Ghafir

سورة غافر

Suuraa 40 · Makkiyyaa · 85 aayota

40:1Juz 24 · fu. 467

حم1

Haa Miim.
40:2Juz 24 · fu. 467

تَنْزِيلُ الْكِتَابِ مِنَ اللَّهِ الْعَزِيزِ الْعَلِيمِ2

Buufamni kitaabichaa Rabbii injifataa, beekaa ta’e irraayi.
40:3Juz 24 · fu. 467

غَافِرِ الذَّنْبِ وَقَابِلِ التَّوْبِ شَدِيدِ الْعِقَابِ ذِي الطَّوْلِ ۖ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ۖ إِلَيْهِ الْمَصِيرُ3

Araaramaa dilii, qeebalaa tawbaa, (abbaa) adabbii cimaa, abbaa arjummaa(irraayyi)Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; deebiinis gara Isaati.
40:4Juz 24 · fu. 467

مَا يُجَادِلُ فِي آيَاتِ اللَّهِ إِلَّا الَّذِينَ كَفَرُوا فَلَا يَغْرُرْكَ تَقَلُّبُهُمْ فِي الْبِلَادِ4

Keeyyattoota Rabbii keessatti warra kafaran malee eenyulleen hin falmuDachii keessa gara gaggaluun isaanii si hin gowwoomsin.
40:5Juz 24 · fu. 467

كَذَّبَتْ قَبْلَهُمْ قَوْمُ نُوحٍ وَالْأَحْزَابُ مِنْ بَعْدِهِمْ ۖ وَهَمَّتْ كُلُّ أُمَّةٍ بِرَسُولِهِمْ لِيَأْخُذُوهُ ۖ وَجَادَلُوا بِالْبَاطِلِ لِيُدْحِضُوا بِهِ الْحَقَّ فَأَخَذْتُهُمْ ۖ فَكَيْفَ كَانَ عِقَابِ5

Isaan dura ummanni Nuuhiifi gareewwan isaan boodaas sobsiisanii jiruUmmanni hundi ergamaa isaanii qabuuf yaadaniiruSobaan falmanii dhugaa balleessufis yaalaniitin isaan qabeadabbiin kiyya akkam ta’e laata!
40:6Juz 24 · fu. 467

وَكَذَٰلِكَ حَقَّتْ كَلِمَتُ رَبِّكَ عَلَى الَّذِينَ كَفَرُوا أَنَّهُمْ أَصْحَابُ النَّارِ6

Akkuma kanatti jechi Rabbii keetii isaan kafaran irratti ‘dhugumatti isaan warra ibiddaa ta’uun’ mirkanoofte.
40:7Juz 24 · fu. 467

الَّذِينَ يَحْمِلُونَ الْعَرْشَ وَمَنْ حَوْلَهُ يُسَبِّحُونَ بِحَمْدِ رَبِّهِمْ وَيُؤْمِنُونَ بِهِ وَيَسْتَغْفِرُونَ لِلَّذِينَ آمَنُوا رَبَّنَا وَسِعْتَ كُلَّ شَيْءٍ رَحْمَةً وَعِلْمًا فَاغْفِرْ لِلَّذِينَ تَابُوا وَاتَّبَعُوا سَبِيلَكَ وَقِهِمْ عَذَابَ الْجَحِيمِ7

Isaan (malaykonni) Arshii baadhataniifi isaan maddii isaa jiranis Gooftaa isaanii faarsuun qulqulleessu; Isattis ni amanu; isaan amananiifis (akkana jechuun) araarama kadhatu: “Rabbii keenya! Ati rahmataafi beekumsaan waan hunda wal geessee jirta; kanaafuu isaan tawbataniifi karaa kee hordofaniif araaramiadabbii jahiim irraas isaan tiksi.
40:8Juz 24 · fu. 468

رَبَّنَا وَأَدْخِلْهُمْ جَنَّاتِ عَدْنٍ الَّتِي وَعَدْتَهُمْ وَمَنْ صَلَحَ مِنْ آبَائِهِمْ وَأَزْوَاجِهِمْ وَذُرِّيَّاتِهِمْ ۚ إِنَّكَ أَنْتَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ8

(Yaa) Rabbii keenya! Jannata qubannaa kan waadaa isaaniif galte isaan seensisi; akkasumas namoota toltuu hojjatan, kan abbootii isaanii, warra isaaniitiifi ilmaan isaanii irraa ta’anis (seensisi)Dhugumatti, Ati sumatu injifataa, ogeessa.
40:9Juz 24 · fu. 468

وَقِهِمُ السَّيِّئَاتِ ۚ وَمَنْ تَقِ السَّيِّئَاتِ يَوْمَئِذٍ فَقَدْ رَحِمْتَهُ ۚ وَذَٰلِكَ هُوَ الْفَوْزُ الْعَظِيمُ9

Hamtuu irraas isaan eegiNama Ati hamtuu irraa eegde, dhugumatti guyyaa san rahmata isaaf gootee jirtaSuni isumatu milkii guddaadha.”
40:10Juz 24 · fu. 468

إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا يُنَادَوْنَ لَمَقْتُ اللَّهِ أَكْبَرُ مِنْ مَقْتِكُمْ أَنْفُسَكُمْ إِذْ تُدْعَوْنَ إِلَى الْإِيمَانِ فَتَكْفُرُونَ10

Dhugumatti, warri kafaran “jibbaa Rabbii, kan yeroo gara iimaanaa waamamtanii isin kafartanii (Inni isin jibbutu) jibbaa mataa keessanii (kan har’a of jibbitan) irra guddaadha” jechuun itti lallabama.
40:11Juz 24 · fu. 468

قَالُوا رَبَّنَا أَمَتَّنَا اثْنَتَيْنِ وَأَحْيَيْتَنَا اثْنَتَيْنِ فَاعْتَرَفْنَا بِذُنُوبِنَا فَهَلْ إِلَىٰ خُرُوجٍ مِنْ سَبِيلٍ11

Ni jedhan: “yaa Gooftaa keenya! Yeroo lama nu ajjeefteeti yeroo lama nu jiraachifteAmma balleessa keenya fudhanneerraa, karaan (rakkoo hamaa kana irraa) ittiin baanu wahii jiraa?”
40:12Juz 24 · fu. 468

ذَٰلِكُمْ بِأَنَّهُ إِذَا دُعِيَ اللَّهُ وَحْدَهُ كَفَرْتُمْ ۖ وَإِنْ يُشْرَكْ بِهِ تُؤْمِنُوا ۚ فَالْحُكْمُ لِلَّهِ الْعَلِيِّ الْكَبِيرِ12

Kun waan isin yeroo Rabbiin kophaa Isaa waamamu kafartanii, yeroo Isatti qindeeffame immoo amantaniifiMurtiin kan Rabbii ol ta’aa, guddaati.
40:13Juz 24 · fu. 468

هُوَ الَّذِي يُرِيكُمْ آيَاتِهِ وَيُنَزِّلُ لَكُمْ مِنَ السَّمَاءِ رِزْقًا ۚ وَمَا يَتَذَكَّرُ إِلَّا مَنْ يُنِيبُ13

Inni Isa mallattoolee Isaa isinitti argisiisuufi samii irraa rooba isiniif buusuudhaNama gara Isaa deebi’u malee eenyunuu hin gorfamu.
40:14Juz 24 · fu. 468

فَادْعُوا اللَّهَ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ وَلَوْ كَرِهَ الْكَافِرُونَ14

Oduma kaafirtoonni jibbanuu amantii isaaf qulqulleessaa, Rabbiin gabbaraa.
40:15Juz 24 · fu. 468

رَفِيعُ الدَّرَجَاتِ ذُو الْعَرْشِ يُلْقِي الرُّوحَ مِنْ أَمْرِهِ عَلَىٰ مَنْ يَشَاءُ مِنْ عِبَادِهِ لِيُنْذِرَ يَوْمَ التَّلَاقِ15

(Rabbiin Isa) sadarkaa ol fuudhu; dhuunfataa ‘Arshiiti.’ Akka guyyaa wal qunnamtii akeekkachiisuuf wahyii ajaja Isaa irraa ta’e gabroota Isaa gidduu nama fedhe irratti buusa.
40:16Juz 24 · fu. 468

يَوْمَ هُمْ بَارِزُونَ ۖ لَا يَخْفَىٰ عَلَى اللَّهِ مِنْهُمْ شَيْءٌ ۚ لِمَنِ الْمُلْكُ الْيَوْمَ ۖ لِلَّهِ الْوَاحِدِ الْقَهَّارِ16

Guyyaa isaan hundi ifatti bahan; (dhimma) isaan (ilaallatu) irraa homaatuu Rabbi irraa hin dhokatu“Har’a mootummaan kan eenyuuti? Kan Rabbii tokkicha, hunda injifataa ta’eeti.” (Rabbiin jedha).
40:17Juz 24 · fu. 469

الْيَوْمَ تُجْزَىٰ كُلُّ نَفْسٍ بِمَا كَسَبَتْ ۚ لَا ظُلْمَ الْيَوْمَ ۚ إِنَّ اللَّهَ سَرِيعُ الْحِسَابِ17

Har’a (Guyyaa Qiyaamaa) lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamtiHar’a miidhaan hin jiruDhugumatti, Rabbiin saffisaa herregaati.
40:18Juz 24 · fu. 469

وَأَنْذِرْهُمْ يَوْمَ الْآزِفَةِ إِذِ الْقُلُوبُ لَدَى الْحَنَاجِرِ كَاظِمِينَ ۚ مَا لِلظَّالِمِينَ مِنْ حَمِيمٍ وَلَا شَفِيعٍ يُطَاعُ18

Guyyaa dhihaattuu (Qiyaamaa), kan yeroo onneen kokkee bira geessu yaada guutaman san isaan akeekkachiisi(Guyyaa san) miidhaa raawwattootaaf firri yookiin manguddoon fudhatama qabu hin jiru.
40:19Juz 24 · fu. 469

يَعْلَمُ خَائِنَةَ الْأَعْيُنِ وَمَا تُخْفِي الصُّدُورُ19

(Rabbiin) gantuu ijaatiifi waan qomti dhoksitu hunda ni beeka.
40:20Juz 24 · fu. 469

وَاللَّهُ يَقْضِي بِالْحَقِّ ۖ وَالَّذِينَ يَدْعُونَ مِنْ دُونِهِ لَا يَقْضُونَ بِشَيْءٍ ۗ إِنَّ اللَّهَ هُوَ السَّمِيعُ الْبَصِيرُ20

Rabbiin dhugaan murteessaWarri Isaa gaditti isaan gabbaran homaa hin murteessanuDhugumatti, Rabbiin Isumatu dhagayaa, argaadha
40:21Juz 24 · fu. 469

۞ أَوَلَمْ يَسِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَيَنْظُرُوا كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الَّذِينَ كَانُوا مِنْ قَبْلِهِمْ ۚ كَانُوا هُمْ أَشَدَّ مِنْهُمْ قُوَّةً وَآثَارًا فِي الْأَرْضِ فَأَخَذَهُمُ اللَّهُ بِذُنُوبِهِمْ وَمَا كَانَ لَهُمْ مِنَ اللَّهِ مِنْ وَاقٍ21

Sila dachii keessa deemanii booddeen warra isaan dura turanii akkam akka ta’e hin ilaalanuu? Humnaafi dachii keessatti faana dhiisuun isaan irra ciccimoo turaniiti, Rabbiin badii isaaniitif isaan qabe(adabbii) Rabbii irraa wanti isaan tiksu tokkollee isaaniif hin jiru
40:22Juz 24 · fu. 469

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ كَانَتْ تَأْتِيهِمْ رُسُلُهُمْ بِالْبَيِّنَاتِ فَكَفَرُوا فَأَخَذَهُمُ اللَّهُ ۚ إِنَّهُ قَوِيٌّ شَدِيدُ الْعِقَابِ22

Kun waan isaan, ergamtoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhufnaan, isaan (itti) kafaraniifiRabbiin isaan ni qabeDhugumatti, Inni jabaa, adabbii cimaati.
40:23Juz 24 · fu. 469

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا مُوسَىٰ بِآيَاتِنَا وَسُلْطَانٍ مُبِينٍ23

Dhugumatti, Muusaa keeyyattoota keenyaafi ragaa ifa ta’een ergineerra
40:24Juz 24 · fu. 469

إِلَىٰ فِرْعَوْنَ وَهَامَانَ وَقَارُونَ فَقَالُوا سَاحِرٌ كَذَّابٌ24

Gara Fir’awn, Haamaaniifi Qaaruunitti (erginee) “falfalaa, akkaan sobaadha” jedhan.
40:25Juz 24 · fu. 469

فَلَمَّا جَاءَهُمْ بِالْحَقِّ مِنْ عِنْدِنَا قَالُوا اقْتُلُوا أَبْنَاءَ الَّذِينَ آمَنُوا مَعَهُ وَاسْتَحْيُوا نِسَاءَهُمْ ۚ وَمَا كَيْدُ الْكَافِرِينَ إِلَّا فِي ضَلَالٍ25

Yeroo inni dhugaa Nu biraa ta’een itti dhufe, ni jedhan: “ilmaan dhiiraa warra isaa waliin amananii ajjeesaa; dubartoota isaanii dhiisaa.” Tooftaan kaafirootaa dhabama malee hin taane.
40:26Juz 24 · fu. 470

وَقَالَ فِرْعَوْنُ ذَرُونِي أَقْتُلْ مُوسَىٰ وَلْيَدْعُ رَبَّهُ ۖ إِنِّي أَخَافُ أَنْ يُبَدِّلَ دِينَكُمْ أَوْ أَنْ يُظْهِرَ فِي الْأَرْضِ الْفَسَادَ26

Fir’awnis “Muusaa nan ajjeesaa na dhiisaa, Gooftaa isaa haa waammatuu.” “Ani amantii keessan jijjiruu yookiin dachii keessatti badii mul’isuu isaan sodaadha” jedhe.
40:27Juz 24 · fu. 470

وَقَالَ مُوسَىٰ إِنِّي عُذْتُ بِرَبِّي وَرَبِّكُمْ مِنْ كُلِّ مُتَكَبِّرٍ لَا يُؤْمِنُ بِيَوْمِ الْحِسَابِ27

Muusaanis ni jedhe: “ani nama boonaa guyyaa herregaatti hin amanne hunda irraa Rabbii kiyyaafi Rabbii keessanittiin maganfadhe.”
40:28Juz 24 · fu. 470

وَقَالَ رَجُلٌ مُؤْمِنٌ مِنْ آلِ فِرْعَوْنَ يَكْتُمُ إِيمَانَهُ أَتَقْتُلُونَ رَجُلًا أَنْ يَقُولَ رَبِّيَ اللَّهُ وَقَدْ جَاءَكُمْ بِالْبَيِّنَاتِ مِنْ رَبِّكُمْ ۖ وَإِنْ يَكُ كَاذِبًا فَعَلَيْهِ كَذِبُهُ ۖ وَإِنْ يَكُ صَادِقًا يُصِبْكُمْ بَعْضُ الَّذِي يَعِدُكُمْ ۖ إِنَّ اللَّهَ لَا يَهْدِي مَنْ هُوَ مُسْرِفٌ كَذَّابٌ28

Namichi mu’uminni iimaana isaa dhoksu, kan maatii Fir’awni irraa ta’e ni jedhe: “sila isin namicha, waan Gooftaan kiyya Rabbuma jedheef, odoo Gooftaa keessan irraa ragaawwan ifa ta’aniin isinitti dhufee jiruu ajjeeftuu? Yoo sobaa ta’e sobni isaa isuma irratti; yoo nama dhugaa ta’e gariin waan inni waadaa isiniif galee isin tuqaDhugumatti, Rabbiin nama daangaa dabraa, akkaan sobaa ta’e kamillee hin qajeelchu.
40:29Juz 24 · fu. 470

يَا قَوْمِ لَكُمُ الْمُلْكُ الْيَوْمَ ظَاهِرِينَ فِي الْأَرْضِ فَمَنْ يَنْصُرُنَا مِنْ بَأْسِ اللَّهِ إِنْ جَاءَنَا ۚ قَالَ فِرْعَوْنُ مَا أُرِيكُمْ إِلَّا مَا أَرَىٰ وَمَا أَهْدِيكُمْ إِلَّا سَبِيلَ الرَّشَادِ29

Yaa ummata kiyya! Har’a dachii keessatti ol aantummaa qabaachuun, mootummaan keessan; yoo adabbiin Rabbii nutti dhufe namni nu tumsu eenyu?” (jedheen)Fir’awni “ani waanuman ofii kiyyaa amanu malee isinin hin akeeku; karaa sirraawaa malees isin hin qajeelchu” jedhe.
40:30Juz 24 · fu. 470

وَقَالَ الَّذِي آمَنَ يَا قَوْمِ إِنِّي أَخَافُ عَلَيْكُمْ مِثْلَ يَوْمِ الْأَحْزَابِ30

Inni amane ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Ani fakkaataa guyyaa ummata duriin isin irratti sodaadha.
40:31Juz 24 · fu. 470

مِثْلَ دَأْبِ قَوْمِ نُوحٍ وَعَادٍ وَثَمُودَ وَالَّذِينَ مِنْ بَعْدِهِمْ ۚ وَمَا اللَّهُ يُرِيدُ ظُلْمًا لِلْعِبَادِ31

Fakkaataa aadaa ummata Nuuh, Aad, Samuudiifi warra isaan boodaan (isin irratti sodaadha)Rabbiin gabrootaaf miidhaa hin fedhu.
40:32Juz 24 · fu. 470

وَيَا قَوْمِ إِنِّي أَخَافُ عَلَيْكُمْ يَوْمَ التَّنَادِ32

Yaa ummata kiyya! Ani (adabbii) guyyaa wal waamiinsaan isin irratti sodaadha.
40:33Juz 24 · fu. 470

يَوْمَ تُوَلُّونَ مُدْبِرِينَ مَا لَكُمْ مِنَ اللَّهِ مِنْ عَاصِمٍ ۗ وَمَنْ يُضْلِلِ اللَّهُ فَمَا لَهُ مِنْ هَادٍ33

(adabbii) guyyaa, kan Rabbi irraa tiksaan isiniif hin jirre taatanii of duuba deebitanuun (isin irratti sodaadha)Nama Rabbiin jallise qajeelchaan isaaf hin jiru.”
40:34Juz 24 · fu. 471

وَلَقَدْ جَاءَكُمْ يُوسُفُ مِنْ قَبْلُ بِالْبَيِّنَاتِ فَمَا زِلْتُمْ فِي شَكٍّ مِمَّا جَاءَكُمْ بِهِ ۖ حَتَّىٰ إِذَا هَلَكَ قُلْتُمْ لَنْ يَبْعَثَ اللَّهُ مِنْ بَعْدِهِ رَسُولًا ۚ كَذَٰلِكَ يُضِلُّ اللَّهُ مَنْ هُوَ مُسْرِفٌ مُرْتَابٌ34

Yuusufis kana dura ragaawwan ifa ta’aniin isinitti dhufee tureIsin waan inni isinittiin dhufe irraa shakkii keessa ta’uu irraa hin deemneYeroma inni du’e “Rabbiin isa booda ergamaa hin ergu” jettanAkka kanatti Rabbiin nama daangaa dabraa, mamaa ta’e jallisa.
40:35Juz 24 · fu. 471

الَّذِينَ يُجَادِلُونَ فِي آيَاتِ اللَّهِ بِغَيْرِ سُلْطَانٍ أَتَاهُمْ ۖ كَبُرَ مَقْتًا عِنْدَ اللَّهِ وَعِنْدَ الَّذِينَ آمَنُوا ۚ كَذَٰلِكَ يَطْبَعُ اللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ قَلْبِ مُتَكَبِّرٍ جَبَّارٍ35

(Isaan) warra keeyyattoota Rabbii keessatti, odoo ragaan isaanitti hin dhufin falmaniidha; jibbaan (isaanii) Rabbi birattiifi isaan amanan birattis guddate! Akka kanatti Rabbiin (onnee) warra boonaa, of tuulaa hunda irratti cufa.
40:36Juz 24 · fu. 471

وَقَالَ فِرْعَوْنُ يَا هَامَانُ ابْنِ لِي صَرْحًا لَعَلِّي أَبْلُغُ الْأَسْبَابَ36

Fir’awni ni jedhe: “yaa Haamaan! Akkan karaa ol ga’u gamoo naaf ijaari.
40:37Juz 24 · fu. 471

أَسْبَابَ السَّمَاوَاتِ فَأَطَّلِعَ إِلَىٰ إِلَٰهِ مُوسَىٰ وَإِنِّي لَأَظُنُّهُ كَاذِبًا ۚ وَكَذَٰلِكَ زُيِّنَ لِفِرْعَوْنَ سُوءُ عَمَلِهِ وَصُدَّ عَنِ السَّبِيلِ ۚ وَمَا كَيْدُ فِرْعَوْنَ إِلَّا فِي تَبَابٍ37

Karaawwan samii (ol ba’eetan), gara Gooftaa Muusaa ilaalaAni sobaa ta’uu isaan yaada.” Akka kanatti Fir’awniif hamtuun dalagaa isaa miidhagfamee, karaa (Rabbii) irraas dhorgameTooftaan Fir’awni hoongoo malee hin taane.
40:38Juz 24 · fu. 471

وَقَالَ الَّذِي آمَنَ يَا قَوْمِ اتَّبِعُونِ أَهْدِكُمْ سَبِيلَ الرَّشَادِ38

Inni amane ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Karaa qajeelaan isin qajeelchaa, na hordofaa.
40:39Juz 24 · fu. 471

يَا قَوْمِ إِنَّمَا هَٰذِهِ الْحَيَاةُ الدُّنْيَا مَتَاعٌ وَإِنَّ الْآخِرَةَ هِيَ دَارُ الْقَرَارِ39

Yaa ummata kiyya! Jireenyi addunyaa kanaa meeshaadhaDhugumatti, Aakhiraan isheetu ganda qubannaati.
40:40Juz 24 · fu. 471

مَنْ عَمِلَ سَيِّئَةً فَلَا يُجْزَىٰ إِلَّا مِثْلَهَا ۖ وَمَنْ عَمِلَ صَالِحًا مِنْ ذَكَرٍ أَوْ أُنْثَىٰ وَهُوَ مُؤْمِنٌ فَأُولَٰئِكَ يَدْخُلُونَ الْجَنَّةَ يُرْزَقُونَ فِيهَا بِغَيْرِ حِسَابٍ40

Namni hamtuu hojjate, fakkaattuu isiitiin malee galata hin galfamuNamni odoo amanee jiruu toltuu dalage, dhiiras ta’ee dubartii irraas, isaan sun jannata seenaniiti ishee keessatti herrega malee kennamu.
40:41Juz 24 · fu. 472

۞ وَيَا قَوْمِ مَا لِي أَدْعُوكُمْ إِلَى النَّجَاةِ وَتَدْعُونَنِي إِلَى النَّارِ41

Ammas yaa ummata kiyya! Maaluma taatani! Ani gara nageenyaattin isin waamaa, isin immoo gara ibiddaatti na waamtuu?
40:42Juz 24 · fu. 472

تَدْعُونَنِي لِأَكْفُرَ بِاللَّهِ وَأُشْرِكَ بِهِ مَا لَيْسَ لِي بِهِ عِلْمٌ وَأَنَا أَدْعُوكُمْ إِلَى الْعَزِيزِ الْغَفَّارِ42

Akka ani Rabbitti kafaruufi waan waa’ee isaa beekumsa hin qabne isatti qindeessuuf na waamtuAni immoo gara (Rabbii) injifataa, araaramaa ta’eettin isin waama.
40:43Juz 24 · fu. 472

لَا جَرَمَ أَنَّمَا تَدْعُونَنِي إِلَيْهِ لَيْسَ لَهُ دَعْوَةٌ فِي الدُّنْيَا وَلَا فِي الْآخِرَةِ وَأَنَّ مَرَدَّنَا إِلَى اللَّهِ وَأَنَّ الْمُسْرِفِينَ هُمْ أَصْحَابُ النَّارِ43

Dhugumatti, wanti isin itti na waamtan sun addunyaa keessattis ta’ee Aakhiraa keessatti waamichi homaatuu akka isaaf hin jirreefi deebiin keenya gara Rabbii qofa ta’uufi daangaa dabroonnis isaan warra ibiddaa ta’uun shakkiin hin jiru.

فَسَتَذْكُرُونَ مَا أَقُولُ لَكُمْ ۚ وَأُفَوِّضُ أَمْرِي إِلَى اللَّهِ ۚ إِنَّ اللَّهَ بَصِيرٌ بِالْعِبَادِ44

Waanin ani isiniin jedhu kana yaadachuuf jirtuAnis dhimma kiyya gara Rabbiittin hirkifadhaDhugumatti, Rabbiin waa’ee gabroota Isaa argaadha.”
40:45Juz 24 · fu. 472

فَوَقَاهُ اللَّهُ سَيِّئَاتِ مَا مَكَرُوا ۖ وَحَاقَ بِآلِ فِرْعَوْنَ سُوءُ الْعَذَابِ45

Rabbiinis hamtuuwwan waan isaan itti wal mari’atanii jalaa isa baraarseMaatii Fir’awnitti adabbii hamaatu marse.
40:46Juz 24 · fu. 472

النَّارُ يُعْرَضُونَ عَلَيْهَا غُدُوًّا وَعَشِيًّا ۖ وَيَوْمَ تَقُومُ السَّاعَةُ أَدْخِلُوا آلَ فِرْعَوْنَ أَشَدَّ الْعَذَابِ46

Ibidda (jahannam) kan ganamaafi galgala ishee irra fidamantu (isaan marse)Guyyaa Qiyaamaan dhaabattu “maatii Fir’awni adabbii akkaan cimaa seensisaa.”
40:47Juz 24 · fu. 472

وَإِذْ يَتَحَاجُّونَ فِي النَّارِ فَيَقُولُ الضُّعَفَاءُ لِلَّذِينَ اسْتَكْبَرُوا إِنَّا كُنَّا لَكُمْ تَبَعًا فَهَلْ أَنْتُمْ مُغْنُونَ عَنَّا نَصِيبًا مِنَ النَّارِ47

Yeroo ibidda keessatti wal mormanii, isaan dadhaboon isaan boonaniin “nuti isin hordofaa turree, maaf ibidda irraa garii nurraa hin qoodanne?” jedhan san (yaadadhu.)
40:48Juz 24 · fu. 472

قَالَ الَّذِينَ اسْتَكْبَرُوا إِنَّا كُلٌّ فِيهَا إِنَّ اللَّهَ قَدْ حَكَمَ بَيْنَ الْعِبَادِ48

Isaan boonan “nuti hunduu isheedhuma keessa jirra; dhugumatti, Rabbiin gidduu gabrootaatti murtii kenneera” jedhu.
40:49Juz 24 · fu. 472

وَقَالَ الَّذِينَ فِي النَّارِ لِخَزَنَةِ جَهَنَّمَ ادْعُوا رَبَّكُمْ يُخَفِّفْ عَنَّا يَوْمًا مِنَ الْعَذَابِ49

Isaan ibidda keessa jiran waardiyyoota jahannamiin “Gooftaan keessan (hanguma) guyyaa tokko (kan addunyaa) adabbii akka nurraa salphisu (nuuf) kadhaa” jedhan.
40:50Juz 24 · fu. 473

قَالُوا أَوَلَمْ تَكُ تَأْتِيكُمْ رُسُلُكُمْ بِالْبَيِّنَاتِ ۖ قَالُوا بَلَىٰ ۚ قَالُوا فَادْعُوا ۗ وَمَا دُعَاءُ الْكَافِرِينَ إِلَّا فِي ضَلَالٍ50

(Waardiyyoonni) “sila ergamtoonni keessan ragaa ifa ta’een isinitti hin dhufnee?” jedhan(Warri ibiddaatis) “eeyyeen; (nutti dhufaniiru)” jedhan(Waardiyyoonni) “Ergasuu kadhaa! Kadhaan kaafirootaa dhabama malee hin taane” jedhan.
40:51Juz 24 · fu. 473

إِنَّا لَنَنْصُرُ رُسُلَنَا وَالَّذِينَ آمَنُوا فِي الْحَيَاةِ الدُّنْيَا وَيَوْمَ يَقُومُ الْأَشْهَادُ51

Dhugumatti, Nuti ergamtoota keenyaafi isaan amananiifis jiruu addunyaa keessattis ta’ee guyyaa ragoonni dhaabbatan ni tumsina
40:52Juz 24 · fu. 473

يَوْمَ لَا يَنْفَعُ الظَّالِمِينَ مَعْذِرَتُهُمْ ۖ وَلَهُمُ اللَّعْنَةُ وَلَهُمْ سُوءُ الدَّارِ52

Guyyaa miidhaa raawwattoota, sababni isaan dhiheeffatan homaa fayyaduu dhabee, abaarsi isaaniif jiru san; kan ammaas manni fokkotaan isaaniif jiru san (ni tumsinaafi)
40:53Juz 24 · fu. 473

وَلَقَدْ آتَيْنَا مُوسَى الْهُدَىٰ وَأَوْرَثْنَا بَنِي إِسْرَائِيلَ الْكِتَابَ53

Dhugumatti, Muusaaf qajeelfama kenninee, Ilmaan Israa’iilis kitaaba dhaalchifneerra.
40:54Juz 24 · fu. 473

هُدًى وَذِكْرَىٰ لِأُولِي الْأَلْبَابِ54

Warra qalbii qabaniif qajeelfamaafi gorsa
40:55Juz 24 · fu. 473

فَاصْبِرْ إِنَّ وَعْدَ اللَّهِ حَقٌّ وَاسْتَغْفِرْ لِذَنْبِكَ وَسَبِّحْ بِحَمْدِ رَبِّكَ بِالْعَشِيِّ وَالْإِبْكَارِ55

ObsiDhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadhaDilii keetiifis araarama kadhu; Gooftaa keetiis ganamaafi galgala faaruun qulqulleessi
40:56Juz 24 · fu. 473

إِنَّ الَّذِينَ يُجَادِلُونَ فِي آيَاتِ اللَّهِ بِغَيْرِ سُلْطَانٍ أَتَاهُمْ ۙ إِنْ فِي صُدُورِهِمْ إِلَّا كِبْرٌ مَا هُمْ بِبَالِغِيهِ ۚ فَاسْتَعِذْ بِاللَّهِ ۖ إِنَّهُ هُوَ السَّمِيعُ الْبَصِيرُ56

Dhugumatti, isaan keeyyattoota Rabbii keessatti, odoo ragaan tokkollee isaanitti hin dhufin morman, qoma isaanii keessa boona, itti ga’uu hin dandeenye malee homaatuu hin jiruRabbitti maganfadhuDhugumatti, Inni Isumatu dhagayaa, argaadha
40:57Juz 24 · fu. 473

لَخَلْقُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ أَكْبَرُ مِنْ خَلْقِ النَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ57

Samiifi dachii uumuutu namaa uumuu irra guddaadhaGaruu irra hedduun namootaa hin beekanu
40:58Juz 24 · fu. 473

وَمَا يَسْتَوِي الْأَعْمَىٰ وَالْبَصِيرُ وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ وَلَا الْمُسِيءُ ۚ قَلِيلًا مَا تَتَذَكَّرُونَ58

Jaamaafi (inni) argaan wal qixaa miti; isaan amananii, toltuu dalaganiifi inni hamtuu dalagu (wal qixaa miti); hangi isin gorfamtan xiqqoodha
40:59Juz 24 · fu. 474

إِنَّ السَّاعَةَ لَآتِيَةٌ لَا رَيْبَ فِيهَا وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يُؤْمِنُونَ59

Qiyaamaan dhuftuudha; ishee keessa mamiin hin jiruGaruu irra hedduun namootaa hin amananu.
40:60Juz 24 · fu. 474

وَقَالَ رَبُّكُمُ ادْعُونِي أَسْتَجِبْ لَكُمْ ۚ إِنَّ الَّذِينَ يَسْتَكْبِرُونَ عَنْ عِبَادَتِي سَيَدْخُلُونَ جَهَنَّمَ دَاخِرِينَ60

Gooftaan keessan ni jedhe: “Na kadhaa; isiniifiin awwaadhaaDhugumatti, isaan ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta’anii, jahannam seenuuf jiru.”
40:61Juz 24 · fu. 474

اللَّهُ الَّذِي جَعَلَ لَكُمُ اللَّيْلَ لِتَسْكُنُوا فِيهِ وَالنَّهَارَ مُبْصِرًا ۚ إِنَّ اللَّهَ لَذُو فَضْلٍ عَلَى النَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَشْكُرُونَ61

Rabbiin Isa halkan akka ishee keessa boqattaniif, guyyaa immoo ibsaa kan isiniif godheDhugumatti, Rabbiin namoota irratti abbaa tolaatiGaruu irra hedduun namootaa hin galatoomfatanu.
40:62Juz 24 · fu. 474

ذَٰلِكُمُ اللَّهُ رَبُّكُمْ خَالِقُ كُلِّ شَيْءٍ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ۖ فَأَنَّىٰ تُؤْفَكُونَ62

(Inni kana isiniif godhe) kun Allaah, Gooftaa keessani; Uumaa waan hundaatiIsa malee haqaan gabbaramaan hin jiruAkkamitti irraa gara galfamtu?
40:63Juz 24 · fu. 474

كَذَٰلِكَ يُؤْفَكُ الَّذِينَ كَانُوا بِآيَاتِ اللَّهِ يَجْحَدُونَ63

Akkanatti warri keeyyattoota Rabbii morman irraa gara galfamu.
40:64Juz 24 · fu. 474

اللَّهُ الَّذِي جَعَلَ لَكُمُ الْأَرْضَ قَرَارًا وَالسَّمَاءَ بِنَاءً وَصَوَّرَكُمْ فَأَحْسَنَ صُوَرَكُمْ وَرَزَقَكُمْ مِنَ الطَّيِّبَاتِ ۚ ذَٰلِكُمُ اللَّهُ رَبُّكُمْ ۖ فَتَبَارَكَ اللَّهُ رَبُّ الْعَالَمِينَ64

Rabbiin Isa dachii jireenyaaf mijooftuu, samii immoo ijaarsa (gubbaa) isiniif godhee, isin uumee, suuraa keessan miidhagsee, wantoota gaggaarii irraa isiniif kenne(Inni kana godhe) kun Allaah, Gooftaa keessaniAllaahn Gooftaa aalama hundaa ta’e tolli Isaa guddate.
40:65Juz 24 · fu. 474

هُوَ الْحَيُّ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَادْعُوهُ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ ۗ الْحَمْدُ لِلَّهِ رَبِّ الْعَالَمِينَ65

Inni jiraataadhaIsa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruKanaafuu amantii Isaaf qulqulleessaa, Isa kadhaaFaaruun kan Rabbii, Gooftaa aalama hundaa ta’eeti.
40:66Juz 24 · fu. 474

۞ قُلْ إِنِّي نُهِيتُ أَنْ أَعْبُدَ الَّذِينَ تَدْعُونَ مِنْ دُونِ اللَّهِ لَمَّا جَاءَنِيَ الْبَيِّنَاتُ مِنْ رَبِّي وَأُمِرْتُ أَنْ أُسْلِمَ لِرَبِّ الْعَالَمِينَ66

“Ani erga ragaawwan ifa ta’an Gooftaa kiyya irraa natti dhufanii booda wantoota isin Rabbii gaditti waamtan (gabbartan) gabbaruu iraa dhorgameeraGooftaa aalama hundaatiif harka kennuttiis ajajameera” jedhi.
40:67Juz 24 · fu. 475

هُوَ الَّذِي خَلَقَكُمْ مِنْ تُرَابٍ ثُمَّ مِنْ نُطْفَةٍ ثُمَّ مِنْ عَلَقَةٍ ثُمَّ يُخْرِجُكُمْ طِفْلًا ثُمَّ لِتَبْلُغُوا أَشُدَّكُمْ ثُمَّ لِتَكُونُوا شُيُوخًا ۚ وَمِنْكُمْ مَنْ يُتَوَفَّىٰ مِنْ قَبْلُ ۖ وَلِتَبْلُغُوا أَجَلًا مُسَمًّى وَلَعَلَّكُمْ تَعْقِلُونَ67

Inni Isa biyyee irraa, ergasii bishaan saalaa irraa, ergasii dhiiga ititaa irraa, isin uumee ergasii daa’ima godhee isin baasaErgasii akka jabina keessan geessan (isin jiraachisa.) Ergasii akka jaarsa taatan isin godhaIsin irraa nama san dura du’uutu jiraAkka beellama beekamaa geessaniifi akka sammuu horattaniif (isin jiraachisa).
40:68Juz 24 · fu. 475

هُوَ الَّذِي يُحْيِي وَيُمِيتُ ۖ فَإِذَا قَضَىٰ أَمْرًا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُ كُنْ فَيَكُونُ68

Inni Isa jiraachisuufi ajjeesuYeroo dhimma tokko murteesse “argami” isaan jechuu qofa; yoosuu argama.
40:69Juz 24 · fu. 475

أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ يُجَادِلُونَ فِي آيَاتِ اللَّهِ أَنَّىٰ يُصْرَفُونَ69

Sila isaan keeyyattoota Rabbii keessatti morman akka itti irraa deebifaman hin arginee?
40:70Juz 24 · fu. 475

الَّذِينَ كَذَّبُوا بِالْكِتَابِ وَبِمَا أَرْسَلْنَا بِهِ رُسُلَنَا ۖ فَسَوْفَ يَعْلَمُونَ70

Isaan kitaabaafi waan Nuti ergamtoota keenya ittiin ergine sobsiisan, (hin arginee?) (fuul duratti) beekuuf jiru;
40:71Juz 24 · fu. 475

إِذِ الْأَغْلَالُ فِي أَعْنَاقِهِمْ وَالسَّلَاسِلُ يُسْحَبُونَ71

Yeroo sakaallaan sibiilaa morma isaanii irratti maramee, Sansalannis (itti diramee) harkifaman.
40:72Juz 24 · fu. 475

فِي الْحَمِيمِ ثُمَّ فِي النَّارِ يُسْجَرُونَ72

Bishaan danfaa keessa (harkifamanii) ergasii ibidda keessatti gubamu;
40:73Juz 24 · fu. 475

ثُمَّ قِيلَ لَهُمْ أَيْنَ مَا كُنْتُمْ تُشْرِكُونَ73

Ergasii “Isaan Rabbitti qindeessaa turtan sun eessa jiru?” isaaniin jedhama
40:74Juz 24 · fu. 475

مِنْ دُونِ اللَّهِ ۖ قَالُوا ضَلُّوا عَنَّا بَلْ لَمْ نَكُنْ نَدْعُو مِنْ قَبْلُ شَيْئًا ۚ كَذَٰلِكَ يُضِلُّ اللَّهُ الْكَافِرِينَ74

Rabbiin ala (gabbaraa kan turtan)“Nu jalaa badaniiruLakkisaa nuti asiin dura homaa gabbaraa hin turre!” Akka kanatti Rabbiin kaafiroota jallisa.
40:75Juz 24 · fu. 475

ذَٰلِكُمْ بِمَا كُنْتُمْ تَفْرَحُونَ فِي الْأَرْضِ بِغَيْرِ الْحَقِّ وَبِمَا كُنْتُمْ تَمْرَحُونَ75

“Kun waan dachii irratti haqaan ala gammadaa turtaniifi waan daangaa darbitaniifi”
40:76Juz 24 · fu. 475

ادْخُلُوا أَبْوَابَ جَهَنَّمَ خَالِدِينَ فِيهَا ۖ فَبِئْسَ مَثْوَى الْمُتَكَبِّرِينَ76

“Balbala jahannam ishee keessatti hafoo ta’aa seenaa; (isheen) teessoo warra boontotaa ta’uun waa fokkate!” (isaaniin jedhama).
40:77Juz 24 · fu. 475

فَاصْبِرْ إِنَّ وَعْدَ اللَّهِ حَقٌّ ۚ فَإِمَّا نُرِيَنَّكَ بَعْضَ الَّذِي نَعِدُهُمْ أَوْ نَتَوَفَّيَنَّكَ فَإِلَيْنَا يُرْجَعُونَ77

ObsiDhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadhaYoo garii waan waadaa isaaniif gallee si agarsiifne (waa tole); yookiin yoo si ajjeefnes, garuma keenya deebifamu
40:78Juz 24 · fu. 476

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا رُسُلًا مِنْ قَبْلِكَ مِنْهُمْ مَنْ قَصَصْنَا عَلَيْكَ وَمِنْهُمْ مَنْ لَمْ نَقْصُصْ عَلَيْكَ ۗ وَمَا كَانَ لِرَسُولٍ أَنْ يَأْتِيَ بِآيَةٍ إِلَّا بِإِذْنِ اللَّهِ ۚ فَإِذَا جَاءَ أَمْرُ اللَّهِ قُضِيَ بِالْحَقِّ وَخَسِرَ هُنَالِكَ الْمُبْطِلُونَ78

Dhugumatti, si dura ergamtoota erginee jirraIsaan irraa warra seenaa isaanii siif himnetu jiraIsaan irraas warra seenaa isaanii siif hin himintu jiruErgamaan tokko hayyama Rabbiitiin ala keeyyata tokko fiduu hin danda’uYeroo ajajni Rabbii dhufe, (dhimmichi) dhugaan murteeffamaKijibdoonni achitti ni hoonga’u.
40:79Juz 24 · fu. 476

اللَّهُ الَّذِي جَعَلَ لَكُمُ الْأَنْعَامَ لِتَرْكَبُوا مِنْهَا وَمِنْهَا تَأْكُلُونَ79

Rabbiin Isa beyladoota, (garii ishee) yaabbattanii, (garii immoo) nyaattaniif isinii uumeedha.
40:80Juz 24 · fu. 476

وَلَكُمْ فِيهَا مَنَافِعُ وَلِتَبْلُغُوا عَلَيْهَا حَاجَةً فِي صُدُورِكُمْ وَعَلَيْهَا وَعَلَى الْفُلْكِ تُحْمَلُونَ80

Isiniif isaan keessa bu’aa adda addaatu jiraAkka dhimmoota qoma keessan keessatti yaaddan ittiin bakkaan ga’attaniif (isinii uume)Akkasumas isaan irrattiifi dooniiwwan irratti baadhatamtanii (dachiifi bishaan keesa adeemtu).
40:81Juz 24 · fu. 476

وَيُرِيكُمْ آيَاتِهِ فَأَيَّ آيَاتِ اللَّهِ تُنْكِرُونَ81

Inni mallattoolee Isaa isin agarsiisaMallattoowwan Rabbii irraa kamiin mormitu?
40:82Juz 24 · fu. 476

أَفَلَمْ يَسِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَيَنْظُرُوا كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ ۚ كَانُوا أَكْثَرَ مِنْهُمْ وَأَشَدَّ قُوَّةً وَآثَارًا فِي الْأَرْضِ فَمَا أَغْنَىٰ عَنْهُمْ مَا كَانُوا يَكْسِبُونَ82

Sila dachii keessa deemanii, booddeen warra isaan duraa akkam akka ta’e hin ilaallee? Isaan irra bay’ee, humnaanis irra ciccimoo, dachii keessatti faana dhiisuunis isaan caalu turanus wanti isaan dachii keessatti hojjachaa turan (adabbii) irraa isaan hin duroomsine
40:83Juz 24 · fu. 476

فَلَمَّا جَاءَتْهُمْ رُسُلُهُمْ بِالْبَيِّنَاتِ فَرِحُوا بِمَا عِنْدَهُمْ مِنَ الْعِلْمِ وَحَاقَ بِهِمْ مَا كَانُوا بِهِ يَسْتَهْزِئُونَ83

Yeroo ergamtoonni isaanii ragaalee ifa ta’aniin isaanitti dhufan, beekumsa irraa waan isaan bira jirutti gammadanii (boonan)Wanti isaan itti qishnaa turan isaan marse.
40:84Juz 24 · fu. 476

فَلَمَّا رَأَوْا بَأْسَنَا قَالُوا آمَنَّا بِاللَّهِ وَحْدَهُ وَكَفَرْنَا بِمَا كُنَّا بِهِ مُشْرِكِينَ84

Yeroo adabbii keenya argan ni jedhan: “Rabbitti amanne; waan Isatti qindeessaa turrettis kafarre.”
40:85Juz 24 · fu. 476

فَلَمْ يَكُ يَنْفَعُهُمْ إِيمَانُهُمْ لَمَّا رَأَوْا بَأْسَنَا ۖ سُنَّتَ اللَّهِ الَّتِي قَدْ خَلَتْ فِي عِبَادِهِ ۖ وَخَسِرَ هُنَالِكَ الْكَافِرُونَ85

Erga adabbii keenya arganii booda amanuun isaanii kan isaan fayyadu hin taane(Sun) karaa Rabbii kan gabroota Isaa keessatti dabreedhaKaafiroonni achitti hoonga’e

Jalqaba suuraa irraa taphachiisi

Ali Jaber - Ghafir · Tlawati