Ash-Shura

سورة الشورى

Suuraa 42 · Makkiyyaa · 53 aayota

42:1Juz 25 · fu. 483

حم1

Haa Miim.
42:2Juz 25 · fu. 483

عسق2

Ayn Siin Qaaf.
42:3Juz 25 · fu. 483

كَذَٰلِكَ يُوحِي إِلَيْكَ وَإِلَى الَّذِينَ مِنْ قَبْلِكَ اللَّهُ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ3

Akka kanaan Rabbiin injifataa ogeessa ta’e gara keetiifi gara isaan siin duraa wahyii godha.
42:4Juz 25 · fu. 483

لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۖ وَهُوَ الْعَلِيُّ الْعَظِيمُ4

Wanti samiifi wanti dachii keessaa hundi kan IsaatiInni ol ta’aa, guddaadha.
42:5Juz 25 · fu. 483

تَكَادُ السَّمَاوَاتُ يَتَفَطَّرْنَ مِنْ فَوْقِهِنَّ ۚ وَالْمَلَائِكَةُ يُسَبِّحُونَ بِحَمْدِ رَبِّهِمْ وَيَسْتَغْفِرُونَ لِمَنْ فِي الْأَرْضِ ۗ أَلَا إِنَّ اللَّهَ هُوَ الْغَفُورُ الرَّحِيمُ5

Samiin (torban) wal gubbaa baqaquutti dhihaattiMaleeykonni faaruu Gooftaa isaaniitiin Isa qulqulleessuNama dachii keessa jiruufis araarama kadhatuDhaga’aa! Dhugumatti, Rabbiin Isumatu araaramaa, rahmata godhaadha.
42:6Juz 25 · fu. 483

وَالَّذِينَ اتَّخَذُوا مِنْ دُونِهِ أَوْلِيَاءَ اللَّهُ حَفِيظٌ عَلَيْهِمْ وَمَا أَنْتَ عَلَيْهِمْ بِوَكِيلٍ6

Warri Isaan alatti jaalallee godhatan, Rabbiin isaan to’ataAti isaan irratti itti gaafatamaa miti.
42:7Juz 25 · fu. 483

وَكَذَٰلِكَ أَوْحَيْنَا إِلَيْكَ قُرْآنًا عَرَبِيًّا لِتُنْذِرَ أُمَّ الْقُرَىٰ وَمَنْ حَوْلَهَا وَتُنْذِرَ يَوْمَ الْجَمْعِ لَا رَيْبَ فِيهِ ۚ فَرِيقٌ فِي الْجَنَّةِ وَفَرِيقٌ فِي السَّعِيرِ7

Akka (warra) haadhoo magaalaa (Makkaa)fi waarra moggaa ishee sodaachiftee, guyyaa wal ga’ii kan shakkii hin qabnes akka dinniintuuf Qur’aana Afaan Arabaa gara keetti beeksisa gooneGariin jannata seenu; gariin immoo ibidda keessa.
42:8Juz 25 · fu. 483

وَلَوْ شَاءَ اللَّهُ لَجَعَلَهُمْ أُمَّةً وَاحِدَةً وَلَٰكِنْ يُدْخِلُ مَنْ يَشَاءُ فِي رَحْمَتِهِ ۚ وَالظَّالِمُونَ مَا لَهُمْ مِنْ وَلِيٍّ وَلَا نَصِيرٍ8

Rabbiin odoo fedhee ummata tokko isaan taasisa; garuu nama fedhe rahmata Isaa keessa galchaMiidhaa raawwattoota jaalallees ta’ee tumsaan isaaniif hin jiru.
42:9Juz 25 · fu. 483

أَمِ اتَّخَذُوا مِنْ دُونِهِ أَوْلِيَاءَ ۖ فَاللَّهُ هُوَ الْوَلِيُّ وَهُوَ يُحْيِي الْمَوْتَىٰ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ9

Moo Isaan ala jaalallee taasifatu? Rabbiin Isumatu jaalalleedhaIsumatu du’aas kaasaInni waan hunda irratti danda’aadha.
42:10Juz 25 · fu. 483

وَمَا اخْتَلَفْتُمْ فِيهِ مِنْ شَيْءٍ فَحُكْمُهُ إِلَى اللَّهِ ۚ ذَٰلِكُمُ اللَّهُ رَبِّي عَلَيْهِ تَوَكَّلْتُ وَإِلَيْهِ أُنِيبُ10

Wanti isin irratti wal dhabdan hunduu murtiin isaa garuma RabbiitiInni sun Allaahdha; Gooftaa kiyya; Isa irratti hirkadhe; garuma Isaattin deebi’as.
42:11Juz 25 · fu. 484

فَاطِرُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ جَعَلَ لَكُمْ مِنْ أَنْفُسِكُمْ أَزْوَاجًا وَمِنَ الْأَنْعَامِ أَزْوَاجًا ۖ يَذْرَؤُكُمْ فِيهِ ۚ لَيْسَ كَمِثْلِهِ شَيْءٌ ۖ وَهُوَ السَّمِيعُ الْبَصِيرُ11

(Inni) uumaa samiifi dachiitiLubbuu keessan irraa qindiiwwan (haadholee manaa) isiniif godhe; beyladoota irraas cimdii (kormaafi dhalaa isiniif taasise)Bifa kanaan isin baay’isaFakkaataan Isaa (Allaah) hin jiruInni dhaga’aa, argaadha.
42:12Juz 25 · fu. 484

لَهُ مَقَالِيدُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ يَبْسُطُ الرِّزْقَ لِمَنْ يَشَاءُ وَيَقْدِرُ ۚ إِنَّهُ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ12

Furtuun samiifi dachii kan IsaatiNama fedheef kennaa bal’isa; (kan fedhe immoo itti) dhiphisaDhugumatti Inni waan hunda beekaadha.
42:13Juz 25 · fu. 484

۞ شَرَعَ لَكُمْ مِنَ الدِّينِ مَا وَصَّىٰ بِهِ نُوحًا وَالَّذِي أَوْحَيْنَا إِلَيْكَ وَمَا وَصَّيْنَا بِهِ إِبْرَاهِيمَ وَمُوسَىٰ وَعِيسَىٰ ۖ أَنْ أَقِيمُوا الدِّينَ وَلَا تَتَفَرَّقُوا فِيهِ ۚ كَبُرَ عَلَى الْمُشْرِكِينَ مَا تَدْعُوهُمْ إِلَيْهِ ۚ اللَّهُ يَجْتَبِي إِلَيْهِ مَنْ يَشَاءُ وَيَهْدِي إِلَيْهِ مَنْ يُنِيبُ13

Amantii irraa waan Nuuhiif dhaameefi isa gara kee wahyii goone, waan Ibraahiim, Muusaafi Iisaaf dhaamne karaa isiniif godhe[Inni] amantii sirriitti hojjadhaa, isa keessattiis addaan hin babahinaa jechuudhaWanti ati itti waamtu mushrikoota irratti guddateera! Rabbiin nama fedhe gara isaatti filata; nama tawbabates gara Isaatti qajeelcha.
42:14Juz 25 · fu. 484

وَمَا تَفَرَّقُوا إِلَّا مِنْ بَعْدِ مَا جَاءَهُمُ الْعِلْمُ بَغْيًا بَيْنَهُمْ ۚ وَلَوْلَا كَلِمَةٌ سَبَقَتْ مِنْ رَبِّكَ إِلَىٰ أَجَلٍ مُسَمًّى لَقُضِيَ بَيْنَهُمْ ۚ وَإِنَّ الَّذِينَ أُورِثُوا الْكِتَابَ مِنْ بَعْدِهِمْ لَفِي شَكٍّ مِنْهُ مُرِيبٍ14

Erga beekumsi isaanitti dhufee booda sababaa jibbaa gidduu isaanii jiruuf malee adda hin babaaneOdoo jechi Gooftaa kee biraa hanga yeroo beekamaatti dabre jiraachuu baatee, silaa gidduu isaaniitti murtaa’a tureWarri isaan booda kitaaba dhaalchifaman isa irraa shakkii cimaa keessa jiru.
42:15Juz 25 · fu. 484

فَلِذَٰلِكَ فَادْعُ ۖ وَاسْتَقِمْ كَمَا أُمِرْتَ ۖ وَلَا تَتَّبِعْ أَهْوَاءَهُمْ ۖ وَقُلْ آمَنْتُ بِمَا أَنْزَلَ اللَّهُ مِنْ كِتَابٍ ۖ وَأُمِرْتُ لِأَعْدِلَ بَيْنَكُمُ ۖ اللَّهُ رَبُّنَا وَرَبُّكُمْ ۖ لَنَا أَعْمَالُنَا وَلَكُمْ أَعْمَالُكُمْ ۖ لَا حُجَّةَ بَيْنَنَا وَبَيْنَكُمُ ۖ اللَّهُ يَجْمَعُ بَيْنَنَا ۖ وَإِلَيْهِ الْمَصِيرُ15

Kanaafuu (tokkummaa) sanatti waamiAkkuma ajajamtetti (haqa irratti) gadi dhaabbadhuFedhii isaanii hin hordofin“Kitaaba irraa waan Rabbiin buusetti amaneera; gidduu keessanitti haqa murteessuus ajajameeraAllaahn Gooftaa keenyaafi Gooftaa keessaniNuuf hojii keenyatu jira; Isiniifis hojii keessantu jiraGidduu keenyaafi keessanitti mormiin hin jiruRabbiin (Guyyaa Qiyaamaa) gidduu keenya walitti qabaDeebiinis garuma Isaatti” jedhi.
42:16Juz 25 · fu. 485

وَالَّذِينَ يُحَاجُّونَ فِي اللَّهِ مِنْ بَعْدِ مَا اسْتُجِيبَ لَهُ حُجَّتُهُمْ دَاحِضَةٌ عِنْدَ رَبِّهِمْ وَعَلَيْهِمْ غَضَبٌ وَلَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ16

Warri erga Isaaf (Rabbiif) owwaatamee booda, (diin) Rabbii keessatti falman ragaan isaanii Gooftaa isaanii biratti kuftuudhaDallansuun Rabbii isaan irra jira; adabbiin cimaanis isaaniif jira
42:17Juz 25 · fu. 485

اللَّهُ الَّذِي أَنْزَلَ الْكِتَابَ بِالْحَقِّ وَالْمِيزَانَ ۗ وَمَا يُدْرِيكَ لَعَلَّ السَّاعَةَ قَرِيبٌ17

Rabbiin Isa kitaabaafi madaala haqaan buuseedhaQiyaaman dhihoo ta’uun ni kajeelamaa maaltu si beeksise?!
42:18Juz 25 · fu. 485

يَسْتَعْجِلُ بِهَا الَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ بِهَا ۖ وَالَّذِينَ آمَنُوا مُشْفِقُونَ مِنْهَا وَيَعْلَمُونَ أَنَّهَا الْحَقُّ ۗ أَلَا إِنَّ الَّذِينَ يُمَارُونَ فِي السَّاعَةِ لَفِي ضَلَالٍ بَعِيدٍ18

Isaan isheetti hin amanin ishee jarjarfatuIsaan amanan (garuu) ishee irraa sodaatu; haqa ta’uu ishees ni beekuDhagayaa! Isaan Qiyaamaa keessatti falmanu jallina fagoo keessa jiru.
42:19Juz 25 · fu. 485

اللَّهُ لَطِيفٌ بِعِبَادِهِ يَرْزُقُ مَنْ يَشَاءُ ۖ وَهُوَ الْقَوِيُّ الْعَزِيزُ19

Rabbiin gabroota Isaatiif akkaan rahmata godhaNama fedhes ni sooraInni jabaa injifataadha.
42:20Juz 25 · fu. 485

مَنْ كَانَ يُرِيدُ حَرْثَ الْآخِرَةِ نَزِدْ لَهُ فِي حَرْثِهِ ۖ وَمَنْ كَانَ يُرِيدُ حَرْثَ الدُّنْيَا نُؤْتِهِ مِنْهَا وَمَا لَهُ فِي الْآخِرَةِ مِنْ نَصِيبٍ20

Nama mindaa Aakhiraa fedha ta’e mindaa isaa keessatti isaaf daballaNama mindaa addunyaa fedha ta’es ishee irraa isaaf kenninaAakhiraatti immoo qoodni isaaf hin jiru.
42:21Juz 25 · fu. 485

أَمْ لَهُمْ شُرَكَاءُ شَرَعُوا لَهُمْ مِنَ الدِّينِ مَا لَمْ يَأْذَنْ بِهِ اللَّهُ ۚ وَلَوْلَا كَلِمَةُ الْفَصْلِ لَقُضِيَ بَيْنَهُمْ ۗ وَإِنَّ الظَّالِمِينَ لَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ21

Sila shariikota amantii irraa waan Rabbiin isa hin hayyamin karaa isaaniif godhantu jiraa? Odoo jechi murtiin (Guyyaa Qiyaamaati jedhu) jiraachuu baatee gidduu isaaniitti ni murteeffama tureMiidhaa hojjattoonni, isaaniif adabbii laalessaatu jira
42:22Juz 25 · fu. 485

تَرَى الظَّالِمِينَ مُشْفِقِينَ مِمَّا كَسَبُوا وَهُوَ وَاقِعٌ بِهِمْ ۗ وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ فِي رَوْضَاتِ الْجَنَّاتِ ۖ لَهُمْ مَا يَشَاءُونَ عِنْدَ رَبِّهِمْ ۚ ذَٰلِكَ هُوَ الْفَضْلُ الْكَبِيرُ22

Miidhaa raawwattoota waan hojjatan irraa odoma isaanitti bu’uu taa’uu kan sodaatan ta’uu argitaIsaan amananii, toltuu hojjatan immoo caffeewwan jannataa keessa jiraatu; isaaniif Gooftaa isaanii bira waan fedhantu jiraKun isumatu tola guddaadha
42:23Juz 25 · fu. 486

ذَٰلِكَ الَّذِي يُبَشِّرُ اللَّهُ عِبَادَهُ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ ۗ قُلْ لَا أَسْأَلُكُمْ عَلَيْهِ أَجْرًا إِلَّا الْمَوَدَّةَ فِي الْقُرْبَىٰ ۗ وَمَنْ يَقْتَرِفْ حَسَنَةً نَزِدْ لَهُ فِيهَا حُسْنًا ۚ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ شَكُورٌ23

Kun isa Rabbiin gabroota Isaa isaan amananii, toltuu hojjatan ittiin gammachiisuudha“Isa (Qur’aana) irratti jaalala firummaa malee mindaa isin hin gaafadhuNama toltuu hojjate ishee (toltuu) keessatti gaarii isaaf daballaRabbiin araaramaa, galateeffataadha
42:24Juz 25 · fu. 486

أَمْ يَقُولُونَ افْتَرَىٰ عَلَى اللَّهِ كَذِبًا ۖ فَإِنْ يَشَإِ اللَّهُ يَخْتِمْ عَلَىٰ قَلْبِكَ ۗ وَيَمْحُ اللَّهُ الْبَاطِلَ وَيُحِقُّ الْحَقَّ بِكَلِمَاتِهِ ۚ إِنَّهُ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ24

Rabbi irratti soba uume jedhuu? Rabbiin immoo yoo fedhe onnee kee irratti cufeeti dhara haqee haqa jecha Isaatiin mirkaneessaInni waan qoma keessa jiru beekaadha.
42:25Juz 25 · fu. 486

وَهُوَ الَّذِي يَقْبَلُ التَّوْبَةَ عَنْ عِبَادِهِ وَيَعْفُو عَنِ السَّيِّئَاتِ وَيَعْلَمُ مَا تَفْعَلُونَ25

Inni Isa gabroota Isaa irraa tawbaa qeebalu; Kan hamtuus irra dabruufi waan isin dalagdan beekuudha.
42:26Juz 25 · fu. 486

وَيَسْتَجِيبُ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ وَيَزِيدُهُمْ مِنْ فَضْلِهِ ۚ وَالْكَافِرُونَ لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ26

Isaan amananii toltuu dalaganiif ni owwaataToltuu Isaa irraas isaaniif dabalaKaafiroonni isaaniif adabbii cimaatu jira
42:27Juz 25 · fu. 486

۞ وَلَوْ بَسَطَ اللَّهُ الرِّزْقَ لِعِبَادِهِ لَبَغَوْا فِي الْأَرْضِ وَلَٰكِنْ يُنَزِّلُ بِقَدَرٍ مَا يَشَاءُ ۚ إِنَّهُ بِعِبَادِهِ خَبِيرٌ بَصِيرٌ27

Rabbiin gabroota Isaatiif kennaa odoo bal’isee, silaa dachii keessatti daangaa dabru turanGaruu waan fedhe qixa sirrii ta’een buusaInni gabroota Isaa keessa beekaa, argaadha.
42:28Juz 25 · fu. 486

وَهُوَ الَّذِي يُنَزِّلُ الْغَيْثَ مِنْ بَعْدِ مَا قَنَطُوا وَيَنْشُرُ رَحْمَتَهُ ۚ وَهُوَ الْوَلِيُّ الْحَمِيدُ28

Inni Isa erga abdii kutatanii, bokkaa buusuufi rahmata Isaa babal’isuudhaInni gargaaraa, faarfamaadha
42:29Juz 25 · fu. 486

وَمِنْ آيَاتِهِ خَلْقُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَا بَثَّ فِيهِمَا مِنْ دَابَّةٍ ۚ وَهُوَ عَلَىٰ جَمْعِهِمْ إِذَا يَشَاءُ قَدِيرٌ29

Samii torban, dechiifi lubbu qabeeyyii isaan lamaan keessa facaase uumuun mallattoolee Isaa irraayyiInni yeroo fedhetti walitti isaan qabuu irrattis danda’aadha.
42:30Juz 25 · fu. 486

وَمَا أَصَابَكُمْ مِنْ مُصِيبَةٍ فَبِمَا كَسَبَتْ أَيْدِيكُمْ وَيَعْفُو عَنْ كَثِيرٍ30

Hamtuu irraa wanti isin tuqe waanuma harki keessan hojjatteefi; baay’ees dhiifama godha.
42:31Juz 25 · fu. 486

وَمَا أَنْتُمْ بِمُعْجِزِينَ فِي الْأَرْضِ ۖ وَمَا لَكُمْ مِنْ دُونِ اللَّهِ مِنْ وَلِيٍّ وَلَا نَصِيرٍ31

Isinis dachii keessatti Rabbi duraa bahoo mitiRabbiin ala jaalalleefi tumsaanis isiniif hin jiru.
42:32Juz 25 · fu. 487

وَمِنْ آيَاتِهِ الْجَوَارِ فِي الْبَحْرِ كَالْأَعْلَامِ32

Dooniiwwan akka tabbaa kan galaana keessa yaa’anis mallattoolee Isaa irraayi;
42:33Juz 25 · fu. 487

إِنْ يَشَأْ يُسْكِنِ الرِّيحَ فَيَظْلَلْنَ رَوَاكِدَ عَلَىٰ ظَهْرِهِ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَاتٍ لِكُلِّ صَبَّارٍ شَكُورٍ33

Yoo fedhe qilleensa cal’isiiseeti dugda isaa irra tattaa’oo ta’u turanKana keessa warra akkaan obsanii, galatoomfatan hundaaf mallattooleetu jira.
42:34Juz 25 · fu. 487

أَوْ يُوبِقْهُنَّ بِمَا كَسَبُوا وَيَعْفُ عَنْ كَثِيرٍ34

Yookiin waan isaan hojjataniin isaan balleessa; baay’ees dhiifama godha
42:35Juz 25 · fu. 487

وَيَعْلَمَ الَّذِينَ يُجَادِلُونَ فِي آيَاتِنَا مَا لَهُمْ مِنْ مَحِيصٍ35

Isaan keeyyattoota keenya keessatti falman bakka itti daban dhabuu isaanii akka beekaniif (isaan balleesse).
42:36Juz 25 · fu. 487

فَمَا أُوتِيتُمْ مِنْ شَيْءٍ فَمَتَاعُ الْحَيَاةِ الدُّنْيَا ۖ وَمَا عِنْدَ اللَّهِ خَيْرٌ وَأَبْقَىٰ لِلَّذِينَ آمَنُوا وَعَلَىٰ رَبِّهِمْ يَتَوَكَّلُونَ36

(Qabeenya) irraa wanti isin kennamtan kamiyyuu meeshaa jireenya addunyaatiWaan Rabbiin bira jiruutu isaan amananii, Gooftaa isaanii irratti hirkataniif caalaafi hafaadha.
42:37Juz 25 · fu. 487

وَالَّذِينَ يَجْتَنِبُونَ كَبَائِرَ الْإِثْمِ وَالْفَوَاحِشَ وَإِذَا مَا غَضِبُوا هُمْ يَغْفِرُونَ37

Isaan warra dilii gurguddaafi gochaalee fokkatoos irraa fagaatanii, yeroo dallananis dhiifama godhaniidha.
42:38Juz 25 · fu. 487

وَالَّذِينَ اسْتَجَابُوا لِرَبِّهِمْ وَأَقَامُوا الصَّلَاةَ وَأَمْرُهُمْ شُورَىٰ بَيْنَهُمْ وَمِمَّا رَزَقْنَاهُمْ يُنْفِقُونَ38

Isaan warra Gooftaa isaaniitiif owwaatanii, salaataas sirnaan sagadanii, kan dhimmi isaanii jidduu isaaniitti wal marii ta’ee, waan nuti isaaniif kennine irraas arjoomaniidha.
42:39Juz 25 · fu. 487

وَالَّذِينَ إِذَا أَصَابَهُمُ الْبَغْيُ هُمْ يَنْتَصِرُونَ39

Isaan warra yeroo miidhaan isaan qunname (haqaan) haaloo bahataniidha.
42:40Juz 25 · fu. 487

وَجَزَاءُ سَيِّئَةٍ سَيِّئَةٌ مِثْلُهَا ۖ فَمَنْ عَفَا وَأَصْلَحَ فَأَجْرُهُ عَلَى اللَّهِ ۚ إِنَّهُ لَا يُحِبُّ الظَّالِمِينَ40

Galanni hamtuu hamtuma akka isheetiNamni dhiifama godhee, (hariiroos) tolche galanni isaa Rabbi irra jiraInni (Allaahn) miidhaa hojjattoota hin jaallatu.
42:41Juz 25 · fu. 487

وَلَمَنِ انْتَصَرَ بَعْدَ ظُلْمِهِ فَأُولَٰئِكَ مَا عَلَيْهِمْ مِنْ سَبِيلٍ41

Namni erga miidhamee booda haaloo bahates, isaan sun diliin isaan irra hin jiru
42:42Juz 25 · fu. 487

إِنَّمَا السَّبِيلُ عَلَى الَّذِينَ يَظْلِمُونَ النَّاسَ وَيَبْغُونَ فِي الْأَرْضِ بِغَيْرِ الْحَقِّ ۚ أُولَٰئِكَ لَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ42

Komiin kan jiru isaan namoota miidhanii, haqaan ala dachii keessatti daangaa dabran irrattiIsaan sun adabbii laalessaatu isaaniif jira.
42:43Juz 25 · fu. 487

وَلَمَنْ صَبَرَ وَغَفَرَ إِنَّ ذَٰلِكَ لَمِنْ عَزْمِ الْأُمُورِ43

Namni obsee irra dabre, dhugumatti sun dhimmoota gurguddoo irraayi.
42:44Juz 25 · fu. 487

وَمَنْ يُضْلِلِ اللَّهُ فَمَا لَهُ مِنْ وَلِيٍّ مِنْ بَعْدِهِ ۗ وَتَرَى الظَّالِمِينَ لَمَّا رَأَوُا الْعَذَابَ يَقُولُونَ هَلْ إِلَىٰ مَرَدٍّ مِنْ سَبِيلٍ44

Nama Rabbiin jallise, Isa booda qajeelchaan isaaf hin jiruMiidhaa raawwattoota, yeroo adabbii argan gaabbanii kan “karaan (gara dachii) ittiin deebi’amu jiraa?” jedhan argita.
42:45Juz 25 · fu. 488

وَتَرَاهُمْ يُعْرَضُونَ عَلَيْهَا خَاشِعِينَ مِنَ الذُّلِّ يَنْظُرُونَ مِنْ طَرْفٍ خَفِيٍّ ۗ وَقَالَ الَّذِينَ آمَنُوا إِنَّ الْخَاسِرِينَ الَّذِينَ خَسِرُوا أَنْفُسَهُمْ وَأَهْلِيهِمْ يَوْمَ الْقِيَامَةِ ۗ أَلَا إِنَّ الظَّالِمِينَ فِي عَذَابٍ مُقِيمٍ45

Salphina irraa sodaan guutamanii ija laafaan ilaalaa ishee (jahannam) irra kan fidaman isaan argitaIsaan amanan immoo “hoonga’oonni isaan Guyyaa Qiyaamaa lubbuu isaaniitiifi maatii isaanii hoonga’aniidha” jedhuDhagayaa! Miidhaa hojjattoonni adabbii yeroo hundaa keessa jiraatu.
42:46Juz 25 · fu. 488

وَمَا كَانَ لَهُمْ مِنْ أَوْلِيَاءَ يَنْصُرُونَهُمْ مِنْ دُونِ اللَّهِ ۗ وَمَنْ يُضْلِلِ اللَّهُ فَمَا لَهُ مِنْ سَبِيلٍ46

Gargaartonni kamiyyuu kan Rabbiin ala isaaniif tumsan isaaniif hin jiruNama Rabbiin isa jallise karaan (ittiin qajeelu) isaaf hin jiru.
42:47Juz 25 · fu. 488

اسْتَجِيبُوا لِرَبِّكُمْ مِنْ قَبْلِ أَنْ يَأْتِيَ يَوْمٌ لَا مَرَدَّ لَهُ مِنَ اللَّهِ ۚ مَا لَكُمْ مِنْ مَلْجَإٍ يَوْمَئِذٍ وَمَا لَكُمْ مِنْ نَكِيرٍ47

Guyyaan namni isa deebisuu danda’u hin jirre sun Rabbi irraa odoo isinitti hin dhufin dura Rabbii keessaniif owwaadhaaGuyyaa san hirkoon homaatuu isiniif hin jiruMormiinis isiniif hin jiru.
42:48Juz 25 · fu. 488

فَإِنْ أَعْرَضُوا فَمَا أَرْسَلْنَاكَ عَلَيْهِمْ حَفِيظًا ۖ إِنْ عَلَيْكَ إِلَّا الْبَلَاغُ ۗ وَإِنَّا إِذَا أَذَقْنَا الْإِنْسَانَ مِنَّا رَحْمَةً فَرِحَ بِهَا ۖ وَإِنْ تُصِبْهُمْ سَيِّئَةٌ بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيهِمْ فَإِنَّ الْإِنْسَانَ كَفُورٌ48

Yoo (dhugaa irraa) garagalanis, tiksaa goonee isaan irratti si hin ergineKan sirra jiru (ergaa) geessuu qofaNuti yeroo nama rahmata Nu biraa ta’e dhandhamsiifne, isheetti gammadaYoo hamtuun waan harki isaanii hojjatteef isaan tuqxe, dhugumatti, namni kufrii baay’isa.
42:49Juz 25 · fu. 488

لِلَّهِ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ يَخْلُقُ مَا يَشَاءُ ۚ يَهَبُ لِمَنْ يَشَاءُ إِنَاثًا وَيَهَبُ لِمَنْ يَشَاءُ الذُّكُورَ49

Mootummaan samiifi dachii kan RabbiitiWaan fedhe uumaNama fedheef dubara kenna; nama fedheef immoo dhiira kenna.
42:50Juz 25 · fu. 488

أَوْ يُزَوِّجُهُمْ ذُكْرَانًا وَإِنَاثًا ۖ وَيَجْعَلُ مَنْ يَشَاءُ عَقِيمًا ۚ إِنَّهُ عَلِيمٌ قَدِيرٌ50

Yookiin dhiiraafi dubara makaa kennaNama fedhe immoo maseena godhaInni beekaa, danda’aadha.
42:51Juz 25 · fu. 488

۞ وَمَا كَانَ لِبَشَرٍ أَنْ يُكَلِّمَهُ اللَّهُ إِلَّا وَحْيًا أَوْ مِنْ وَرَاءِ حِجَابٍ أَوْ يُرْسِلَ رَسُولًا فَيُوحِيَ بِإِذْنِهِ مَا يَشَاءُ ۚ إِنَّهُ عَلِيٌّ حَكِيمٌ51

Namaaf Rabbiin isa dubbisuun, wahyiin yookiin dahoo duubaan, yookiin ergamaa ergee hayyama Isaatiin waan fedhe itti buusuun malee hin taaneInni ol aanaa, ogeessa.
42:52Juz 25 · fu. 489

وَكَذَٰلِكَ أَوْحَيْنَا إِلَيْكَ رُوحًا مِنْ أَمْرِنَا ۚ مَا كُنْتَ تَدْرِي مَا الْكِتَابُ وَلَا الْإِيمَانُ وَلَٰكِنْ جَعَلْنَاهُ نُورًا نَهْدِي بِهِ مَنْ نَشَاءُ مِنْ عِبَادِنَا ۚ وَإِنَّكَ لَتَهْدِي إِلَىٰ صِرَاطٍ مُسْتَقِيمٍ52

Akkasumas Qur’aana ruuhii keenya irraa ta’e gara keetti wahyii gooneKitaabaafi iimaanni maal akka ta’an kan beektu hin turreGaruu ifaa gabroota keenya irraa nama feene ittiin qajeelchinu isa gooneAtis gara karaa qajeelaatti ni qajeelchita.
42:53Juz 25 · fu. 489

صِرَاطِ اللَّهِ الَّذِي لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۗ أَلَا إِلَى اللَّهِ تَصِيرُ الْأُمُورُ53

Karaa Rabbii wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru hundi kan Isaa ta’ee (ni qajeelchita)Dhagayaa! Dhimmi hundi garuma Rabbiitti deebi’a.

Jalqaba suuraa irraa taphachiisi

Muhammad Jibreel - Ash-Shura · Tlawati