Hud

سورة هود

Suuraa 11 · Makkiyyaa · 123 aayota

11:1Juz 11 · fu. 221

الر ۚ كِتَابٌ أُحْكِمَتْ آيَاتُهُ ثُمَّ فُصِّلَتْ مِنْ لَدُنْ حَكِيمٍ خَبِيرٍ1

Alif Laam Raa(Qur’aanni kun) kitaaba keeyyatoonni isaa sirriitti qindeeffamtee, sana booda (Rabbii) ogeessa, keessa beekaa ta’e biraa addaan baafamteedha
11:2Juz 11 · fu. 221

أَلَّا تَعْبُدُوا إِلَّا اللَّهَ ۚ إِنَّنِي لَكُمْ مِنْهُ نَذِيرٌ وَبَشِيرٌ2

“Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa” jechuun (addaan baafamte)Dhugumatti, ani isiniif Isa irraa akeekkachiisaafi gammachiisaadha
11:3Juz 11 · fu. 221

وَأَنِ اسْتَغْفِرُوا رَبَّكُمْ ثُمَّ تُوبُوا إِلَيْهِ يُمَتِّعْكُمْ مَتَاعًا حَسَنًا إِلَىٰ أَجَلٍ مُسَمًّى وَيُؤْتِ كُلَّ ذِي فَضْلٍ فَضْلَهُ ۖ وَإِنْ تَوَلَّوْا فَإِنِّي أَخَافُ عَلَيْكُمْ عَذَابَ يَوْمٍ كَبِيرٍ3

“Gooftaa keessanis araarama kadhadhaa; ergasiis gara Isaatti tawbaa deebi’aaInni hanga beellama beekamaatti qananii bareedaa isin qanansiisaAbbootii tolaa hundaafis tola (mindaa) isaa ni kenna” jechuun (addaan baafamte)Yoo (irraa) gara galan, ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha.
11:4Juz 11 · fu. 221

إِلَى اللَّهِ مَرْجِعُكُمْ ۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ4

Deebiin keessan gara RabbiittiInnis waan hunda irratti danda’aadha
11:5Juz 11 · fu. 221

أَلَا إِنَّهُمْ يَثْنُونَ صُدُورَهُمْ لِيَسْتَخْفُوا مِنْهُ ۚ أَلَا حِينَ يَسْتَغْشُونَ ثِيَابَهُمْ يَعْلَمُ مَا يُسِرُّونَ وَمَا يُعْلِنُونَ ۚ إِنَّهُ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ5

Dhagayaa! Dhugumatti, isaan Isa jalaa dhokachuuf qoma isaanii maruDhagayaa! yeroo isaan uffata isaanii haguuggatan, (Rabbiin) waan isaan dhoksaniifi waan isaan ifa godhanis ni beekaDhugumatti, Inni beekaa waan qoma keessa jiruuti
11:6Juz 12 · fu. 222

۞ وَمَا مِنْ دَابَّةٍ فِي الْأَرْضِ إِلَّا عَلَى اللَّهِ رِزْقُهَا وَيَعْلَمُ مُسْتَقَرَّهَا وَمُسْتَوْدَعَهَا ۚ كُلٌّ فِي كِتَابٍ مُبِينٍ6

Lubbu qabeeyyiin tokkollee sooranni ishee Rabbi irratti ta’u malee dachii keessatti hin taaneIddoo jireenya isheetiifi iddoo du’a ishees ni beekaHundumtuu kitaaba ifa ta’e keessa jira
11:7Juz 12 · fu. 222

وَهُوَ الَّذِي خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٍ وَكَانَ عَرْشُهُ عَلَى الْمَاءِ لِيَبْلُوَكُمْ أَيُّكُمْ أَحْسَنُ عَمَلًا ۗ وَلَئِنْ قُلْتَ إِنَّكُمْ مَبْعُوثُونَ مِنْ بَعْدِ الْمَوْتِ لَيَقُولَنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا إِنْ هَٰذَا إِلَّا سِحْرٌ مُبِينٌ7

Inni (Rabbiin) Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumeedhaArshiin Isaas bishaan gubbaa tureEenyuu keessantu dalagaan isaa irra gaarii ta’uu isin qormaatuuf (isaan uume)Yoo ati “Dhugumatti isin du’a booda kaafamoodha” jetteen, isaan kafaran “kun sihrii ifa ta’e malee waan biraatii miti” jedhu
11:8Juz 12 · fu. 222

وَلَئِنْ أَخَّرْنَا عَنْهُمُ الْعَذَابَ إِلَىٰ أُمَّةٍ مَعْدُودَةٍ لَيَقُولُنَّ مَا يَحْبِسُهُ ۗ أَلَا يَوْمَ يَأْتِيهِمْ لَيْسَ مَصْرُوفًا عَنْهُمْ وَحَاقَ بِهِمْ مَا كَانُوا بِهِ يَسْتَهْزِئُونَ8

Adabichas yoo hanga beellama murtaa’eetti isaan irraa tursiifne, “maaltu isa qabe (tursiise)?” jedhuDhagayaa! guyyaa inni isaanitti dhufu, isaan irraa deebifamaa mitiWanti isaan ittiin qishinaa turanis isaanitti marsee jira.
11:9Juz 12 · fu. 222

وَلَئِنْ أَذَقْنَا الْإِنْسَانَ مِنَّا رَحْمَةً ثُمَّ نَزَعْنَاهَا مِنْهُ إِنَّهُ لَيَئُوسٌ كَفُورٌ9

Yoo Nuti rahmata Nu biraa ta’e Nama dhandhamsiifnee ergasii isa irraa mulqine, (abdii muratee itti kafara)Dhugumatti inni hedduu abdii murataa, hedduu kafaraadha
11:10Juz 12 · fu. 222

وَلَئِنْ أَذَقْنَاهُ نَعْمَاءَ بَعْدَ ضَرَّاءَ مَسَّتْهُ لَيَقُولَنَّ ذَهَبَ السَّيِّئَاتُ عَنِّي ۚ إِنَّهُ لَفَرِحٌ فَخُورٌ10

Yoo Nuti eega rakkoon isa mudatee booda qananiiwwan isa dhandhamsiifne, dhugumatti “hamtuuwwantu narraa deeme” jedhaDhugumatti, inni akkaan gammadaa, akkaan dhaaddataadha.
11:11Juz 12 · fu. 222

إِلَّا الَّذِينَ صَبَرُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ أُولَٰئِكَ لَهُمْ مَغْفِرَةٌ وَأَجْرٌ كَبِيرٌ11

Garuu isaannan obsaniifi toltuuwwan dalagan warri sun araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira.
11:12Juz 12 · fu. 222

فَلَعَلَّكَ تَارِكٌ بَعْضَ مَا يُوحَىٰ إِلَيْكَ وَضَائِقٌ بِهِ صَدْرُكَ أَنْ يَقُولُوا لَوْلَا أُنْزِلَ عَلَيْهِ كَنْزٌ أَوْ جَاءَ مَعَهُ مَلَكٌ ۚ إِنَّمَا أَنْتَ نَذِيرٌ ۚ وَاللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ وَكِيلٌ12

“Maaliif qabeenyi guddaan isa irratti hin buufamne, yookiin maleykaan isa waliin hin dhufne” jechuu isaanii sodaachuuf jecha garii waan gara keetti buufamee dhiisuun, isattis onneen kee dhiphachuun, sirratti sodaatamaAti akeekkachiisaa qofaRabbiin wanta hunda irratti tiksaadha
11:13Juz 12 · fu. 223

أَمْ يَقُولُونَ افْتَرَاهُ ۖ قُلْ فَأْتُوا بِعَشْرِ سُوَرٍ مِثْلِهِ مُفْتَرَيَاتٍ وَادْعُوا مَنِ اسْتَطَعْتُمْ مِنْ دُونِ اللَّهِ إِنْ كُنْتُمْ صَادِقِينَ13

“Inumaayyuu isatu (Qur’aana) of biraa uume” jedhuu? “yoo kan dhugaa dubbattan taatan Rabbiin ala waan dandeessan waamadhaatii, suuraa kudhan kan (isin biraa) uumamtuu taate kan isa fakkaattu fidaa” jedhiin.
11:14Juz 12 · fu. 223

فَإِلَّمْ يَسْتَجِيبُوا لَكُمْ فَاعْلَمُوا أَنَّمَا أُنْزِلَ بِعِلْمِ اللَّهِ وَأَنْ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ۖ فَهَلْ أَنْتُمْ مُسْلِمُونَ14

Yoo isaan isiniif hin awwaatin, inni (Qur’aanni kun) kan buufame beekumsa Rabbiitiin akka ta’eefi Isa malees gabbaramaan haqaa akka hin jirre beekiSila isin Muslima hin taatanuu? (Muslima ta’aa jedhiin).
11:15Juz 12 · fu. 223

مَنْ كَانَ يُرِيدُ الْحَيَاةَ الدُّنْيَا وَزِينَتَهَا نُوَفِّ إِلَيْهِمْ أَعْمَالَهُمْ فِيهَا وَهُمْ فِيهَا لَا يُبْخَسُونَ15

Namni jireenya Addunyaatiifi miidhagina ishee fedhe, Nuti dalagaa isaanii ishee keessatti guunnee isaaniif kenninaIsaanis ishee keessatti hin hir’ifamanu.
11:16Juz 12 · fu. 223

أُولَٰئِكَ الَّذِينَ لَيْسَ لَهُمْ فِي الْآخِرَةِ إِلَّا النَّارُ ۖ وَحَبِطَ مَا صَنَعُوا فِيهَا وَبَاطِلٌ مَا كَانُوا يَعْمَلُونَ16

Isaan sun warra Aakiraatti ibidda malee homtuu isaaniif hin jirreedhaWanti isaan ishee keessatti dalaganis ni badeWanti isaan dalagaa turanis badaadha
11:17Juz 12 · fu. 223

أَفَمَنْ كَانَ عَلَىٰ بَيِّنَةٍ مِنْ رَبِّهِ وَيَتْلُوهُ شَاهِدٌ مِنْهُ وَمِنْ قَبْلِهِ كِتَابُ مُوسَىٰ إِمَامًا وَرَحْمَةً ۚ أُولَٰئِكَ يُؤْمِنُونَ بِهِ ۚ وَمَنْ يَكْفُرْ بِهِ مِنَ الْأَحْزَابِ فَالنَّارُ مَوْعِدُهُ ۚ فَلَا تَكُ فِي مِرْيَةٍ مِنْهُ ۚ إِنَّهُ الْحَقُّ مِنْ رَبِّكَ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يُؤْمِنُونَ17

Sila namni ragaa mul’ataa Gooftaa isaa biraa ta’e irra jiru, kan ragaan Isa (Allaah) irraa ta’e isa hordofuufi isa duras kitaabni Muusaa kan hogganaafi rahmata ta’ee (ragaa isaaf ba’e) (akka nama jiruu addunyaa fedhuu ni ta’aa)? Warri sun isatti (Qur’aanatti) ni amanuAhzaabota irraas warra isatti kafare ibiddi itti gala isaatiIsa irraa shakkii keessatti hin ta’inDhugumatti, inni dhugaa Gooftaa kee irraa ta’eedhaGaruu irra hedduun namootaa hin amananu
11:18Juz 12 · fu. 223

وَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّنِ افْتَرَىٰ عَلَى اللَّهِ كَذِبًا ۚ أُولَٰئِكَ يُعْرَضُونَ عَلَىٰ رَبِّهِمْ وَيَقُولُ الْأَشْهَادُ هَٰؤُلَاءِ الَّذِينَ كَذَبُوا عَلَىٰ رَبِّهِمْ ۚ أَلَا لَعْنَةُ اللَّهِ عَلَى الظَّالِمِينَ18

Isa Rabbi irratti kijiba uume irra namni of miidhe eenyu? Warri sun Gooftaa isaanii irra fidamuRagoonnis “isaan kun warra Gooftaa isaanii irratti sobaniidha” jedhuDhagayaa! Abaarsi Rabbii miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu.
11:19Juz 12 · fu. 223

الَّذِينَ يَصُدُّونَ عَنْ سَبِيلِ اللَّهِ وَيَبْغُونَهَا عِوَجًا وَهُمْ بِالْآخِرَةِ هُمْ كَافِرُونَ19

Isaanis warra karaa Rabbii irraa (namoota) deebisaniifi dabiinsa ishees fedhaniidhaIsaan isaanumatu Aakiraattis kaafiroota
11:20Juz 12 · fu. 224

أُولَٰئِكَ لَمْ يَكُونُوا مُعْجِزِينَ فِي الْأَرْضِ وَمَا كَانَ لَهُمْ مِنْ دُونِ اللَّهِ مِنْ أَوْلِيَاءَ ۘ يُضَاعَفُ لَهُمُ الْعَذَابُ ۚ مَا كَانُوا يَسْتَطِيعُونَ السَّمْعَ وَمَا كَانُوا يُبْصِرُونَ20

Warri sun dachii keessatti (Rabbiin) dadhabsiisoo hin turreRabbii alattis gargaaraan tokkolleen isaaniif hin turreAdabichis dachaa isaaniif godhama(Haqa) dhagahuus kan danda’an hin turre; kan arganis hin turre.
11:21Juz 12 · fu. 224

أُولَٰئِكَ الَّذِينَ خَسِرُوا أَنْفُسَهُمْ وَضَلَّ عَنْهُمْ مَا كَانُوا يَفْتَرُونَ21

Warri sun isaan lubbuu isaanii hoonga’anii wanti isaan ofirraa uumanii (gabbaraa) turanis jalaa badeedha.
11:22Juz 12 · fu. 224

لَا جَرَمَ أَنَّهُمْ فِي الْآخِرَةِ هُمُ الْأَخْسَرُونَ22

Dhugumatti, isaan isaanumatu Aakiraatti hoonga’oota, jechuutti Shakkiin hin jiru.
11:23Juz 12 · fu. 224

إِنَّ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ وَأَخْبَتُوا إِلَىٰ رَبِّهِمْ أُولَٰئِكَ أَصْحَابُ الْجَنَّةِ ۖ هُمْ فِيهَا خَالِدُونَ23

Dhugumatti, isaan amananii gaggaarii hojjatanii, Rabbii isaaniitiif gadi jedhan isaan sun warra jannataatiIsaan ishee keessatti hafoodha.
11:24Juz 12 · fu. 224

۞ مَثَلُ الْفَرِيقَيْنِ كَالْأَعْمَىٰ وَالْأَصَمِّ وَالْبَصِيرِ وَالسَّمِيعِ ۚ هَلْ يَسْتَوِيَانِ مَثَلًا ۚ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ24

Fakkeenyi gareewwan lamaanii akka jaamaa, duudaafi argaa, dhagayaatiSila fakkeenyatti isaan lamaan wal qixxaa’uu? Sila isin hin gorfamtanii?
11:25Juz 12 · fu. 224

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوْمِهِ إِنِّي لَكُمْ نَذِيرٌ مُبِينٌ25

Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa erginee jirra(Innis ni jedhe): “Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.
11:26Juz 12 · fu. 224

أَنْ لَا تَعْبُدُوا إِلَّا اللَّهَ ۖ إِنِّي أَخَافُ عَلَيْكُمْ عَذَابَ يَوْمٍ أَلِيمٍ26

Rabbiin malee (waan biraa) hin gabbarinaa; Dhugumatti, ani adabbii guyyaa laalessaan isin irratti sodaadha.”
11:27Juz 12 · fu. 224

فَقَالَ الْمَلَأُ الَّذِينَ كَفَرُوا مِنْ قَوْمِهِ مَا نَرَاكَ إِلَّا بَشَرًا مِثْلَنَا وَمَا نَرَاكَ اتَّبَعَكَ إِلَّا الَّذِينَ هُمْ أَرَاذِلُنَا بَادِيَ الرَّأْيِ وَمَا نَرَىٰ لَكُمْ عَلَيْنَا مِنْ فَضْلٍ بَلْ نَظُنُّكُمْ كَاذِبِينَ27

Ummata isaa iraa qondaaltonni isaannan kafaranii “nama fakkii keenya taatee malee si hin agarruGadi aantota keenya warra yaada gadhee (yartuu) malee kan si hordofes hin agarreIsiniifis nurratti caalmaya tokkollee hin agarreInumaayyuu sobdoota ta’uu keessan shakkina” jedhan.
11:28Juz 12 · fu. 224

قَالَ يَا قَوْمِ أَرَأَيْتُمْ إِنْ كُنْتُ عَلَىٰ بَيِّنَةٍ مِنْ رَبِّي وَآتَانِي رَحْمَةً مِنْ عِنْدِهِ فَعُمِّيَتْ عَلَيْكُمْ أَنُلْزِمُكُمُوهَا وَأَنْتُمْ لَهَا كَارِهُونَ28

Inni ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoo ani ragaa ifa bahaa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kennee, isin jalaa dhokate, sila nuti odoo isin isheedhaaf jibbitoota taatan dirqamaan isin fudhachiifnaa?
11:29Juz 12 · fu. 225

وَيَا قَوْمِ لَا أَسْأَلُكُمْ عَلَيْهِ مَالًا ۖ إِنْ أَجْرِيَ إِلَّا عَلَى اللَّهِ ۚ وَمَا أَنَا بِطَارِدِ الَّذِينَ آمَنُوا ۚ إِنَّهُمْ مُلَاقُو رَبِّهِمْ وَلَٰكِنِّي أَرَاكُمْ قَوْمًا تَجْهَلُونَ29

Yaa ummata kiyya! Ani isa (ergaa qaqqabsiisuu) irratti mindaa isin hin gaafadhuMindaan kiyya Rabbiin qofa irra jiraAnis ari’aa warra amananiitii mitiDhugumatti, isaan Gooftaa isaanii wajjin wal qunnamoodhaGaruu ani ummata wallaalaa ta’uun isin arga
11:30Juz 12 · fu. 225

وَيَا قَوْمِ مَنْ يَنْصُرُنِي مِنَ اللَّهِ إِنْ طَرَدْتُهُمْ ۚ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ30

Yaa ummata kiyya! Yoo ani isaan ari’e, (adabbii) Rabbii jalaa maaltu na baraarsa? Sila homaa hin gorfamtanuu?
11:31Juz 12 · fu. 225

وَلَا أَقُولُ لَكُمْ عِنْدِي خَزَائِنُ اللَّهِ وَلَا أَعْلَمُ الْغَيْبَ وَلَا أَقُولُ إِنِّي مَلَكٌ وَلَا أَقُولُ لِلَّذِينَ تَزْدَرِي أَعْيُنُكُمْ لَنْ يُؤْتِيَهُمُ اللَّهُ خَيْرًا ۖ اللَّهُ أَعْلَمُ بِمَا فِي أَنْفُسِهِمْ ۖ إِنِّي إِذًا لَمِنَ الظَّالِمِينَ31

Ani kuusaan qabeenya Rabbii ana bira jira isiniin hin jedhuGaybii (wanta fagoos) hin beekuAni maleeykaa dhas isiniin hin jedhuIsaannan ijji keessan tuffattu (xinneessituu)nis Rabbiin toltuu isaaniif hin kennu hin jedhuRabbiin waan lubbuu isaanii keessa jiru irra beekaadhaYoo san, ani dhugumatti warra miidhaa hojjatan irraayyi.”
11:32Juz 12 · fu. 225

قَالُوا يَا نُوحُ قَدْ جَادَلْتَنَا فَأَكْثَرْتَ جِدَالَنَا فَأْتِنَا بِمَا تَعِدُنَا إِنْ كُنْتَ مِنَ الصَّادِقِينَ32

[Isaan] “yaa Nuuh! Ati dhugumatti nu mormitee jirtaMormii keenyas baay’essitee jirtaYoo warra dhugaa dubbatan irraa taate, waan nuun sodaachiftu sana nutti fidi” jedhan.
11:33Juz 12 · fu. 225

قَالَ إِنَّمَا يَأْتِيكُمْ بِهِ اللَّهُ إِنْ شَاءَ وَمَا أَنْتُمْ بِمُعْجِزِينَ33

Isa kana kan isinitti fidu Rabbuma qofaYoo fedhes (ni ariifachiisa)Isinis kan dadhabsiiftan hin taane” jedhe.
11:34Juz 12 · fu. 225

وَلَا يَنْفَعُكُمْ نُصْحِي إِنْ أَرَدْتُ أَنْ أَنْصَحَ لَكُمْ إِنْ كَانَ اللَّهُ يُرِيدُ أَنْ يُغْوِيَكُمْ ۚ هُوَ رَبُّكُمْ وَإِلَيْهِ تُرْجَعُونَ34

“Yoo an isin gorsuu fedhes, yoo Rabbiin isin jallisuu fedha ta’e gorsi koo isin hin fayyaduInni Gooftaa keessaniGaruma isaa qofa deebitus” jedhe.
11:35Juz 12 · fu. 225

أَمْ يَقُولُونَ افْتَرَاهُ ۖ قُلْ إِنِ افْتَرَيْتُهُ فَعَلَيَّ إِجْرَامِي وَأَنَا بَرِيءٌ مِمَّا تُجْرِمُونَ35

Sila “(Muhammad) isa (Qur’aana) of irraa uume” jedhuu? “Yoo ani of irraa isa uume, badiin kiyya anuma irra jiraAnis badii isin hojjattan irraa qulquulluudha” jedhiin.
11:36Juz 12 · fu. 225

وَأُوحِيَ إِلَىٰ نُوحٍ أَنَّهُ لَنْ يُؤْمِنَ مِنْ قَوْمِكَ إِلَّا مَنْ قَدْ آمَنَ فَلَا تَبْتَئِسْ بِمَا كَانُوا يَفْعَلُونَ36

Gara Nuuhittis akkana jechuun beeksisa goone: “Dhugumatti, warra kana dura amanan malee ummata kee irraa kana booda homtuu hin amanu;Kanaaf waan isaan hojjatanitti hin gaddin
11:37Juz 12 · fu. 225

وَاصْنَعِ الْفُلْكَ بِأَعْيُنِنَا وَوَحْيِنَا وَلَا تُخَاطِبْنِي فِي الَّذِينَ ظَلَمُوا ۚ إِنَّهُمْ مُغْرَقُونَ37

Doonis ilaalcha (tika) keenyaafi ajaja keenyaan hojjadhuWarra miidhaa dalagan keessatti natti hin dubbatinDhugumatti, isaan bishaanin dhidhimfamoodha.”
11:38Juz 12 · fu. 226

وَيَصْنَعُ الْفُلْكَ وَكُلَّمَا مَرَّ عَلَيْهِ مَلَأٌ مِنْ قَوْمِهِ سَخِرُوا مِنْهُ ۚ قَالَ إِنْ تَسْخَرُوا مِنَّا فَإِنَّا نَسْخَرُ مِنْكُمْ كَمَا تَسْخَرُونَ38

Innis (Nuuhis) doonii hojjata (ture)Dhawaatuma qondaalonni ummata isaa irraa ta’an isa irra qaxxaamuraniin, isatti qishinuInnis ni jedhe: “Yoo isin nutti qishintanis nutis akkuma isin qishintan isinitti qishinuuf jirra.
11:39Juz 12 · fu. 226

فَسَوْفَ تَعْلَمُونَ مَنْ يَأْتِيهِ عَذَابٌ يُخْزِيهِ وَيَحِلُّ عَلَيْهِ عَذَابٌ مُقِيمٌ39

Namni adabbiin isa salphisu itti dhufuufi adabbiin itti fufaanis isa irra qubatu eenyu akka ta’e beekuuf jirtu.”
11:40Juz 12 · fu. 226

حَتَّىٰ إِذَا جَاءَ أَمْرُنَا وَفَارَ التَّنُّورُ قُلْنَا احْمِلْ فِيهَا مِنْ كُلٍّ زَوْجَيْنِ اثْنَيْنِ وَأَهْلَكَ إِلَّا مَنْ سَبَقَ عَلَيْهِ الْقَوْلُ وَمَنْ آمَنَ ۚ وَمَا آمَنَ مَعَهُ إِلَّا قَلِيلٌ40

Yeroma ajajni keenya dhufee, badaa ibiddaa (keessaa bishaan) burqe “Wantoota hunda irraa (saala) lama lama (kormaafi dhalaa), maatii keetis nama jechi (adabaa) isa irratti dabre malee, namoota amananis ishee keessatti fe’i” isaan jenneIsa waliinis namoota muraasa malee (baay’een) hin amanne.
11:41Juz 12 · fu. 226

۞ وَقَالَ ارْكَبُوا فِيهَا بِسْمِ اللَّهِ مَجْرَاهَا وَمُرْسَاهَا ۚ إِنَّ رَبِّي لَغَفُورٌ رَحِيمٌ41

“Haala deemsi isheetiifi dhaabbatiinsi ishees maqaa Rabbiitiin taa’een, ishee yaabbadhaaDhumatti Rabbiin kiyya araaramaa, rahmata godhaadha
11:42Juz 12 · fu. 226

وَهِيَ تَجْرِي بِهِمْ فِي مَوْجٍ كَالْجِبَالِ وَنَادَىٰ نُوحٌ ابْنَهُ وَكَانَ فِي مَعْزِلٍ يَا بُنَيَّ ارْكَبْ مَعَنَا وَلَا تَكُنْ مَعَ الْكَافِرِينَ42

Isheenis danbalii akka gaaraa keessa isaanin adeemtiNuuhis ilma isaa(doonittii irraa) fagoo tureen “Yaa ilma kiyya! Nu waliin yaabbadhuWarra kafaran wajjinis hin ta’in” jechuun lallabe.
11:43Juz 12 · fu. 226

قَالَ سَآوِي إِلَىٰ جَبَلٍ يَعْصِمُنِي مِنَ الْمَاءِ ۚ قَالَ لَا عَاصِمَ الْيَوْمَ مِنْ أَمْرِ اللَّهِ إِلَّا مَنْ رَحِمَ ۚ وَحَالَ بَيْنَهُمَا الْمَوْجُ فَكَانَ مِنَ الْمُغْرَقِينَ43

(Ilmi isaas) ni jedhe: “Ani fuula dura gara gaara bishaan jalaa na baraarsuun qubadha.” (Nuuhis) ni jedhe: “Har’a wanti ajaja Rabbii irraa nama baraarsu hin jiru; nama Rabbiin rahmata isaaf godhe malee.” Danbaliinis gidduu isaanii haguugeInni warra bishaaniin nyaataman irraa ta’e.
11:44Juz 12 · fu. 226

وَقِيلَ يَا أَرْضُ ابْلَعِي مَاءَكِ وَيَا سَمَاءُ أَقْلِعِي وَغِيضَ الْمَاءُ وَقُضِيَ الْأَمْرُ وَاسْتَوَتْ عَلَى الْجُودِيِّ ۖ وَقِيلَ بُعْدًا لِلْقَوْمِ الظَّالِمِينَ44

Ni jedhames: “Yaa dachii! Bishaan kee liqimsiYaa samii! (Bokkaa kee) qabadhu.” Bishaanis xuuxamee hir’ateMurtiin Rabbiis (adabichis) ni raawwatameIsheenis tabba juudiyyi jedhamu irra dhaabbatteNi jedhames: “(rahmata Rabbii irraa) Fageenyi ummata miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu!”
11:45Juz 12 · fu. 226

وَنَادَىٰ نُوحٌ رَبَّهُ فَقَالَ رَبِّ إِنَّ ابْنِي مِنْ أَهْلِي وَإِنَّ وَعْدَكَ الْحَقُّ وَأَنْتَ أَحْكَمُ الْحَاكِمِينَ45

Nuuhis Gooftaa isaatti lallabee, “Gooftaa kiyya! dhugumatti, ilmi kiyya maatii kiyya irraayiWaadaan keetis dhugaadhaAtis irra haqa murteessaa abbootii murtiiti” jedhe.
11:46Juz 12 · fu. 227

قَالَ يَا نُوحُ إِنَّهُ لَيْسَ مِنْ أَهْلِكَ ۖ إِنَّهُ عَمَلٌ غَيْرُ صَالِحٍ ۖ فَلَا تَسْأَلْنِ مَا لَيْسَ لَكَ بِهِ عِلْمٌ ۖ إِنِّي أَعِظُكَ أَنْ تَكُونَ مِنَ الْجَاهِلِينَ46

(Rabbiinis) “Yaa Nuuh! dhugumatti, inni maatii kee irraa mitiInni hojii gaarii hin ta’iniidhaKanaafuu waan beekumsa itti hin qabne na hin gaafatinAni akka ati wallaaltota irraa hin taanen si gorsa” jedhe.
11:47Juz 12 · fu. 227

قَالَ رَبِّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ أَنْ أَسْأَلَكَ مَا لَيْسَ لِي بِهِ عِلْمٌ ۖ وَإِلَّا تَغْفِرْ لِي وَتَرْحَمْنِي أَكُنْ مِنَ الْخَاسِرِينَ47

(Nuuhis) “Gooftaa kiyya! Ani waan beekumsa itti hin qabne si gaafachuu irraa sittin maganfadhaYoo Ati naaf araaramtee, rahmatas naaf hin godhin, warra hoonga’an irraan ta’a” jedhe.
11:48Juz 12 · fu. 227

قِيلَ يَا نُوحُ اهْبِطْ بِسَلَامٍ مِنَّا وَبَرَكَاتٍ عَلَيْكَ وَعَلَىٰ أُمَمٍ مِمَّنْ مَعَكَ ۚ وَأُمَمٌ سَنُمَتِّعُهُمْ ثُمَّ يَمَسُّهُمْ مِنَّا عَذَابٌ أَلِيمٌ48

“Yaa Nuuh nageenyaa Nu biraa ta’eefi barakaa siifi garii ummata si wajjin jiran irratti ta’een, (doonittii irraa) bu’aa(Sanyii isaanii irraas) ummata fuula dura yeroof isaan qanansiifnee san booda Nu biraa adabbiin dhukkubsaan isaan tuqutu jira” jedhame.
11:49Juz 12 · fu. 227

تِلْكَ مِنْ أَنْبَاءِ الْغَيْبِ نُوحِيهَا إِلَيْكَ ۖ مَا كُنْتَ تَعْلَمُهَا أَنْتَ وَلَا قَوْمُكَ مِنْ قَبْلِ هَٰذَا ۖ فَاصْبِرْ ۖ إِنَّ الْعَاقِبَةَ لِلْمُتَّقِينَ49

Isheen kun oduu fagoo kan gara keetti beeksisa goonu irraayiSis ta’ee ummanni keetis kana dura kan ishee beektan hin turreObsiDhugumatti, booddeen (gaariin) kan warra (Rabbiin) sodataniiti
11:50Juz 12 · fu. 227

وَإِلَىٰ عَادٍ أَخَاهُمْ هُودًا ۚ قَالَ يَا قَوْمِ اعْبُدُوا اللَّهَ مَا لَكُمْ مِنْ إِلَٰهٍ غَيْرُهُ ۖ إِنْ أَنْتُمْ إِلَّا مُفْتَرُونَ50

Gara Aadittis obboleessa isaanii Huudiin (erginee jirra)Innis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraaGabbaramaan (haqaa) Isa malee isiniif hin jiruIsin kijiba uumoo malee waa biraa hin taane.
11:51Juz 12 · fu. 227

يَا قَوْمِ لَا أَسْأَلُكُمْ عَلَيْهِ أَجْرًا ۖ إِنْ أَجْرِيَ إِلَّا عَلَى الَّذِي فَطَرَنِي ۚ أَفَلَا تَعْقِلُونَ51

Yaa ummata kiyya! Ani isa (ergaa qaqqabsiisuu) irratti mindaa isin hin gaafadhuMindaan kiyyas Isa na uume irratti malee hin taaneSila isin hin xiinxaltanii?
11:52Juz 12 · fu. 227

وَيَا قَوْمِ اسْتَغْفِرُوا رَبَّكُمْ ثُمَّ تُوبُوا إِلَيْهِ يُرْسِلِ السَّمَاءَ عَلَيْكُمْ مِدْرَارًا وَيَزِدْكُمْ قُوَّةً إِلَىٰ قُوَّتِكُمْ وَلَا تَتَوَلَّوْا مُجْرِمِينَ52

Yaa ummata kiyya! Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aaBokkaa walitti dhaabbataa godhee isiniif ergaaHumna keessan irrattis humna isiniif dabalaaYakkamtoota taatanii irraa gara hin galinaa.”
11:53Juz 12 · fu. 227

قَالُوا يَا هُودُ مَا جِئْتَنَا بِبَيِّنَةٍ وَمَا نَحْنُ بِتَارِكِي آلِهَتِنَا عَنْ قَوْلِكَ وَمَا نَحْنُ لَكَ بِمُؤْمِنِينَ53

“Yaa Huud! Ati ragaan nutti hin dhufneNutis jecha keetiif jennee gabbaramtoota keenya kan dhiifnu hin taaneNutis siif amanoo miti” jedhan.
11:54Juz 12 · fu. 228

إِنْ نَقُولُ إِلَّا اعْتَرَاكَ بَعْضُ آلِهَتِنَا بِسُوءٍ ۗ قَالَ إِنِّي أُشْهِدُ اللَّهَ وَاشْهَدُوا أَنِّي بَرِيءٌ مِمَّا تُشْرِكُونَ54

Garii gabbaramtoota keenyaatu hamtuun si tuqee malee homaa hin jennu(Huudis) ni jedhe: “Ani Rabbiinin ragaa godha; isinis ‘ani waan isin qindeessitan irraa qulqulluu ta’uu’ ragaa ba’aa.
11:55Juz 12 · fu. 228

مِنْ دُونِهِ ۖ فَكِيدُونِي جَمِيعًا ثُمَّ لَا تُنْظِرُونِ55

Isaa gaditti (waan gabbartan irraa ani qulqulluudhaYoo dandeessan) Tooftaa natti baasaa haala huda taataniin; Sana booda yeroo naaf hin kenninaa.
11:56Juz 12 · fu. 228

إِنِّي تَوَكَّلْتُ عَلَى اللَّهِ رَبِّي وَرَبِّكُمْ ۚ مَا مِنْ دَابَّةٍ إِلَّا هُوَ آخِذٌ بِنَاصِيَتِهَا ۚ إِنَّ رَبِّي عَلَىٰ صِرَاطٍ مُسْتَقِيمٍ56

Ani Rabbii Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan ta’e irratti irkadheeraUumama lubbuu qabu tokkos kan Inni odoo sammuu isaa hin qabin hafe hin jiruDhugumatti, Gooftaan kiyya karaa qajeelaa irra jira.
11:57Juz 12 · fu. 228

فَإِنْ تَوَلَّوْا فَقَدْ أَبْلَغْتُكُمْ مَا أُرْسِلْتُ بِهِ إِلَيْكُمْ ۚ وَيَسْتَخْلِفُ رَبِّي قَوْمًا غَيْرَكُمْ وَلَا تَضُرُّونَهُ شَيْئًا ۚ إِنَّ رَبِّي عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ حَفِيظٌ57

Yoo gara galtanis, dhugumatti ani waanin ittiin gara keessanitti ergame dhaqqabsiiseeraGooftaan kiyyas ummata isin hin ta’in bakka buusaHomaas Isa hin miitanDhugumatti, Gooftaan kiyya waan hunda irratti eegaadha.”
11:58Juz 12 · fu. 228

وَلَمَّا جَاءَ أَمْرُنَا نَجَّيْنَا هُودًا وَالَّذِينَ آمَنُوا مَعَهُ بِرَحْمَةٍ مِنَّا وَنَجَّيْنَاهُمْ مِنْ عَذَابٍ غَلِيظٍ58

Yeroo ajajni keenya dhufu, Huudiifi warra isa waliin amanan rahmata Nurraa ta’een nagaa baafneadabbii cimaa ta’e irraas nagaa isaan baafne
11:59Juz 12 · fu. 228

وَتِلْكَ عَادٌ ۖ جَحَدُوا بِآيَاتِ رَبِّهِمْ وَعَصَوْا رُسُلَهُ وَاتَّبَعُوا أَمْرَ كُلِّ جَبَّارٍ عَنِيدٍ59

Isheen sun (ummata) AadiMallattoowwan Gooftaa isaanii mormanii, ergamtoota Isaas didan; ajaja of tuulaa, haqa mormaa ta’e hundaa hordofan
11:60Juz 12 · fu. 228

وَأُتْبِعُوا فِي هَٰذِهِ الدُّنْيَا لَعْنَةً وَيَوْمَ الْقِيَامَةِ ۗ أَلَا إِنَّ عَادًا كَفَرُوا رَبَّهُمْ ۗ أَلَا بُعْدًا لِعَادٍ قَوْمِ هُودٍ60

Addunyaa kana keessatti abaarsaan hordofsiifamanii jiru; Guyyaa Qiyaamaas (akkasuma)Dhagayaa! Dhugumatti, Aad Gooftaa isaaniitti kafaraniiruDhagayaa! Ummata Huud kan ta’an Aadiif (rahmata irraa) fageenyi haa ta’u.
11:61Juz 12 · fu. 228

۞ وَإِلَىٰ ثَمُودَ أَخَاهُمْ صَالِحًا ۚ قَالَ يَا قَوْمِ اعْبُدُوا اللَّهَ مَا لَكُمْ مِنْ إِلَٰهٍ غَيْرُهُ ۖ هُوَ أَنْشَأَكُمْ مِنَ الْأَرْضِ وَاسْتَعْمَرَكُمْ فِيهَا فَاسْتَغْفِرُوهُ ثُمَّ تُوبُوا إِلَيْهِ ۚ إِنَّ رَبِّي قَرِيبٌ مُجِيبٌ61

Gara Samuudis obboleessa isaanii Saalihiin (erginee jirra)Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraaIsa malee dhugaan gabbaramaan biraa isiniif hin jiruInni dachii irraa isin uumeeti, ishee keessa isin jiraachiseKanaaf araarama Isa (qofa) kadhaa; ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aaDhugumatti, Gooftaan kiyya (beekumsa Isaatiin) dhihoo, awwaataa dhas.”
11:62Juz 12 · fu. 228

قَالُوا يَا صَالِحُ قَدْ كُنْتَ فِينَا مَرْجُوًّا قَبْلَ هَٰذَا ۖ أَتَنْهَانَا أَنْ نَعْبُدَ مَا يَعْبُدُ آبَاؤُنَا وَإِنَّنَا لَفِي شَكٍّ مِمَّا تَدْعُونَا إِلَيْهِ مُرِيبٍ62

Ni jedhan: “Yaa Saalih! Ati kana dura nu keessatti nama kajeelamaa turteSila ati waan abbootiin keenya gabbaraa turan gabbaruu irraa nu dhorgitaa? Nuti waan ati itti nu waamtu irraa shakkii guddaa qabna.”
11:63Juz 12 · fu. 229

قَالَ يَا قَوْمِ أَرَأَيْتُمْ إِنْ كُنْتُ عَلَىٰ بَيِّنَةٍ مِنْ رَبِّي وَآتَانِي مِنْهُ رَحْمَةً فَمَنْ يَنْصُرُنِي مِنَ اللَّهِ إِنْ عَصَيْتُهُ ۖ فَمَا تَزِيدُونَنِي غَيْرَ تَخْسِيرٍ63

(Saalih) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya mee naaf himaa! Yoo ani ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kennee, yoo ani Isa dide Rabbiin jalaa eenyutu na baraarsa? Isin hoongeessuu malee homaa naaf hin dabaltanu.
11:64Juz 12 · fu. 229

وَيَا قَوْمِ هَٰذِهِ نَاقَةُ اللَّهِ لَكُمْ آيَةً فَذَرُوهَا تَأْكُلْ فِي أَرْضِ اللَّهِ وَلَا تَمَسُّوهَا بِسُوءٍ فَيَأْخُذَكُمْ عَذَابٌ قَرِيبٌ64

Yaa ummata kiyya! Isheen kun haala mallattoo isiniif taateen gaala RabbiitiDachii Rabbii keessa haa nyaattuu ishee dhiisaa, Hamtuudhaan ishee hin tuqinaa(Yoo akkas gootan) adabbiin dhihoo ta’e isin tuqa.”
11:65Juz 12 · fu. 229

فَعَقَرُوهَا فَقَالَ تَمَتَّعُوا فِي دَارِكُمْ ثَلَاثَةَ أَيَّامٍ ۖ ذَٰلِكَ وَعْدٌ غَيْرُ مَكْذُوبٍ65

Ishee ni waraananInnis “Manneen keessan keessa guyyoota sadihiif qanani’aaKun waadaa (adabbii) hin kijibsiifamneedha” jedhe
11:66Juz 12 · fu. 229

فَلَمَّا جَاءَ أَمْرُنَا نَجَّيْنَا صَالِحًا وَالَّذِينَ آمَنُوا مَعَهُ بِرَحْمَةٍ مِنَّا وَمِنْ خِزْيِ يَوْمِئِذٍ ۗ إِنَّ رَبَّكَ هُوَ الْقَوِيُّ الْعَزِيزُ66

Yeroma ajajni keenya dhufu, Saalihiifi warra isa wajjiin amanan rahmata Nu biraa ta’een nagaa (isaan) baafne; xiqqeenya guyyaa sanii irraas (isaan baraarsine)Dhugumatti, Gooftaan kee isatu jabaa, injifataadha.
11:67Juz 12 · fu. 229

وَأَخَذَ الَّذِينَ ظَلَمُوا الصَّيْحَةُ فَأَصْبَحُوا فِي دِيَارِهِمْ جَاثِمِينَ67

Iyyansi hamaan miidhaa hojjattoota qabattee, manneen isaanii keessatti kan jilbeenfatan ta’anii (du’anii) bariisifatan.
11:68Juz 12 · fu. 229

كَأَنْ لَمْ يَغْنَوْا فِيهَا ۗ أَلَا إِنَّ ثَمُودَ كَفَرُوا رَبَّهُمْ ۗ أَلَا بُعْدًا لِثَمُودَ68

Akka waan ishee keessa hin jiraatinii ta’anDhagayaa! Dhugumatti Samuud Gooftaa isaaniitti kafaranii jiruDhagayaa! fageenyi Samuudiif haa ta’u!
11:69Juz 12 · fu. 229

وَلَقَدْ جَاءَتْ رُسُلُنَا إِبْرَاهِيمَ بِالْبُشْرَىٰ قَالُوا سَلَامًا ۖ قَالَ سَلَامٌ ۖ فَمَا لَبِثَ أَنْ جَاءَ بِعِجْلٍ حَنِيذٍ69

Dhugumatti, ergamtoonni keenya Ibraahiimitti oduu gammachiisaan dhufanii “nagaa (sirratti buufna)” jedhanInnis “nagaan (isin irra haa jiraatu)” jedheOdoo hin turre jibicha waadamaan dhufe.
11:70Juz 12 · fu. 229

فَلَمَّا رَأَىٰ أَيْدِيَهُمْ لَا تَصِلُ إِلَيْهِ نَكِرَهُمْ وَأَوْجَسَ مِنْهُمْ خِيفَةً ۚ قَالُوا لَا تَخَفْ إِنَّا أُرْسِلْنَا إِلَىٰ قَوْمِ لُوطٍ70

Yeroma harki isaanii gara isaa (nyaatichaa) kan hin geenye ta’uu argu, isaan morme; isaan irraas sodaa dhokfate“Hin sodaatin; nuti gara ummata Luux ergamnee” jedhan.
11:71Juz 12 · fu. 229

وَامْرَأَتُهُ قَائِمَةٌ فَضَحِكَتْ فَبَشَّرْنَاهَا بِإِسْحَاقَ وَمِنْ وَرَاءِ إِسْحَاقَ يَعْقُوبَ71

Niitiin isaa dhaabattuu turtee achumaan kolfiteNuti Isihaaqiin, Isihaaq boodas Ya’aquubiin ishee gammachiifne.
11:72Juz 12 · fu. 230

قَالَتْ يَا وَيْلَتَىٰ أَأَلِدُ وَأَنَا عَجُوزٌ وَهَٰذَا بَعْلِي شَيْخًا ۖ إِنَّ هَٰذَا لَشَيْءٌ عَجِيبٌ72

Ni jette: “Yaa badii kiyya! Sila odoo ani dullattii, dhirsi kiyya kunis dullacha ta’ee jiruun da’aa? Dhugumatti, kun waan dinqisiisaa dha!”
11:73Juz 12 · fu. 230

قَالُوا أَتَعْجَبِينَ مِنْ أَمْرِ اللَّهِ ۖ رَحْمَتُ اللَّهِ وَبَرَكَاتُهُ عَلَيْكُمْ أَهْلَ الْبَيْتِ ۚ إِنَّهُ حَمِيدٌ مَجِيدٌ73

Ni jedhan: “Sila murtii Rabbii irraa dinqisiifattaa? Yaa warra manichaa! Rahmanni Rabbiitiifi barakaan Isaa isin irra haa jiraatu; dhugumatti, Inni faarfamaa, guddaadha.”
11:74Juz 12 · fu. 230

فَلَمَّا ذَهَبَ عَنْ إِبْرَاهِيمَ الرَّوْعُ وَجَاءَتْهُ الْبُشْرَىٰ يُجَادِلُنَا فِي قَوْمِ لُوطٍ74

Yeroma Ibraahiim irraa sodaan deemee gammachuun isatti dhuftu, inni ummata Luux keessatti Nuun falmuu eegale
11:75Juz 12 · fu. 230

إِنَّ إِبْرَاهِيمَ لَحَلِيمٌ أَوَّاهٌ مُنِيبٌ75

Dhugumatti, Ibraahiim obsaa, mararfataa, deebi’aadha.
11:76Juz 12 · fu. 230

يَا إِبْرَاهِيمُ أَعْرِضْ عَنْ هَٰذَا ۖ إِنَّهُ قَدْ جَاءَ أَمْرُ رَبِّكَ ۖ وَإِنَّهُمْ آتِيهِمْ عَذَابٌ غَيْرُ مَرْدُودٍ76

Yaa Ibraahiim! (Falmii) kana irraa gara galiDhugumatti, ajajni Gooftaa keetii dhufee jiraIsaanis adabbiin hin deebifamne isaanitti dhufa
11:77Juz 12 · fu. 230

وَلَمَّا جَاءَتْ رُسُلُنَا لُوطًا سِيءَ بِهِمْ وَضَاقَ بِهِمْ ذَرْعًا وَقَالَ هَٰذَا يَوْمٌ عَصِيبٌ77

Yeroma ergamtoonni keenya Luuxitti dhufan, inni isaanitti gadde; qomti isaas isaaniif dhiphate“Kun guyyaa cimaadha” jedhe.
11:78Juz 12 · fu. 230

وَجَاءَهُ قَوْمُهُ يُهْرَعُونَ إِلَيْهِ وَمِنْ قَبْلُ كَانُوا يَعْمَلُونَ السَّيِّئَاتِ ۚ قَالَ يَا قَوْمِ هَٰؤُلَاءِ بَنَاتِي هُنَّ أَطْهَرُ لَكُمْ ۖ فَاتَّقُوا اللَّهَ وَلَا تُخْزُونِ فِي ضَيْفِي ۖ أَلَيْسَ مِنْكُمْ رَجُلٌ رَشِيدٌ78

Ummanni isaas gara isaatti kan ariifatan ta’aa isatti dhufanSana duras gocha fokkataa kan raawwatanu turan(Luux) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Isaan kun shamarran kiyyaIsaan (yoo seeraan fuutan) isiniif qulqulluudhaRabbiin sodaadhaa; keessummaa kiyya keessattis na hin xiqqeessinaaSila isin irraa namni qajeelaan tokkolleen hin jiruu?”
11:79Juz 12 · fu. 230

قَالُوا لَقَدْ عَلِمْتَ مَا لَنَا فِي بَنَاتِكَ مِنْ حَقٍّ وَإِنَّكَ لَتَعْلَمُ مَا نُرِيدُ79

Isaan ni jedhan: “Dhugumatti, ati akka nuti ijoollee dubaraa kee irraa fedha hin qabne beektee jirta, dhugumatti ati waan nuti barbaannu sirritti beekta.”
11:80Juz 12 · fu. 230

قَالَ لَوْ أَنَّ لِي بِكُمْ قُوَّةً أَوْ آوِي إِلَىٰ رُكْنٍ شَدِيدٍ80

Ni jedhe: “Ani odoon humna isin irratti qabaadhee yookiin gara gosa jabduu hirkadhee (isinin adabbii ture).”
11:81Juz 12 · fu. 230

قَالُوا يَا لُوطُ إِنَّا رُسُلُ رَبِّكَ لَنْ يَصِلُوا إِلَيْكَ ۖ فَأَسْرِ بِأَهْلِكَ بِقِطْعٍ مِنَ اللَّيْلِ وَلَا يَلْتَفِتْ مِنْكُمْ أَحَدٌ إِلَّا امْرَأَتَكَ ۖ إِنَّهُ مُصِيبُهَا مَا أَصَابَهُمْ ۚ إِنَّ مَوْعِدَهُمُ الصُّبْحُ ۚ أَلَيْسَ الصُّبْحُ بِقَرِيبٍ81

(Isaan) ni jedhan: “Yaa Luux! Dhugumatti, nuti ergamtoota Gooftaa keetiiti; Isaan gara keetti hin ga’anuMaatii kee qabadhuu kutaa halkan irraa taate keessa deemiNiitii kee malee Isin irraa eenyullee of duuba akka hin mil’anneDhugumatti, wanti isaan tuqu ishee tuqaadhaBeellamni isaaniis bariidhaSila bariin dhihoo mitii?”
11:82Juz 12 · fu. 231

فَلَمَّا جَاءَ أَمْرُنَا جَعَلْنَا عَالِيَهَا سَافِلَهَا وَأَمْطَرْنَا عَلَيْهَا حِجَارَةً مِنْ سِجِّيلٍ مَنْضُودٍ82

Yeroo ajajni keenya dhufu, gubbaa ishee (magaalattii) jala ishee taasifnee, Ishee irrattis dhagaa dhoqqee gubamaa wal hordofaa irraa ta’e ishee irratti roobsifne.
11:83Juz 12 · fu. 231

مُسَوَّمَةً عِنْدَ رَبِّكَ ۖ وَمَا هِيَ مِنَ الظَّالِمِينَ بِبَعِيدٍ83

(Dhagattiin) Gooftaa kee biratti kan mallatteeffamte taatee (ishee roobsine)Isheen miidhaa hojjattoota irraa fagoo miti.
11:84Juz 12 · fu. 231

۞ وَإِلَىٰ مَدْيَنَ أَخَاهُمْ شُعَيْبًا ۚ قَالَ يَا قَوْمِ اعْبُدُوا اللَّهَ مَا لَكُمْ مِنْ إِلَٰهٍ غَيْرُهُ ۖ وَلَا تَنْقُصُوا الْمِكْيَالَ وَالْمِيزَانَ ۚ إِنِّي أَرَاكُمْ بِخَيْرٍ وَإِنِّي أَخَافُ عَلَيْكُمْ عَذَابَ يَوْمٍ مُحِيطٍ84

Gara Madyanis obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee jirra)“Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraaIsa malee dhugaan gabbaramaan biraa isiniif hin jiruSafaraafi madaala hin hir’isinaaAni qabeenya keessattin isin argaaraDhugumatti ani adabbii guyyaa marsaa ta’een isin irratti sodaadha
11:85Juz 12 · fu. 231

وَيَا قَوْمِ أَوْفُوا الْمِكْيَالَ وَالْمِيزَانَ بِالْقِسْطِ ۖ وَلَا تَبْخَسُوا النَّاسَ أَشْيَاءَهُمْ وَلَا تَعْثَوْا فِي الْأَرْضِ مُفْسِدِينَ85

Yaa ummata kiyya! Safaraafi madaalas haqaan guutaaNamoota jalaas wantoota isaanii hin hirdhisinaa; dachii keessattis balleessitoota taatanii badii hin facaasinaa
11:86Juz 12 · fu. 231

بَقِيَّتُ اللَّهِ خَيْرٌ لَكُمْ إِنْ كُنْتُمْ مُؤْمِنِينَ ۚ وَمَا أَنَا عَلَيْكُمْ بِحَفِيظٍ86

Yoo mu’uminoota taataniif waan Rabbi isiniif hambisetu isiniif caala; Anis isin irratti eegaa miti.”
11:87Juz 12 · fu. 231

قَالُوا يَا شُعَيْبُ أَصَلَاتُكَ تَأْمُرُكَ أَنْ نَتْرُكَ مَا يَعْبُدُ آبَاؤُنَا أَوْ أَنْ نَفْعَلَ فِي أَمْوَالِنَا مَا نَشَاءُ ۖ إِنَّكَ لَأَنْتَ الْحَلِيمُ الرَّشِيدُ87

Ni jedhan: “Yaa Shu’ayb! Sila salaata keetu waan abbootiin keenya gabbaraa turan akka dhiifnu yookiin akka nuti qabeenya keenya irratti akka feene hin dalagne si ajajjii? Dhugumatti, ati simatu obsaa, qajeelaa dha!”
11:88Juz 12 · fu. 231

قَالَ يَا قَوْمِ أَرَأَيْتُمْ إِنْ كُنْتُ عَلَىٰ بَيِّنَةٍ مِنْ رَبِّي وَرَزَقَنِي مِنْهُ رِزْقًا حَسَنًا ۚ وَمَا أُرِيدُ أَنْ أُخَالِفَكُمْ إِلَىٰ مَا أَنْهَاكُمْ عَنْهُ ۚ إِنْ أُرِيدُ إِلَّا الْإِصْلَاحَ مَا اسْتَطَعْتُ ۚ وَمَا تَوْفِيقِي إِلَّا بِاللَّهِ ۚ عَلَيْهِ تَوَكَّلْتُ وَإِلَيْهِ أُنِيبُ88

Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoon ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, innis kennaa gaarii Isa biraa ta’e naaf kenne, (sila qabeenya karaan alaatiin walitti makuun qabaa)Ani waanin irraa isin dhorge (hojjachuun) isin faallessuu hin fedhuAni hangan danda’een (isin) tolchuu malee hin fedhuHaqa qunnamuun kiyyas Rabbi irraa malee hin taaneIsa irratti hirkadhe; garuma isaan deebi’a.
11:89Juz 12 · fu. 232

وَيَا قَوْمِ لَا يَجْرِمَنَّكُمْ شِقَاقِي أَنْ يُصِيبَكُمْ مِثْلُ مَا أَصَابَ قَوْمَ نُوحٍ أَوْ قَوْمَ هُودٍ أَوْ قَوْمَ صَالِحٍ ۚ وَمَا قَوْمُ لُوطٍ مِنْكُمْ بِبَعِيدٍ89

Yaa ummata kiyya! ana faallessuun akka fakkaataa waan ummata Nuuh yookiin ummata Huud yookiin ummata Saalih tuqee isin tuquu irratti isin hin kaasneUmmanni Luuxis isin irraa fagoo miti.
11:90Juz 12 · fu. 232

وَاسْتَغْفِرُوا رَبَّكُمْ ثُمَّ تُوبُوا إِلَيْهِ ۚ إِنَّ رَبِّي رَحِيمٌ وَدُودٌ90

Gooftaa keessan araarama kadhaaErgasii gara Isaa deebi’aaDhugumatti, Gooftaan kiyya rahmata godhaa, jaallataadha.”
11:91Juz 12 · fu. 232

قَالُوا يَا شُعَيْبُ مَا نَفْقَهُ كَثِيرًا مِمَّا تَقُولُ وَإِنَّا لَنَرَاكَ فِينَا ضَعِيفًا ۖ وَلَوْلَا رَهْطُكَ لَرَجَمْنَاكَ ۖ وَمَا أَنْتَ عَلَيْنَا بِعَزِيزٍ91

“Yaa Shu’ayb! Irra hedduu waan ati jettuu nuti hin hubannuNu keessatti dadhabaa taateetiin si arginaOdoo gosti kee jiraachuu baatee, silaa dhagaan tumnee si ajjeefna turreAti nurratti jabaa miti” jedhan.
11:92Juz 12 · fu. 232

قَالَ يَا قَوْمِ أَرَهْطِي أَعَزُّ عَلَيْكُمْ مِنَ اللَّهِ وَاتَّخَذْتُمُوهُ وَرَاءَكُمْ ظِهْرِيًّا ۖ إِنَّ رَبِّي بِمَا تَعْمَلُونَ مُحِيطٌ92

Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Sila gosa kiyyatu Rabbi irra isinitti jabaataa? Duuba keessan irraan gara dugdaa Isa gootanDhugumatti, Gooftaan kiyya waan isin dalagdanutti marsaadha.
11:93Juz 12 · fu. 232

وَيَا قَوْمِ اعْمَلُوا عَلَىٰ مَكَانَتِكُمْ إِنِّي عَامِلٌ ۖ سَوْفَ تَعْلَمُونَ مَنْ يَأْتِيهِ عَذَابٌ يُخْزِيهِ وَمَنْ هُوَ كَاذِبٌ ۖ وَارْتَقِبُوا إِنِّي مَعَكُمْ رَقِيبٌ93

Yaa ummata kiyya! Isin sadarkaa keessaniin hojjadhaa; Ani hojjataadhaNama adabbiin isa xiqqeessu isatti dhufuufi nama isa kijibaa ta’e fuula dura beektuIsinis eegaa! Ani isin waliin eegaadha.”
11:94Juz 12 · fu. 232

وَلَمَّا جَاءَ أَمْرُنَا نَجَّيْنَا شُعَيْبًا وَالَّذِينَ آمَنُوا مَعَهُ بِرَحْمَةٍ مِنَّا وَأَخَذَتِ الَّذِينَ ظَلَمُوا الصَّيْحَةُ فَأَصْبَحُوا فِي دِيَارِهِمْ جَاثِمِينَ94

Yeroma ajajni keenya dhufu, Shu’aybiifi warra isa waliin amanan rahmata Nu biraa ta’een nagaa baafnee, warra miidhaa hojjatanis iyyansi cimaan ni qabdeManneen isaanii keessatti jilbeenfatoo ta’anii (du’anii) bariisifatan
11:95Juz 12 · fu. 232

كَأَنْ لَمْ يَغْنَوْا فِيهَا ۗ أَلَا بُعْدًا لِمَدْيَنَ كَمَا بَعِدَتْ ثَمُودُ95

Akka waan ishee keessa hin jiraatinii ta’anDhagayaa! akkuma Samuud fagaatte! Madyaniif fageenyi haa ta’u
11:96Juz 12 · fu. 232

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا مُوسَىٰ بِآيَاتِنَا وَسُلْطَانٍ مُبِينٍ96

Dhugumatti, Muusaa keeyyattoota keenyaafi ragaa ifa ta’een erginee jirra
11:97Juz 12 · fu. 232

إِلَىٰ فِرْعَوْنَ وَمَلَئِهِ فَاتَّبَعُوا أَمْرَ فِرْعَوْنَ ۖ وَمَا أَمْرُ فِرْعَوْنَ بِرَشِيدٍ97

Gara Fir’awniifi qondaalota isaa (ergine)Ajaja Fir’awni hordofanAjajni Fir’awnis sirrii miti.
11:98Juz 12 · fu. 233

يَقْدُمُ قَوْمَهُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ فَأَوْرَدَهُمُ النَّارَ ۖ وَبِئْسَ الْوِرْدُ الْمَوْرُودُ98

Guyyaa Qiyaamaa ummata isaa dursee, ibidda isaan seensisa(Inni) seensa seenamaa (ta’uun isaa) waa fokkate!
11:99Juz 12 · fu. 233

وَأُتْبِعُوا فِي هَٰذِهِ لَعْنَةً وَيَوْمَ الْقِيَامَةِ ۚ بِئْسَ الرِّفْدُ الْمَرْفُودُ99

Addunyaa kana keessatti abaarsaan hordofsiifamanGuyyaa Qiyaamaas (akkasuma)Badhaasni badhaafaman waa fokkate!
11:100Juz 12 · fu. 233

ذَٰلِكَ مِنْ أَنْبَاءِ الْقُرَىٰ نَقُصُّهُ عَلَيْكَ ۖ مِنْهَا قَائِمٌ وَحَصِيدٌ100

Kun oduu magaalotaa irraayi; isa sirratti odeessinaIshee irraa dhaabbataafi haamamaatu jiru.
11:101Juz 12 · fu. 233

وَمَا ظَلَمْنَاهُمْ وَلَٰكِنْ ظَلَمُوا أَنْفُسَهُمْ ۖ فَمَا أَغْنَتْ عَنْهُمْ آلِهَتُهُمُ الَّتِي يَدْعُونَ مِنْ دُونِ اللَّهِ مِنْ شَيْءٍ لَمَّا جَاءَ أَمْرُ رَبِّكَ ۖ وَمَا زَادُوهُمْ غَيْرَ تَتْبِيبٍ101

Nuti isaan hin mine; Garuu isaan lubbuu isaanii miidhanYeroma ajajni Gooftaa keetii dhufu gabbaramtoonni isaanii kan isaan Rabbii gaditti gabbaraa turan homaa isaan hin fayyadneHoongessuu malees homaa isaaniif hin daballe.
11:102Juz 12 · fu. 233

وَكَذَٰلِكَ أَخْذُ رَبِّكَ إِذَا أَخَذَ الْقُرَىٰ وَهِيَ ظَالِمَةٌ ۚ إِنَّ أَخْذَهُ أَلِيمٌ شَدِيدٌ102

Qabaan Gooftaa keetiis yeroo magaalota haala miidhaa hojjattuu taateen qabe akkuma kanaDhugumatti, qabaan Isaa laalessaa, jabaadha
11:103Juz 12 · fu. 233

إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً لِمَنْ خَافَ عَذَابَ الْآخِرَةِ ۚ ذَٰلِكَ يَوْمٌ مَجْمُوعٌ لَهُ النَّاسُ وَذَٰلِكَ يَوْمٌ مَشْهُودٌ103

Dhugumatti, kana keessa namoota adabbii Aakiraa sodaataniif mallattootu jiraSun guyyaa namoonni isaaf walitti qabamaniidha; ammas sun guyyaa dhufamaadha.
11:104Juz 12 · fu. 233

وَمَا نُؤَخِّرُهُ إِلَّا لِأَجَلٍ مَعْدُودٍ104

Beellama lakkaa’amaaf malee isa hin tursiifnu.
11:105Juz 12 · fu. 233

يَوْمَ يَأْتِ لَا تَكَلَّمُ نَفْسٌ إِلَّا بِإِذْنِهِ ۚ فَمِنْهُمْ شَقِيٌّ وَسَعِيدٌ105

Guyyaa inni dhufu lubbuun kamillee hayyama Isaatiin ala hin dubbattuIsaan irraas warra hoonga’aafi milkaa’aatu jira.
11:106Juz 12 · fu. 233

فَأَمَّا الَّذِينَ شَقُوا فَفِي النَّارِ لَهُمْ فِيهَا زَفِيرٌ وَشَهِيقٌ106

Isaan hoonga’an ibidda keessa ta’uIshee keessatti iyyansaafi himimsaatu isaaniif jira
11:107Juz 12 · fu. 233

خَالِدِينَ فِيهَا مَا دَامَتِ السَّمَاوَاتُ وَالْأَرْضُ إِلَّا مَا شَاءَ رَبُّكَ ۚ إِنَّ رَبَّكَ فَعَّالٌ لِمَا يُرِيدُ107

Waan Gooftaan kee fedhe malee, Hanga samiifi dachiin turan ishee keessa kan turan ta’anii (ibidda keessa jiraatu)Dhugumatti, Gooftaan kee waan fedhe hojjataadha
11:108Juz 12 · fu. 233

۞ وَأَمَّا الَّذِينَ سُعِدُوا فَفِي الْجَنَّةِ خَالِدِينَ فِيهَا مَا دَامَتِ السَّمَاوَاتُ وَالْأَرْضُ إِلَّا مَا شَاءَ رَبُّكَ ۖ عَطَاءً غَيْرَ مَجْذُوذٍ108

Isaan milkeeffaman immoo Jannata keessa jiraatuWaan Gooftaan kee fedhe malee, hanga samiifi dachiin turtu ishee keessatti kan hafan ta’anii (jannata keessa jiraatu)Kennaa addaan hin cinne (kennaman).
11:109Juz 12 · fu. 234

فَلَا تَكُ فِي مِرْيَةٍ مِمَّا يَعْبُدُ هَٰؤُلَاءِ ۚ مَا يَعْبُدُونَ إِلَّا كَمَا يَعْبُدُ آبَاؤُهُمْ مِنْ قَبْلُ ۚ وَإِنَّا لَمُوَفُّوهُمْ نَصِيبَهُمْ غَيْرَ مَنْقُوصٍ109

(Yaa Muhammad!) waan warri sun gabbaran irraa shakkii keessatti hin tahin(Isaan) akkuma abbootiin isaanii duraan gabbaran malee hin gabbaranuDhugumatti, Nutis qooda isaanii odoo hin hir'ifamne guunnee isaaniif kennina.
11:110Juz 12 · fu. 234

وَلَقَدْ آتَيْنَا مُوسَى الْكِتَابَ فَاخْتُلِفَ فِيهِ ۚ وَلَوْلَا كَلِمَةٌ سَبَقَتْ مِنْ رَبِّكَ لَقُضِيَ بَيْنَهُمْ ۚ وَإِنَّهُمْ لَفِي شَكٍّ مِنْهُ مُرِيبٍ110

Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineerra; isa keessattis wal dhabameOdoo jechi Gooftaa kee biraa dabruu baatee silaa gidduu isaaniitti murteeffama tureDhugumatti, isaan isa irraa shakkii cimaa keessa jiru.
11:111Juz 12 · fu. 234

وَإِنَّ كُلًّا لَمَّا لَيُوَفِّيَنَّهُمْ رَبُّكَ أَعْمَالَهُمْ ۚ إِنَّهُ بِمَا يَعْمَلُونَ خَبِيرٌ111

Dhugumatti hunda isaaniitiif Gooftaan kee dalagaa isaanii isaaniif guutaDhugumatti, Inni waan isaan dalagan beekaadha
11:112Juz 12 · fu. 234

فَاسْتَقِمْ كَمَا أُمِرْتَ وَمَنْ تَابَ مَعَكَ وَلَا تَطْغَوْا ۚ إِنَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ112

Akka ajajamtetti gadi dhaabbadhuIsaan si waliin tawbatanis (gadi haa dhaabbatanii)Daangaas hin dabrinaaDhugumatti, Inni waan isin dalagdan argaadha.
11:113Juz 12 · fu. 234

وَلَا تَرْكَنُوا إِلَى الَّذِينَ ظَلَمُوا فَتَمَسَّكُمُ النَّارُ وَمَا لَكُمْ مِنْ دُونِ اللَّهِ مِنْ أَوْلِيَاءَ ثُمَّ لَا تُنْصَرُونَ113

Gara warra miidhaa hojjatanii hin dabinaa(Yoo akkas gootan) ibiddi isin tuqaRabbiin malees jaalallee biraa hin qabdanErgasii hin tumsamtanu.
11:114Juz 12 · fu. 234

وَأَقِمِ الصَّلَاةَ طَرَفَيِ النَّهَارِ وَزُلَفًا مِنَ اللَّيْلِ ۚ إِنَّ الْحَسَنَاتِ يُذْهِبْنَ السَّيِّئَاتِ ۚ ذَٰلِكَ ذِكْرَىٰ لِلذَّاكِرِينَ114

Qaccee lamaan guyyaatiifi yeroo halkan irraa ta’e salaata dhaabaaToltuuwwan hamtuu ni deemsisuKun warra gorfamaniif gorsa
11:115Juz 12 · fu. 234

وَاصْبِرْ فَإِنَّ اللَّهَ لَا يُضِيعُ أَجْرَ الْمُحْسِنِينَ115

Obsi! Dhugumatti, Rabbiin mindaa toltuu hojjattootaa hin balleessu.
11:116Juz 12 · fu. 234

فَلَوْلَا كَانَ مِنَ الْقُرُونِ مِنْ قَبْلِكُمْ أُولُو بَقِيَّةٍ يَنْهَوْنَ عَنِ الْفَسَادِ فِي الْأَرْضِ إِلَّا قَلِيلًا مِمَّنْ أَنْجَيْنَا مِنْهُمْ ۗ وَاتَّبَعَ الَّذِينَ ظَلَمُوا مَا أُتْرِفُوا فِيهِ وَكَانُوا مُجْرِمِينَ116

Maaliif jaarraawwan isiniin duraa irraa warri gaariin kan dachii keessatti badii irraa dhorgan hin jiraatin? Garuu xiqqoo warra nuti nagaya baafnee irraa (argamaniiru)Isaan miidhaa hojjatan immoo waan isa keessatti qanansiifaman hordofee yakkamtoota irraa ta’an.
11:117Juz 12 · fu. 234

وَمَا كَانَ رَبُّكَ لِيُهْلِكَ الْقُرَىٰ بِظُلْمٍ وَأَهْلُهَا مُصْلِحُونَ117

Gooftaan kee magaalaa kamillee, odoo jiraattonni ishee warra toltuu hojjatan ta’anii jiranuu, miidhaan ishee hin balleessu
11:118Juz 12 · fu. 235

وَلَوْ شَاءَ رَبُّكَ لَجَعَلَ النَّاسَ أُمَّةً وَاحِدَةً ۖ وَلَا يَزَالُونَ مُخْتَلِفِينَ118

Gooftaan kee odoo fedhee, silaa nama hunda ummata tokko taasisa tureWal dhaboo ta’uu irraa hin deemanu
11:119Juz 12 · fu. 235

إِلَّا مَنْ رَحِمَ رَبُّكَ ۚ وَلِذَٰلِكَ خَلَقَهُمْ ۗ وَتَمَّتْ كَلِمَةُ رَبِّكَ لَأَمْلَأَنَّ جَهَنَّمَ مِنَ الْجِنَّةِ وَالنَّاسِ أَجْمَعِينَ119

Nama Gooftaan kee mararfate malee (waldhabuu irraa hin deman)Kanumaafis isaan uumeJechi Gooftaa keetii “dhugumatti jahannamiin walii gala jinnootaafi namootaa irraa ta’aniin nan guuta” jechuun guutamteetti
11:120Juz 12 · fu. 235

وَكُلًّا نَقُصُّ عَلَيْكَ مِنْ أَنْبَاءِ الرُّسُلِ مَا نُثَبِّتُ بِهِ فُؤَادَكَ ۚ وَجَاءَكَ فِي هَٰذِهِ الْحَقُّ وَمَوْعِظَةٌ وَذِكْرَىٰ لِلْمُؤْمِنِينَ120

Oduu ergamtootaa irraa waan ittiin onnee kee raggaasifnu hunda sirratti odeessinaIshee kana keessas dhugaa, gorsaafi yaadachiifni mu’uminootaaf ta’e siif dhufeera
11:121Juz 12 · fu. 235

وَقُلْ لِلَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ اعْمَلُوا عَلَىٰ مَكَانَتِكُمْ إِنَّا عَامِلُونَ121

Isaan hin amanneenis jedhi: “sadarkaa keessaniin dalagaaNuti dalagoodha.
11:122Juz 12 · fu. 235

وَانْتَظِرُوا إِنَّا مُنْتَظِرُونَ122

Isinis eegaa! Nutis eegoodha.”
11:123Juz 12 · fu. 235

وَلِلَّهِ غَيْبُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَإِلَيْهِ يُرْجَعُ الْأَمْرُ كُلُّهُ فَاعْبُدْهُ وَتَوَكَّلْ عَلَيْهِ ۚ وَمَا رَبُّكَ بِغَافِلٍ عَمَّا تَعْمَلُونَ123

Iccitiin samiifi dachii keessaa kanuma RabbiitiDhimmi hundi gara Isaatti deebifamaIsa gabbariIsa irratti hirkadhuGooftaan kee waan isin hojjattan irraa dagataa miti

Jalqaba suuraa irraa taphachiisi

Muhammad Ayyub - Hud · Tlawati