. 418

وَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ ۚ وَكَفَىٰ بِاللَّهِ وَكِيلًا3

Allaah irratti hirkadhu; hirkoo ta’uufis Rabbumatu ga’a.
33:4Juz 21 · fu. 418

مَا جَعَلَ اللَّهُ لِرَجُلٍ مِنْ قَلْبَيْنِ فِي جَوْفِهِ ۚ وَمَا جَعَلَ أَزْوَاجَكُمُ اللَّائِي تُظَاهِرُونَ مِنْهُنَّ أُمَّهَاتِكُمْ ۚ وَمَا جَعَلَ أَدْعِيَاءَكُمْ أَبْنَاءَكُمْ ۚ ذَٰلِكُمْ قَوْلُكُمْ بِأَفْوَاهِكُمْ ۖ وَاللَّهُ يَقُولُ الْحَقَّ وَهُوَ يَهْدِي السَّبِيلَ4

Rabbiin nama tokkoof keessa isaatti onnee lama hin taasifneNiitolii keessan kan isaan irraa dugda (haadhaatti) fakkeessitan san haadholii keessan hin goone; guddifachaa keessanis ilmaan keessan hin gooneSun jecha keessan kan isin afaan keessaniin haasoftaniidhaRabbiin dhuguma jedhaIsatu karaa sirriitti qajeelcha.
33:5Juz 21 · fu. 418

ادْعُوهُمْ لِآبَائِهِمْ هُوَ أَقْسَطُ عِنْدَ اللَّهِ ۚ فَإِنْ لَمْ تَعْلَمُوا آبَاءَهُمْ فَإِخْوَانُكُمْ فِي الدِّينِ وَمَوَالِيكُمْ ۚ وَلَيْسَ عَلَيْكُمْ جُنَاحٌ فِيمَا أَخْطَأْتُمْ بِهِ وَلَٰكِنْ مَا تَعَمَّدَتْ قُلُوبُكُمْ ۚ وَكَانَ اللَّهُ غَفُورًا رَحِيمًا5

Abboota isaaniitiin isaan waamaaIsatu Rabbiin biratti irra sirriidhaYoo abbootii isaanii beekuu baattan, obboleewwan keessan kan amantiitiifi jaalalleewwan keessaniWaan isa dogoggortan keessatti badiin isin irra hin jiruGaruu waan onneen keessan hamilteef (isin qaba)Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.
33:6Juz 21 · fu. 418

النَّبِيُّ أَوْلَىٰ بِالْمُؤْمِنِينَ مِنْ أَنْفُسِهِمْ ۖ وَأَزْوَاجُهُ أُمَّهَاتُهُمْ ۗ وَأُولُو الْأَرْحَامِ بَعْضُهُمْ أَوْلَىٰ بِبَعْضٍ فِي كِتَابِ اللَّهِ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ وَالْمُهَاجِرِينَ إِلَّا أَنْ تَفْعَلُوا إِلَىٰ أَوْلِيَائِكُمْ مَعْرُوفًا ۚ كَانَ ذَٰلِكَ فِي الْكِتَابِ مَسْطُورًا6

Nabiyyiin Mu’uminootatti lubbuu isaanii irra itti aanaadhaHaadholiin manaa isaatis haadholee isaaniitiKitaaba Rabbii keessatti, warra firooma qabantu mu’iminootaafi godaantota caalaa gariin isaanii garii (dhaaluutti) haqaGaruu gara jaalalleewwan keessaniitti [dhaamsa dhaamuudhaan] gaarii yoo hojjattan [ni eeyyamama]Kun kitaaba (Lawhal mahfuuz) keessatti barreeffamaa ta’eera
33:7Juz 21 · fu. 419

وَإِذْ أَخَذْنَا مِنَ النَّبِيِّينَ مِيثَاقَهُمْ وَمِنْكَ وَمِنْ نُوحٍ وَإِبْرَاهِيمَ وَمُوسَىٰ وَعِيسَى ابْنِ مَرْيَمَ ۖ وَأَخَذْنَا مِنْهُمْ مِيثَاقًا غَلِيظًا7

Yeroo Nuti nabiyyoota irraa waadaa isaanii fuune: sirraas, Nuuh, Ibraahiim, Muusaafi Iisaa ilma Maryam irraas qabne [yaadadhu]Isaan irraa waadaa cimaa qabne.
33:8Juz 21 · fu. 419

لِيَسْأَلَ الصَّادِقِينَ عَنْ صِدْقِهِمْ ۚ وَأَعَدَّ لِلْكَافِرِينَ عَذَابًا أَلِيمًا8

(Rabbiin) warra dhugaa dubbatan dhugaa dubbatuu isaanii irraa akka isaan gaafatuuf (kana godhe)Kaafirootaaf immoo adabbii laalessaa ta’e qopheessee jira.
33:9Juz 21 · fu. 419

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اذْكُرُوا نِعْمَةَ اللَّهِ عَلَيْكُمْ إِذْ جَاءَتْكُمْ جُنُودٌ فَأَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ رِيحًا وَجُنُودًا لَمْ تَرَوْهَا ۚ وَكَانَ اللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرًا9

Yaa warra amantan! Ni’imaa Rabbii kan yeroo hoomaan (waraanaa) isinitti dhufanii, ergasii bubbeefi hoomaa isin hin agarre isaan irratti ergine, isin irra jiru yaadadhaaRabbiin waan isin dalagdan argaa ta’eera
33:10Juz 21 · fu. 419

إِذْ جَاءُوكُمْ مِنْ فَوْقِكُمْ وَمِنْ أَسْفَلَ مِنْكُمْ وَإِذْ زَاغَتِ الْأَبْصَارُ وَبَلَغَتِ الْقُلُوبُ الْحَنَاجِرَ وَتَظُنُّونَ بِاللَّهِ الظُّنُونَا10

Yeroo gubbaa keessaniifi garjalee keessan irraa isinitti dhufan, yeroo ijjis dabdee (hiramtee) onneenis kokkee geessee Rabbitti yaada fokkataa yaaddan san [yaadadhaa]
33:11Juz 21 · fu. 419

هُنَالِكَ ابْتُلِيَ الْمُؤْمِنُونَ وَزُلْزِلُوا زِلْزَالًا شَدِيدًا11

Bakka sanitti mu’uminoonni mokkoramaniiti, shorarkaa cimaa shoorarkeeffaman.
33:12Juz 21 · fu. 419

وَإِذْ يَقُولُ الْمُنَافِقُونَ وَالَّذِينَ فِي قُلُوبِهِمْ مَرَضٌ مَا وَعَدَنَا اللَّهُ وَرَسُولُهُ إِلَّا غُرُورًا12

Yeroo munaafiqootaafi isaan onnee isaanii keessa dhukkubni jiru “Rabbiifi ergamaan Isaas gowwoomsaa malee wanta biraa waadaa nuuf hin goone” jedhan [yaadadhaa].
33:13Juz 21 · fu. 419

وَإِذْ قَالَتْ طَائِفَةٌ مِنْهُمْ يَا أَهْلَ يَثْرِبَ لَا مُقَامَ لَكُمْ فَارْجِعُوا ۚ وَيَسْتَأْذِنُ فَرِيقٌ مِنْهُمُ النَّبِيَّ يَقُولُونَ إِنَّ بُيُوتَنَا عَوْرَةٌ وَمَا هِيَ بِعَوْرَةٍ ۖ إِنْ يُرِيدُونَ إِلَّا فِرَارًا13

Yeroo gareen isaan irraa taate “Yaa warra madiinaa teessumti isiniif hin jiruu deebi’aa” jattes [yaadadhaa]Gareen isaan irraa ta’e “manneen keenya hadiyyoo (duwwaa)dha” jedhanii odoo isheen hadiyyoo hin ta’iin hayyama gaafatuBaqa malee isaan waan biraa hin fedhanu
33:14Juz 21 · fu. 419

وَلَوْ دُخِلَتْ عَلَيْهِمْ مِنْ أَقْطَارِهَا ثُمَّ سُئِلُوا الْفِتْنَةَ لَآتَوْهَا وَمَا تَلَبَّثُوا بِهَا إِلَّا يَسِيرًا14

Odoo (magaalattiin) gama hundaan isaan irratti seenamtee, ergasii shirkii (diin irraa gara galuu) gaafatamanii, dhugumatti ni raawwatu turanIshee (shirkii simachuu) irraa waa xiqqoo malee hin turanu.
33:15Juz 21 · fu. 419

وَلَقَدْ كَانُوا عَاهَدُوا اللَّهَ مِنْ قَبْلُ لَا يُوَلُّونَ الْأَدْبَارَ ۚ وَكَانَ عَهْدُ اللَّهِ مَسْئُولًا15

Dhugumatti, kana dura hin baqannu jechuun Rabbiif waadaa galanii turanWaadaan Rabbii gaafatamaa ta’eera
33:16Juz 21 · fu. 420

قُلْ لَنْ يَنْفَعَكُمُ الْفِرَارُ إِنْ فَرَرْتُمْ مِنَ الْمَوْتِ أَوِ الْقَتْلِ وَإِذًا لَا تُمَتَّعُونَ إِلَّا قَلِيلًا16

“Yoo du’a yookiin ajjeechaa irraa baqattan ta’e baqachuun isin hin fayyaduYeroo san xiqqoo malee hin qanansiifamtanu” jedhiin
33:17Juz 21 · fu. 420

قُلْ مَنْ ذَا الَّذِي يَعْصِمُكُمْ مِنَ اللَّهِ إِنْ أَرَادَ بِكُمْ سُوءًا أَوْ أَرَادَ بِكُمْ رَحْمَةً ۚ وَلَا يَجِدُونَ لَهُمْ مِنْ دُونِ اللَّهِ وَلِيًّا وَلَا نَصِيرًا17

Jedhi: “Yoo Inni hamtuu yaade yookiin rahmata isiniif fedhe, namni Rabbi irraa isin baraaru eenyu? Rabbiin ala jaalalleefi tumsaas hin argatanu.
33:18Juz 21 · fu. 420

۞ قَدْ يَعْلَمُ اللَّهُ الْمُعَوِّقِينَ مِنْكُمْ وَالْقَائِلِينَ لِإِخْوَانِهِمْ هَلُمَّ إِلَيْنَا ۖ وَلَا يَأْتُونَ الْبَأْسَ إِلَّا قَلِيلًا18

Dhugumatti Rabbiin warra duubatti (namoota) deebasaniifi obboleeyyan isaaniitiin “gara keenya kottaa” jedhanii yeroo xiqqoo malee lola hin dhaqne ni beeka
33:19Juz 21 · fu. 420

أَشِحَّةً عَلَيْكُمْ ۖ فَإِذَا جَاءَ الْخَوْفُ رَأَيْتَهُمْ يَنْظُرُونَ إِلَيْكَ تَدُورُ أَعْيُنُهُمْ كَالَّذِي يُغْشَىٰ عَلَيْهِ مِنَ الْمَوْتِ ۖ فَإِذَا ذَهَبَ الْخَوْفُ سَلَقُوكُمْ بِأَلْسِنَةٍ حِدَادٍ أَشِحَّةً عَلَى الْخَيْرِ ۚ أُولَٰئِكَ لَمْ يُؤْمِنُوا فَأَحْبَطَ اللَّهُ أَعْمَالَهُمْ ۚ وَكَانَ ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ يَسِيرًا19

(Boojuu argachuu keessan) isin irratti doynoomoo ta’anii (malee lola hin dhufanu); yeroo sodaan isaanitti dhufe, akka isa du’aaf gaggabeetti kan ijji isaanii naannoftu ta’anii gara kee ilaalan isaan agartaYeroo sodaan deeme immoo qabeenya irratti bololoo ta’anii arraba qaraan isin waraanuJarri sun hin amanne; Rabbiinis dalagaalee isaanii jalaa balleesseerakunis Rabbi irratti laafaa ta’eera.
33:20Juz 21 · fu. 420

يَحْسَبُونَ الْأَحْزَابَ لَمْ يَذْهَبُوا ۖ وَإِنْ يَأْتِ الْأَحْزَابُ يَوَدُّوا لَوْ أَنَّهُمْ بَادُونَ فِي الْأَعْرَابِ يَسْأَلُونَ عَنْ أَنْبَائِكُمْ ۖ وَلَوْ كَانُوا فِيكُمْ مَا قَاتَلُوا إِلَّا قَلِيلًا20

(Munaafiqoonni) Tuutni kaafiraa hin deemne jedhanii yaaduYoo gamtaan diinaa dhufe immoo, baadiyyaatti bahanii tikfattoota keessatti (ta’anii) oduu keessan irraa gaggaafachuu jaallatuOdoo isin keessa ta’aniillee xiqqoo malee hin lolan ture
33:21Juz 21 · fu. 420

لَقَدْ كَانَ لَكُمْ فِي رَسُولِ اللَّهِ أُسْوَةٌ حَسَنَةٌ لِمَنْ كَانَ يَرْجُو اللَّهَ وَالْيَوْمَ الْآخِرَ وَذَكَرَ اللَّهَ كَثِيرًا21

Dhugumatti, ergamaa Rabbii keessatti nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraa sodaatee Rabbiin baay’inaan yaadatuuf hidhannaa gaariitu jira
33:22Juz 21 · fu. 420

وَلَمَّا رَأَى الْمُؤْمِنُونَ الْأَحْزَابَ قَالُوا هَٰذَا مَا وَعَدَنَا اللَّهُ وَرَسُولُهُ وَصَدَقَ اللَّهُ وَرَسُولُهُ ۚ وَمَا زَادَهُمْ إِلَّا إِيمَانًا وَتَسْلِيمًا22

Mu’uminoonni yeroma gamtaa diinaa argan “kun waan Rabbiifi ergamaan Isaa waadaa nuuf galaniRabbiifi ergamaan Isaas dhugaa dubbataniiru” jedhuIimaanaafi (Rabbitti) harka kennuu malee wanta biraa isaaniif hin daballe
33:23Juz 21 · fu. 421

مِنَ الْمُؤْمِنِينَ رِجَالٌ صَدَقُوا مَا عَاهَدُوا اللَّهَ عَلَيْهِ ۖ فَمِنْهُمْ مَنْ قَضَىٰ نَحْبَهُ وَمِنْهُمْ مَنْ يَنْتَظِرُ ۖ وَمَا بَدَّلُوا تَبْدِيلًا23

Mu’uminoota irraa namoota waan irratti waadaa Rabbiif galan dhugoomsantu jiru; isaan irraas nama dirqama isaa raawwatetu jira; isaan irraas nama eeggataa jirutu jiraJijjiirraa kamillee hin jijjiirre
33:24Juz 21 · fu. 421

لِيَجْزِيَ اللَّهُ الصَّادِقِينَ بِصِدْقِهِمْ وَيُعَذِّبَ الْمُنَافِقِينَ إِنْ شَاءَ أَوْ يَتُوبَ عَلَيْهِمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ كَانَ غَفُورًا رَحِيمًا24

Akka Rabbiin warra dhugaa dubbatan dhugaa isaaniitiin mindeessuufi munaafiqootas yoo fedhe akka adabuuf yookiin tawbaa isaanii akka irraa qeebaluuf (kana godhan)Dhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.
33:25Juz 21 · fu. 421

وَرَدَّ اللَّهُ الَّذِينَ كَفَرُوا بِغَيْظِهِمْ لَمْ يَنَالُوا خَيْرًا ۚ وَكَفَى اللَّهُ الْمُؤْمِنِينَ الْقِتَالَ ۚ وَكَانَ اللَّهُ قَوِيًّا عَزِيزًا25

Rabbiin isaan kafaran dallansuu isaaniitiin odoo toltuu tokkollee hin argatin isaan deebiseMu’uminootas Rabbiin lola (irraa) isaaniif ga’eeraAllaahn jabaa, injifataa ta’eera.
33:26Juz 21 · fu. 421

وَأَنْزَلَ الَّذِينَ ظَاهَرُوهُمْ مِنْ أَهْلِ الْكِتَابِ مِنْ صَيَاصِيهِمْ وَقَذَفَ فِي قُلُوبِهِمُ الرُّعْبَ فَرِيقًا تَقْتُلُونَ وَتَأْسِرُونَ فَرِيقًا26

(Rabbiin) abbootii kitaabaa irraa warra isaan (kaafiroota) gargaaran mooraa isaanii irraa isaan buusee, onnee isaanii keessattis sodaa darbeGarii isaanii ni ajjeeftu; garii isaanii immoo ni boojitu.
33:27Juz 21 · fu. 421

وَأَوْرَثَكُمْ أَرْضَهُمْ وَدِيَارَهُمْ وَأَمْوَالَهُمْ وَأَرْضًا لَمْ تَطَئُوهَا ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرًا27

Dachii isaanii, manneen isaanii, qabeenya isaaniitiifi dachii isin gubbaa hin ejjatiniis isin dhaalchiseRabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’eera.
33:28Juz 21 · fu. 421

يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ قُلْ لِأَزْوَاجِكَ إِنْ كُنْتُنَّ تُرِدْنَ الْحَيَاةَ الدُّنْيَا وَزِينَتَهَا فَتَعَالَيْنَ أُمَتِّعْكُنَّ وَأُسَرِّحْكُنَّ سَرَاحًا جَمِيلًا28

Yaa nabiyyichaa! Niitolii keetiin “jireenya addunyaatiifi bareeduma ishee kan feetan yoo taataniif, kottaa waan ittiin qananiitan isiniif kenneen, gadi dhiisuu bareedaa ta’e isin gadi dhiisa” jedhiin.
33:29Juz 21 · fu. 421

وَإِنْ كُنْتُنَّ تُرِدْنَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ وَالدَّارَ الْآخِرَةَ فَإِنَّ اللَّهَ أَعَدَّ لِلْمُحْسِنَاتِ مِنْكُنَّ أَجْرًا عَظِيمًا29

Rabbiin, ergamaa Isaatiifi mana Aakhiraa kan filattan yoo taatan immoo, isin irraa warra toltuu hojjataniif Rabbiin mindaa guddaa qopheessee jira
33:30Juz 21 · fu. 421

يَا نِسَاءَ النَّبِيِّ مَنْ يَأْتِ مِنْكُنَّ بِفَاحِشَةٍ مُبَيِّنَةٍ يُضَاعَفْ لَهَا الْعَذَابُ ضِعْفَيْنِ ۚ وَكَانَ ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ يَسِيرًا30

Yaa dubartoota nabiyyichaa! Isin irraa namni badii ifa galtuu taateen dhufe (raawwate), adabbiin dachaa lama isheetti godhamaKunis Rabbi irratti laafaa ta’eera.
33:31Juz 22 · fu. 422

۞ وَمَنْ يَقْنُتْ مِنْكُنَّ لِلَّهِ وَرَسُولِهِ وَتَعْمَلْ صَالِحًا نُؤْتِهَا أَجْرَهَا مَرَّتَيْنِ وَأَعْتَدْنَا لَهَا رِزْقًا كَرِيمًا31

Isin irraa isheen Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamtee toltuus hojjatte, mindaa ishee yeroo lama isheef kenninee, soorata gaariis (jennatas) isheedhaaf qopheessine
33:32Juz 22 · fu. 422

يَا نِسَاءَ النَّبِيِّ لَسْتُنَّ كَأَحَدٍ مِنَ النِّسَاءِ ۚ إِنِ اتَّقَيْتُنَّ فَلَا تَخْضَعْنَ بِالْقَوْلِ فَيَطْمَعَ الَّذِي فِي قَلْبِهِ مَرَضٌ وَقُلْنَ قَوْلًا مَعْرُوفًا32

Yaa dubartoota nabiyyichaa! Isin akka tokkoo dubartoota biraatii mitiAkka inni onnee isaa keessa dhukkubni jiru hin kajeelleef, yoo Rabbiin sodaattan jecha keessan hin laaffisinaa; jecha bareedaas dubbadhaa
33:33Juz 22 · fu. 422

وَقَرْنَ فِي بُيُوتِكُنَّ وَلَا تَبَرَّجْنَ تَبَرُّجَ الْجَاهِلِيَّةِ الْأُولَىٰ ۖ وَأَقِمْنَ الصَّلَاةَ وَآتِينَ الزَّكَاةَ وَأَطِعْنَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ ۚ إِنَّمَا يُرِيدُ اللَّهُ لِيُذْهِبَ عَنْكُمُ الرِّجْسَ أَهْلَ الْبَيْتِ وَيُطَهِّرَكُمْ تَطْهِيرًا33

Manneen keessan keessa taa’aa; akka mul’ifannaa bara wallaalaa duriittis miidhagina keessan hin mul’isinaa; salaatas sirnaan dhaabaa; zakaas kennaa; Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ajajamaaYaa maatii nabiyyichaa! Wanti Rabbiin fedhu xurii isin irraa deemsisee qulqulleessiinsa isin qulqulleessuu fedha.
33:34Juz 22 · fu. 422

وَاذْكُرْنَ مَا يُتْلَىٰ فِي بُيُوتِكُنَّ مِنْ آيَاتِ اللَّهِ وَالْحِكْمَةِ ۚ إِنَّ اللَّهَ كَانَ لَطِيفًا خَبِيرًا34

Keeyyattoota (Qur’aana) Rabbiifi hadiisa irraa waan manneen keessan keessatti dubbifamu hubadhaa (ittiin gorfamaa)Dhugumatti, Rabbiin keessa beekaa, hubataa ta’eera
33:35Juz 22 · fu. 422

إِنَّ الْمُسْلِمِينَ وَالْمُسْلِمَاتِ وَالْمُؤْمِنِينَ وَالْمُؤْمِنَاتِ وَالْقَانِتِينَ وَالْقَانِتَاتِ وَالصَّادِقِينَ وَالصَّادِقَاتِ وَالصَّابِرِينَ وَالصَّابِرَاتِ وَالْخَاشِعِينَ وَالْخَاشِعَاتِ وَالْمُتَصَدِّقِينَ وَالْمُتَصَدِّقَاتِ وَالصَّائِمِينَ وَالصَّائِمَاتِ وَالْحَافِظِينَ فُرُوجَهُمْ وَالْحَافِظَاتِ وَالذَّاكِرِينَ اللَّهَ كَثِيرًا وَالذَّاكِرَاتِ أَعَدَّ اللَّهُ لَهُمْ مَغْفِرَةً وَأَجْرًا عَظِيمًا35

Dhugumatti, dhiironni Muslimaatiifi dubartoonni Muslimaas, dhiironni mu’uminaatiifi dubartoonni mu’uminaas, dhiironni Rabbiif ajajamaniifi dubartoonni Rabbiif ajajamanis, dhiironni dhugaa dubbataniifi dubartoonni dhugaa dubbatanis, dhiironni obsaniifi dubartoonni obsanis, dhiironni (Rabbiin) sodaataniifi dubartoonni (Rabbiin) sodaatanis, dhiironni sadaqataniifi dubartoonni sadaqatanis, dhiironni soomaniifi dubartoonni soomanis, dhiironni qaama saalaa isaanii (haraama irraa) tikfataniifi dubartoonni tikfatanis, dhiironni hedduu Rabbiin faarsaniifi dubartoonni hedduu faarsanis, Rabbiin araaramaafi mindaa guddaa isaaniif qopheesseera
33:36Juz 22 · fu. 423

وَمَا كَانَ لِمُؤْمِنٍ وَلَا مُؤْمِنَةٍ إِذَا قَضَى اللَّهُ وَرَسُولُهُ أَمْرًا أَنْ يَكُونَ لَهُمُ الْخِيَرَةُ مِنْ أَمْرِهِمْ ۗ وَمَنْ يَعْصِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ فَقَدْ ضَلَّ ضَلَالًا مُبِينًا36

Mu’uminaafi mu’umintittiif yeroo Rabbiifi ergamaan Isaa dhimma tokko murteessan ajaja isaanii irraa filannoon biraa isaaniif jiraachuun hin taaneNamni Rabbiifi ergamaa Isaa dide, dhugumatti inni jallina ifa ta’e jallateera
33:37Juz 22 · fu. 423

وَإِذْ تَقُولُ لِلَّذِي أَنْعَمَ اللَّهُ عَلَيْهِ وَأَنْعَمْتَ عَلَيْهِ أَمْسِكْ عَلَيْكَ زَوْجَكَ وَاتَّقِ اللَّهَ وَتُخْفِي فِي نَفْسِكَ مَا اللَّهُ مُبْدِيهِ وَتَخْشَى النَّاسَ وَاللَّهُ أَحَقُّ أَنْ تَخْشَاهُ ۖ فَلَمَّا قَضَىٰ زَيْدٌ مِنْهَا وَطَرًا زَوَّجْنَاكَهَا لِكَيْ لَا يَكُونَ عَلَى الْمُؤْمِنِينَ حَرَجٌ فِي أَزْوَاجِ أَدْعِيَائِهِمْ إِذَا قَضَوْا مِنْهُنَّ وَطَرًا ۚ وَكَانَ أَمْرُ اللَّهِ مَفْعُولًا37

Yeroo ati isa Rabbiin tola irratti oolee atis tola irratti oolteen “Niitii kee qabadhu, Rabbiinis sodaadhu” jatteen [yaadadhu]Ammas (yeroo) waan Rabbiin isa ifa baasuuf taa’u, ati of keessatti dhoksitesOdoo Rabbiin sodaachuun irra haqa ta’uu yeroo nama sodaattes [yaadadhu]Akka mu’uminoota irratti niitii ilmaan guddisaa (guddifachaa) isaanii yeroo isaan dhimma irraa fixatan (fuuchuu) keessatti rakkoon hin taaneef jecha, Yeroma Zeydiin ishee irraa dhimma fixate (ishee hiike), ishee sitti heerumsiifneAjajni Rabbii raawwatamaa ta’eera
33:38Juz 22 · fu. 423

مَا كَانَ عَلَى النَّبِيِّ مِنْ حَرَجٍ فِيمَا فَرَضَ اللَّهُ لَهُ ۖ سُنَّةَ اللَّهِ فِي الَّذِينَ خَلَوْا مِنْ قَبْلُ ۚ وَكَانَ أَمْرُ اللَّهِ قَدَرًا مَقْدُورًا38

Waan Rabbiin isaaf murteesse keessatti nabiyyicha irra badiin tokkoyyuu hin jiruSun karaa Rabbii kan warra dur dabran keessatti (raawwatamaa) tureedhaAjajni Rabbiis murtee murteeffamaa ta’eedha
33:39Juz 22 · fu. 423

الَّذِينَ يُبَلِّغُونَ رِسَالَاتِ اللَّهِ وَيَخْشَوْنَهُ وَلَا يَخْشَوْنَ أَحَدًا إِلَّا اللَّهَ ۗ وَكَفَىٰ بِاللَّهِ حَسِيبًا39

(Isaan) warra ergaawwan Rabbii geessaniifi Isa malee waan tokkollee kan hin sodaanne Isa sodaataniidhaTiksaa ta’uuf Rabbiinuu ga’aadha.
33:40Juz 22 · fu. 423

مَا كَانَ مُحَمَّدٌ أَبَا أَحَدٍ مِنْ رِجَالِكُمْ وَلَٰكِنْ رَسُولَ اللَّهِ وَخَاتَمَ النَّبِيِّينَ ۗ وَكَانَ اللَّهُ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمًا40

Muhammad dhiirota keessan irraa abbaa nama tokkoos hin taaneGaruu inni ergamaa Rabbiitiifi xumura nabiyyootaa ta’eeraRabbiinis waan hunda beekaa ta’eera.
33:41Juz 22 · fu. 423

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اذْكُرُوا اللَّهَ ذِكْرًا كَثِيرًا41

Yaa warra amantan! Faaruu baay’ee Allaah faarsaa.
33:42Juz 22 · fu. 423

وَسَبِّحُوهُ بُكْرَةً وَأَصِيلًا42

Ganamaafi galgalas faaruudhaan Isa qulqulleessaa.
33:43Juz 22 · fu. 423

هُوَ الَّذِي يُصَلِّي عَلَيْكُمْ وَمَلَائِكَتُهُ لِيُخْرِجَكُمْ مِنَ الظُّلُمَاتِ إِلَى النُّورِ ۚ وَكَانَ بِالْمُؤْمِنِينَ رَحِيمًا43

Inni (Rabbiin) Isa rahmata isin irratti buusuudhaMaleykonni Isaas (akkasuma rahmata isiniif kadhatu); dukkana keessaa gara ifaatti isin baasuuf (isin mararfata); mu’uminootaafis akkaan rahmata godhaa ta’eera.
33:44Juz 22 · fu. 424

تَحِيَّتُهُمْ يَوْمَ يَلْقَوْنَهُ سَلَامٌ ۚ وَأَعَدَّ لَهُمْ أَجْرًا كَرِيمًا44

Guyyaa Isa qunnaman wanti isaan ittiin wal kabajan ‘nagaan (isin irra haa jiraatuu)’dha(Allaahnis) mindaa gaarii ta’e isaaniif qopheesseera
33:45Juz 22 · fu. 424

يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ إِنَّا أَرْسَلْنَاكَ شَاهِدًا وَمُبَشِّرًا وَنَذِيرًا45

Yaa nabiyyichaa! Nuti ragaa, gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee si erginee jirra
33:46Juz 22 · fu. 424

وَدَاعِيًا إِلَى اللَّهِ بِإِذْنِهِ وَسِرَاجًا مُنِيرًا46

Hayyama Isaatiin gara Rabbiitti waamaafi ifaa (haqa) ibsaa ta’e goonee (si ergine).
33:47Juz 22 · fu. 424

وَبَشِّرِ الْمُؤْمِنِينَ بِأَنَّ لَهُمْ مِنَ اللَّهِ فَضْلًا كَبِيرًا47

Rabbi irraa tolli guddaan isaaniif jiraachuun mu’uminoota gammachiisi.
33:48Juz 22 · fu. 424

وَلَا تُطِعِ الْكَافِرِينَ وَالْمُنَافِقِينَ وَدَعْ أَذَاهُمْ وَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ ۚ وَكَفَىٰ بِاللَّهِ وَكِيلًا48

Ajaja kaafirootaafi munaafiqootaas tole hin jedhinRakkoo isaaniis (Rabbumatti) dhiisiRabbi irrattiis hirkadhuIrratti hirkachuuf Rabbumatu ga’a.
33:49Juz 22 · fu. 424

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا نَكَحْتُمُ الْمُؤْمِنَاتِ ثُمَّ طَلَّقْتُمُوهُنَّ مِنْ قَبْلِ أَنْ تَمَسُّوهُنَّ فَمَا لَكُمْ عَلَيْهِنَّ مِنْ عِدَّةٍ تَعْتَدُّونَهَا ۖ فَمَتِّعُوهُنَّ وَسَرِّحُوهُنَّ سَرَاحًا جَمِيلًا49

Yaa warra amantan! Yeroo dubartoota mu’uminaa fuutanii, Sana booda odoo qunnamtii saalaa hin raawwatin isaan hiiktan, “Iddaan” isin isaan irratti lakkaawwattan isiniif hin jiruIsaan qanansiisaa, gadi dhiisuu bareedaas isaan gadi dhiisaa.
33:50Juz 22 · fu. 424

يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ إِنَّا أَحْلَلْنَا لَكَ أَزْوَاجَكَ اللَّاتِي آتَيْتَ أُجُورَهُنَّ وَمَا مَلَكَتْ يَمِينُكَ مِمَّا أَفَاءَ اللَّهُ عَلَيْكَ وَبَنَاتِ عَمِّكَ وَبَنَاتِ عَمَّاتِكَ وَبَنَاتِ خَالِكَ وَبَنَاتِ خَالَاتِكَ اللَّاتِي هَاجَرْنَ مَعَكَ وَامْرَأَةً مُؤْمِنَةً إِنْ وَهَبَتْ نَفْسَهَا لِلنَّبِيِّ إِنْ أَرَادَ النَّبِيُّ أَنْ يَسْتَنْكِحَهَا خَالِصَةً لَكَ مِنْ دُونِ الْمُؤْمِنِينَ ۗ قَدْ عَلِمْنَا مَا فَرَضْنَا عَلَيْهِمْ فِي أَزْوَاجِهِمْ وَمَا مَلَكَتْ أَيْمَانُهُمْ لِكَيْلَا يَكُونَ عَلَيْكَ حَرَجٌ ۗ وَكَانَ اللَّهُ غَفُورًا رَحِيمًا50

Yaa nabiyyichaa! Nuti niitiwwan kee isaan ‘Mahrii’ isaaniif kennite, (boojuu irraa) waan Rabbiin sitti deebise irraa warra harki kee horatte, shamarran abbeeraa (wasiila) keetii, shamarran adaadota keetii, shamarran eessumman keetiifi shamarran haboo (obboleettii haadha) keetiis isaan si waliin godaanan, dubartii mu’uminaas yoo isheen nabiyyichaaf of kennitee yoo nabiyyiinis ishee fuuchuu fedhe, mu’uminoota biraatiif odoo hin ta’in si qofaaf qulqulluu taatee (isaan fuuchuu) halaal siif goonee jirraIsaan (mu’uminoota) irratti niitii isaaniitiifi waan harki isaanii horatte keessatti wanta isaan irratti dirqama goone dhugumatti beeknee jirraAkka rakkoon si irratti hin taaneef (kana goone)Rabbiinis araaramaa, rahmata godhaa ta’eera
33:51Juz 22 · fu. 425

۞ تُرْجِي مَنْ تَشَاءُ مِنْهُنَّ وَتُؤْوِي إِلَيْكَ مَنْ تَشَاءُ ۖ وَمَنِ ابْتَغَيْتَ مِمَّنْ عَزَلْتَ فَلَا جُنَاحَ عَلَيْكَ ۚ ذَٰلِكَ أَدْنَىٰ أَنْ تَقَرَّ أَعْيُنُهُنَّ وَلَا يَحْزَنَّ وَيَرْضَيْنَ بِمَا آتَيْتَهُنَّ كُلُّهُنَّ ۚ وَاللَّهُ يَعْلَمُ مَا فِي قُلُوبِكُمْ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَلِيمًا حَلِيمًا51

Isaan irraa nama feete dhiiftee, nama feete immoo gara keetti maxxanfattaIsaan yeroof dhiifte irraa nama feete (yoo fuutes), badiin sirra hin jiruIjji isaanii gammaduu, gadduu dhabuufi hundi isaanii waan ati isaaniif kennite jaallachutti kanatu dhihoodhaRabbiin waan onnee keessan keessa jiru ni beekaRabbiin beekaa, obsaa ta’eera.
33:52Juz 22 · fu. 425

لَا يَحِلُّ لَكَ النِّسَاءُ مِنْ بَعْدُ وَلَا أَنْ تَبَدَّلَ بِهِنَّ مِنْ أَزْوَاجٍ وَلَوْ أَعْجَبَكَ حُسْنُهُنَّ إِلَّا مَا مَلَكَتْ يَمِينُكَ ۗ وَكَانَ اللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ رَقِيبًا52

Kana booda dubartoonni (biraa) siif halaal hin ta’anu; odoma bareedinni isaanii si dinqisiisellee bakka isaanii warra biraa jijjiiruunis, waan mirgi kee dhuunfatte malee (halaala siif hin ta’u)Rabbiinis waan hunda irratti too’ataa ta’eera.
33:53Juz 22 · fu. 425

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَدْخُلُوا بُيُوتَ النَّبِيِّ إِلَّا أَنْ يُؤْذَنَ لَكُمْ إِلَىٰ طَعَامٍ غَيْرَ نَاظِرِينَ إِنَاهُ وَلَٰكِنْ إِذَا دُعِيتُمْ فَادْخُلُوا فَإِذَا طَعِمْتُمْ فَانْتَشِرُوا وَلَا مُسْتَأْنِسِينَ لِحَدِيثٍ ۚ إِنَّ ذَٰلِكُمْ كَانَ يُؤْذِي النَّبِيَّ فَيَسْتَحْيِي مِنْكُمْ ۖ وَاللَّهُ لَا يَسْتَحْيِي مِنَ الْحَقِّ ۚ وَإِذَا سَأَلْتُمُوهُنَّ مَتَاعًا فَاسْأَلُوهُنَّ مِنْ وَرَاءِ حِجَابٍ ۚ ذَٰلِكُمْ أَطْهَرُ لِقُلُوبِكُمْ وَقُلُوبِهِنَّ ۚ وَمَا كَانَ لَكُمْ أَنْ تُؤْذُوا رَسُولَ اللَّهِ وَلَا أَنْ تَنْكِحُوا أَزْوَاجَهُ مِنْ بَعْدِهِ أَبَدًا ۚ إِنَّ ذَٰلِكُمْ كَانَ عِنْدَ اللَّهِ عَظِيمًا53

Yaa warra amantan! Haala bilchina isaa hin eegneen, yoo gara nyaataatti hayyamni isiniif godhame malee manneen nabiyyii hin seeninaaGaruu yeroo waamamtan seenaa; yeroo nyaattanii raawwattan haasa’atti mukuu bahuun (boharuun) maleetti bittinnaa’aaDhugumatti, (gochi) sun nabiyyii rakkisa; isin irraa ni saalfata ta’aRabbiin garuu dhugaa irraa hin saalfatuYeroo meeshaa isaan (niitolii nabiyyii) gaafattanis haguuggii (girdoo) duubaan isaan gaafadhaaAkkas gochuu keessantu onnee keessaniifi onnee isaaniitiifis irra qulqulluudhaErgamaa Rabbii rakkisuufi niitiwwan isaaniis booda (du’a) isaatii gonkumaa fuuchuun isiniif hin maluDhugumatti, (gochi) sun Rabbiin biratti (badii) guddaa ta’eera
33:54Juz 22 · fu. 425

إِنْ تُبْدُوا شَيْئًا أَوْ تُخْفُوهُ فَإِنَّ اللَّهَ كَانَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمًا54

Waan tokko yoo ifa gootan, yookiin yoo isa dhoksitanis dhugumatti Rabbiin waan hunda beekaa ta’eera.
33:55Juz 22 · fu. 426

لَا جُنَاحَ عَلَيْهِنَّ فِي آبَائِهِنَّ وَلَا أَبْنَائِهِنَّ وَلَا إِخْوَانِهِنَّ وَلَا أَبْنَاءِ إِخْوَانِهِنَّ وَلَا أَبْنَاءِ أَخَوَاتِهِنَّ وَلَا نِسَائِهِنَّ وَلَا مَا مَلَكَتْ أَيْمَانُهُنَّ ۗ وَاتَّقِينَ اللَّهَ ۚ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ شَهِيدًا55

Isaan (dubartoota nabiyyii SAW) irratti abboota isaanii, ilmaan isaanii, obboleeyyan isaanii, ilmaan obboleeyyan isaanii, ilmaan obbleettiwwan isaanii, dubartoota isaaniitii (Muslimtootaatii)fi waan mirgi isaanii horatte (gabroota isaanii) biratti (miidhaagina isaanii mul’isuu) keessatti badiin isaan irra hin jiruAllaahs sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti ragaa ta’eera.

إِنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ ۚ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا56

Dhugumatti, Rabbiifi maleykonni Isaas nabiyyii irratti rahmata buusuYaa warra amantan! (isinis) rahmata isa irratti buusaa; nageenyas buusinsa buusaa
33:57Juz 22 · fu. 426

إِنَّ الَّذِينَ يُؤْذُونَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ لَعَنَهُمُ اللَّهُ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ وَأَعَدَّ لَهُمْ عَذَابًا مُهِينًا57

Dhugumatti, isaan Rabbiifi ergamaa Isaa rakkisan, Rabbiin addunyaafi Aakhiraa keessattis isaan abaareeraadabbii xiqqeessaa ta’es isaaniif qopheesseera.
33:58Juz 22 · fu. 426

وَالَّذِينَ يُؤْذُونَ الْمُؤْمِنِينَ وَالْمُؤْمِنَاتِ بِغَيْرِ مَا اكْتَسَبُوا فَقَدِ احْتَمَلُوا بُهْتَانًا وَإِثْمًا مُبِينًا58

Isaan mu’uminoota dhiiraafi mu’uminoota dubartiis waan isaan hin hojjatatiniin rakkisan, dhugumatti isaan cubbuufi badii ifa ba’aa baadhataniiru.
33:59Juz 22 · fu. 426

يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ قُلْ لِأَزْوَاجِكَ وَبَنَاتِكَ وَنِسَاءِ الْمُؤْمِنِينَ يُدْنِينَ عَلَيْهِنَّ مِنْ جَلَابِيبِهِنَّ ۚ ذَٰلِكَ أَدْنَىٰ أَنْ يُعْرَفْنَ فَلَا يُؤْذَيْنَ ۗ وَكَانَ اللَّهُ غَفُورًا رَحِيمًا59

Yaa nabiyyichaa! “Niitolii keetiin, shamarran keetiifi dubartoota mu’uminootatiinis, jilbaaba (hijaaba) isaanii (qaama) isaanii irratti gadi buusaa” jedhiinAkka beekamanii hin rakkifamneefis kanatu irra dhihoodhaRabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.
33:60Juz 22 · fu. 426

۞ لَئِنْ لَمْ يَنْتَهِ الْمُنَافِقُونَ وَالَّذِينَ فِي قُلُوبِهِمْ مَرَضٌ وَالْمُرْجِفُونَ فِي الْمَدِينَةِ لَنُغْرِيَنَّكَ بِهِمْ ثُمَّ لَا يُجَاوِرُونَكَ فِيهَا إِلَّا قَلِيلًا60

Munaafiqoonni warri onnee isaanii keessa dhukkubni jiruufi isaan Madiina keessatti shororkeessitoota ta’aniis yoo hin dhorgamin, Nuti dhugumatti isaan irratti si moosifna; sana booda yeroo gabaabaaf malee ishee (Madiina) keessa sitti olloomanii hin jiraatan.
33:61Juz 22 · fu. 426

مَلْعُونِينَ ۖ أَيْنَمَا ثُقِفُوا أُخِذُوا وَقُتِّلُوا تَقْتِيلًا61

Abaaramtoota ta’anii malee (Madiinaa keessatti sitti hin ollooman); Iddoma argamanitti qabamanii ajjeefamiinsa (hamaa) ajjeefaman.
33:62Juz 22 · fu. 426

سُنَّةَ اللَّهِ فِي الَّذِينَ خَلَوْا مِنْ قَبْلُ ۖ وَلَنْ تَجِدَ لِسُنَّةِ اللَّهِ تَبْدِيلًا62

Karaa Rabbii kan warra duraan dabran keessatti (Inni karaa godhe)Karaa Rabbiitiifis jijjiirama hin argitu.
33:63Juz 22 · fu. 427

يَسْأَلُكَ النَّاسُ عَنِ السَّاعَةِ ۖ قُلْ إِنَّمَا عِلْمُهَا عِنْدَ اللَّهِ ۚ وَمَا يُدْرِيكَ لَعَلَّ السَّاعَةَ تَكُونُ قَرِيبًا63

Namoonni Qiyaamaa irraa si gaafatu“Dhugumatti, beekumsi ishee Rabbuma bira jira” jedhiinMaaltu si beeksise? Tasa Qiyaamaan dhihoo ta’uun ni kajeelama.
33:64Juz 22 · fu. 427

إِنَّ اللَّهَ لَعَنَ الْكَافِرِينَ وَأَعَدَّ لَهُمْ سَعِيرًا64

Dhugumatti, Rabbiin kaafiroota abaaree ibidda boba’aas isaaniif qopheessee jira.
33:65Juz 22 · fu. 427

خَالِدِينَ فِيهَا أَبَدًا ۖ لَا يَجِدُونَ وَلِيًّا وَلَا نَصِيرًا65

Yeroo hundas ishee keessa kan jiraatan ta’anii, jaalallees ta’ee gargaaraa (isaan baraaru) hin argatan.
33:66Juz 22 · fu. 427

يَوْمَ تُقَلَّبُ وُجُوهُهُمْ فِي النَّارِ يَقُولُونَ يَا لَيْتَنَا أَطَعْنَا اللَّهَ وَأَطَعْنَا الرَّسُولَا66

Guyyaa fuulli isaanii ibidda keessatti gara gaggalfamtu, “yaa hawwii keenya! Odoo ajaja Rabbiitiifi ajaja ergamaa (Isaa) fudhannee” jedhan.
33:67Juz 22 · fu. 427

وَقَالُوا رَبَّنَا إِنَّا أَطَعْنَا سَادَتَنَا وَكُبَرَاءَنَا فَأَضَلُّونَا السَّبِيلَا67

“Yaa Gooftaa keenya! Nuti ajaja matootii keenyaafi gurguddoota keenyaa fudhanneeti isaanis karaa nu jallisan” jedhan.
33:68Juz 22 · fu. 427

رَبَّنَا آتِهِمْ ضِعْفَيْنِ مِنَ الْعَذَابِ وَالْعَنْهُمْ لَعْنًا كَبِيرًا68

“Yaa Gooftaa keenya! adabbii irraa dachaa lama isaaniif kennii abaarsa guddaa ta’es isaan abaari.”
33:69Juz 22 · fu. 427

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَكُونُوا كَالَّذِينَ آذَوْا مُوسَىٰ فَبَرَّأَهُ اللَّهُ مِمَّا قَالُوا ۚ وَكَانَ عِنْدَ اللَّهِ وَجِيهًا69

Yaa warra amantan! Akka warra Muusaa rakkifnaan Rabbiinis waan isaan jedhan irraa isa (Muusaa) qulqulleessee san hin ta’inaaInnis Rabbiin biratti kabajamaa ta’eera.
33:70Juz 22 · fu. 427

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اتَّقُوا اللَّهَ وَقُولُوا قَوْلًا سَدِيدًا70

Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; jecha sirrii dubbadhaa.
33:71Juz 22 · fu. 427

يُصْلِحْ لَكُمْ أَعْمَالَكُمْ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ذُنُوبَكُمْ ۗ وَمَنْ يُطِعِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ فَقَدْ فَازَ فَوْزًا عَظِيمًا71

Dalagaalee keessanis isiniif tolcha; badiiwwan keessaniis isiniif araaramaNamni ajaja Rabbiifi ergamaa Isaa fudhate dhugumatti milkii guddaa milkaa’eera.
33:72Juz 22 · fu. 427

إِنَّا عَرَضْنَا الْأَمَانَةَ عَلَى السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَالْجِبَالِ فَأَبَيْنَ أَنْ يَحْمِلْنَهَا وَأَشْفَقْنَ مِنْهَا وَحَمَلَهَا الْإِنْسَانُ ۖ إِنَّهُ كَانَ ظَلُومًا جَهُولًا72

Nuti amaanaa samii, dachiifi gaarreen irra (bifa filannootiin) fidnaan ishee baadhachuu didanii; ishee irraas sodaatanNamni immoo ishee baadhateDugumatti, inni akkaan of miidhaa, wallaalaa ta’ee jira.
33:73Juz 22 · fu. 427

لِيُعَذِّبَ اللَّهُ الْمُنَافِقِينَ وَالْمُنَافِقَاتِ وَالْمُشْرِكِينَ وَالْمُشْرِكَاتِ وَيَتُوبَ اللَّهُ عَلَى الْمُؤْمِنِينَ وَالْمُؤْمِنَاتِ ۗ وَكَانَ اللَّهُ غَفُورًا رَحِيمًا73

Rabbiin munaafiqoota dhiiraafi dubartii, mushrikoota dhiiraafi dubartiis adabuufi akkasumas Rabbiin mu’uminoota dhiiraafi dubartii irraa tawbaa qeebaluuf jecha (kana godhe)Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera

Jalqaba suuraa irraa taphachiisi

Sahl Yaseen - Al-Ahzab · Tlawati