Al-Hashr

سورة الحشر

Suuraa 59 · Madiiniyyaa · 24 aayota

59:1Juz 28 · fu. 545

سَبَّحَ لِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۖ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ1

Wantoonni samii keessaafi wantoonni dachii keessaa (hundi) Rabbiin qulqulleesseInnis Injifataa Ogeessa.
59:2Juz 28 · fu. 545

هُوَ الَّذِي أَخْرَجَ الَّذِينَ كَفَرُوا مِنْ أَهْلِ الْكِتَابِ مِنْ دِيَارِهِمْ لِأَوَّلِ الْحَشْرِ ۚ مَا ظَنَنْتُمْ أَنْ يَخْرُجُوا ۖ وَظَنُّوا أَنَّهُمْ مَانِعَتُهُمْ حُصُونُهُمْ مِنَ اللَّهِ فَأَتَاهُمُ اللَّهُ مِنْ حَيْثُ لَمْ يَحْتَسِبُوا ۖ وَقَذَفَ فِي قُلُوبِهِمُ الرُّعْبَ ۚ يُخْرِبُونَ بُيُوتَهُمْ بِأَيْدِيهِمْ وَأَيْدِي الْمُؤْمِنِينَ فَاعْتَبِرُوا يَا أُولِي الْأَبْصَارِ2

Inni Isa abbootii kitaabaa irraa isaan kafaran godaansa jalqabaatiif gandoota isaanii irraa baaseedhaBahuu isaanii isin hin yaadne turtanIsaanis da'annoowwan isaanii Rabbi irraa nu dhowwa jechuu yaadaniRabbiinis bakka isaan hin yaadin irraan isaanitti dhufee, onnee isaanii keessatti sodaa darbeManneen isaanii harka isaaniifi harka mu’uminootaatiin onsanYaa warra sammuu qabdan mee xiinxalaa!!
59:3Juz 28 · fu. 545

وَلَوْلَا أَنْ كَتَبَ اللَّهُ عَلَيْهِمُ الْجَلَاءَ لَعَذَّبَهُمْ فِي الدُّنْيَا ۖ وَلَهُمْ فِي الْآخِرَةِ عَذَابُ النَّارِ3

Odoo Rabbiin (Madiinaa keessaa) godaansa isaan irratti barreessuu baatee, silaa addunyaa keessatti isaan adabbii tureIsaaniifis Aakhiraa keessatti adabbii ibiddaatu jira.
59:4Juz 28 · fu. 546

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ شَاقُّوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ ۖ وَمَنْ يُشَاقِّ اللَّهَ فَإِنَّ اللَّهَ شَدِيدُ الْعِقَابِ4

Kun sababa isaan (ajaja) Rabbiifi ergamaa Isaa didaniifiNama (ajaja) Rabbii dide (Rabbiin isa adaba)Dhugumatti, Rabbiin adabbiin isaa cimaadha.
59:5Juz 28 · fu. 546

مَا قَطَعْتُمْ مِنْ لِينَةٍ أَوْ تَرَكْتُمُوهَا قَائِمَةً عَلَىٰ أُصُولِهَا فَبِإِذْنِ اللَّهِ وَلِيُخْزِيَ الْفَاسِقِينَ5

Muka timiraa irraa wanti isin murtan yookiin akkuma hundee ishee irra dhaabattetti dhiiftan eeyyama Rabbiitiini(wanti Rabbiin kana godheef) finciltoota salphisuufi.
59:6Juz 28 · fu. 546

وَمَا أَفَاءَ اللَّهُ عَلَىٰ رَسُولِهِ مِنْهُمْ فَمَا أَوْجَفْتُمْ عَلَيْهِ مِنْ خَيْلٍ وَلَا رِكَابٍ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ يُسَلِّطُ رُسُلَهُ عَلَىٰ مَنْ يَشَاءُ ۚ وَاللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ6

Waan Rabbiin isaan (qabeenya isaanii) irraa ergamaa Isaa irratti deebise isin isa irratti fardaafi gaalas hin gulufsiifneGaruu Rabbiin ergamtoota Isaa abbaa fedhe irratti moosisaRabbiinis waan hunda irratti danda'aadha.
59:7Juz 28 · fu. 546

مَا أَفَاءَ اللَّهُ عَلَىٰ رَسُولِهِ مِنْ أَهْلِ الْقُرَىٰ فَلِلَّهِ وَلِلرَّسُولِ وَلِذِي الْقُرْبَىٰ وَالْيَتَامَىٰ وَالْمَسَاكِينِ وَابْنِ السَّبِيلِ كَيْ لَا يَكُونَ دُولَةً بَيْنَ الْأَغْنِيَاءِ مِنْكُمْ ۚ وَمَا آتَاكُمُ الرَّسُولُ فَخُذُوهُ وَمَا نَهَاكُمْ عَنْهُ فَانْتَهُوا ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ ۖ إِنَّ اللَّهَ شَدِيدُ الْعِقَابِ7

Wanti Rabbiin (qabeenya) warra magaalaa irraa ergamaa Isaa irratti deebise akka jidduu dureeyyii isin irraa ta'aniitti kan naanna'u hin taaneef jecha Rabbi, ergamaa, fira dhihoo (ergamaa), yatiimotaa, hiyyeeyyiifi nama imala irra jiruuf (haqa godhame)Waan Ergamichi (Kiyya) isiniif kennes qabadhaaWaan inni irraa isin dhowwes dhowwamaaRabbiinis sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin adabbiin Isaa cimaadha.
59:8Juz 28 · fu. 546

لِلْفُقَرَاءِ الْمُهَاجِرِينَ الَّذِينَ أُخْرِجُوا مِنْ دِيَارِهِمْ وَأَمْوَالِهِمْ يَبْتَغُونَ فَضْلًا مِنَ اللَّهِ وَرِضْوَانًا وَيَنْصُرُونَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ ۚ أُولَٰئِكَ هُمُ الصَّادِقُونَ8

Hiyyeeyyii godaantotaa warra tola Rabbiifi jaalala isaa barbaacha, akkasumas Rabbiifi ergamaa Isaa tumsuuf jecha manaafi qabeenya isaanii irraa baafamaniifis (ni kennama)Isaan sun isaanumatu warra dhugaati.
59:9Juz 28 · fu. 546

وَالَّذِينَ تَبَوَّءُوا الدَّارَ وَالْإِيمَانَ مِنْ قَبْلِهِمْ يُحِبُّونَ مَنْ هَاجَرَ إِلَيْهِمْ وَلَا يَجِدُونَ فِي صُدُورِهِمْ حَاجَةً مِمَّا أُوتُوا وَيُؤْثِرُونَ عَلَىٰ أَنْفُسِهِمْ وَلَوْ كَانَ بِهِمْ خَصَاصَةٌ ۚ وَمَنْ يُوقَ شُحَّ نَفْسِهِ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الْمُفْلِحُونَ9

Warri isaaniin dura biyyattii qubsuma godhataniifi Iimaana qabatan, namoota gara isaanii godaanan ni jaallatuWaan (Muhaajirootaaf) kenname irrattis qoma isaanii keessatti jibbaa tokkollee hin arganuOdoma rakkoo cimaa qabaataniillee lubbuu isaanii irra (muhaajiroota) filatuNamoonni doynummaa lubbuu isaanii tiksanis, isaan warra milkaa’oodha.
59:10Juz 28 · fu. 547

وَالَّذِينَ جَاءُوا مِنْ بَعْدِهِمْ يَقُولُونَ رَبَّنَا اغْفِرْ لَنَا وَلِإِخْوَانِنَا الَّذِينَ سَبَقُونَا بِالْإِيمَانِ وَلَا تَجْعَلْ فِي قُلُوبِنَا غِلًّا لِلَّذِينَ آمَنُوا رَبَّنَا إِنَّكَ رَءُوفٌ رَحِيمٌ10

Warri booda isaaniitii dhufanis "Yaa Gooftaa keenya! Nuufi obboleeyyan keenya warra iimaanaan nu dursaniif araarami; akkasumas, onnee Keenya keessa jibbaa warra amananiif hin taasisinGooftaa keenya! Ati mararfataa rahmata oolaadha" jedhu.
59:11Juz 28 · fu. 547

۞ أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ نَافَقُوا يَقُولُونَ لِإِخْوَانِهِمُ الَّذِينَ كَفَرُوا مِنْ أَهْلِ الْكِتَابِ لَئِنْ أُخْرِجْتُمْ لَنَخْرُجَنَّ مَعَكُمْ وَلَا نُطِيعُ فِيكُمْ أَحَدًا أَبَدًا وَإِنْ قُوتِلْتُمْ لَنَنْصُرَنَّكُمْ وَاللَّهُ يَشْهَدُ إِنَّهُمْ لَكَاذِبُونَ11

Sila gara warra munaafiqa ta'anii hin ilaallee? Obboleeyyan isaanii kan warra kitaabaa irraa ta'anii kafaraniin "Yoo isin baafamtaniif isinii wajjiin baana; waa'ee keessan keessattis yoomuu, eenyuuniyyuu hin ajajamnu; yoo isin lolamtanis dhugaatti isin gargaarra" jedhuRabbiinis akka isaan kijibdoota ta'an ragaa ba'a.
59:12Juz 28 · fu. 547

لَئِنْ أُخْرِجُوا لَا يَخْرُجُونَ مَعَهُمْ وَلَئِنْ قُوتِلُوا لَا يَنْصُرُونَهُمْ وَلَئِنْ نَصَرُوهُمْ لَيُوَلُّنَّ الْأَدْبَارَ ثُمَّ لَا يُنْصَرُونَ12

Odoo isaan baafamaniis isaanii wajjiin hin ba'anu; odoo isaan lolamaniiyyuu isaan hin tumsanu; odoma isaan tumsaniiyyuu dugda duuba gara galu (ni dheessu); ergasiihis hin tumsamanu.
59:13Juz 28 · fu. 547

لَأَنْتُمْ أَشَدُّ رَهْبَةً فِي صُدُورِهِمْ مِنَ اللَّهِ ۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ قَوْمٌ لَا يَفْقَهُونَ13

Dhugumatti, isintu gama sodaatamuutiin onnee isaanii keessatti Rabbi irra cimaadhaKun waan isaan ummata hin hubanne ta'aniifi.
59:14Juz 28 · fu. 547

لَا يُقَاتِلُونَكُمْ جَمِيعًا إِلَّا فِي قُرًى مُحَصَّنَةٍ أَوْ مِنْ وَرَاءِ جُدُرٍ ۚ بَأْسُهُمْ بَيْنَهُمْ شَدِيدٌ ۚ تَحْسَبُهُمْ جَمِيعًا وَقُلُوبُهُمْ شَتَّىٰ ۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ قَوْمٌ لَا يَعْقِلُونَ14

Yoo magaalota da'annaan marfamte keessa ta'an yookiin dallaa duubaan ta'e malee waliin ta'anii isin hin waraananuDiinummaan isaanii gidduu isaaniitti cimaadhaHaala onneen isaanii adda qoqqoodamee jiruun tokkummaa qaban isaan seetaKun waan isaan namoota hin xiinxalle ta'aniifi.
59:15Juz 28 · fu. 547

كَمَثَلِ الَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ قَرِيبًا ۖ ذَاقُوا وَبَالَ أَمْرِهِمْ وَلَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ15

(Fakkeenyi isaanii) akka warra isaaniin dura yeroo dhihootti adabbii dalagaa isaanii dhandhamaniitiIsaaniifis adabbii laalessaatu jira.
59:16Juz 28 · fu. 547

كَمَثَلِ الشَّيْطَانِ إِذْ قَالَ لِلْإِنْسَانِ اكْفُرْ فَلَمَّا كَفَرَ قَالَ إِنِّي بَرِيءٌ مِنْكَ إِنِّي أَخَافُ اللَّهَ رَبَّ الْعَالَمِينَ16

Akka fakkii sheyxaanaa ilma namaatiin "(Rabbitti) kafari" jedhee erga inni kafaree booda immoo "ani sirraa qulqulluudha; ani Rabbii Gooftaa aalamaan sodaadha" jedheeti.
59:17Juz 28 · fu. 548

فَكَانَ عَاقِبَتَهُمَا أَنَّهُمَا فِي النَّارِ خَالِدَيْنِ فِيهَا ۚ وَذَٰلِكَ جَزَاءُ الظَّالِمِينَ17

Xumurri isaan lamaaniituu keessatti hafoo ta'anii ibidda keessa ta'uudhaKun immoo mindaa miidhaa raawwattootaati.
59:18Juz 28 · fu. 548

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اتَّقُوا اللَّهَ وَلْتَنْظُرْ نَفْسٌ مَا قَدَّمَتْ لِغَدٍ ۖ وَاتَّقُوا اللَّهَ ۚ إِنَّ اللَّهَ خَبِيرٌ بِمَا تَعْمَلُونَ18

Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaaLubbuun kamuu waan boruuf dabarfatte haa ilaaltuAmmas Rabbiin sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha.
59:19Juz 28 · fu. 548

وَلَا تَكُونُوا كَالَّذِينَ نَسُوا اللَّهَ فَأَنْسَاهُمْ أَنْفُسَهُمْ ۚ أُولَٰئِكَ هُمُ الْفَاسِقُونَ19

Akka warra Rabbiin dagannaan lubbuu isaanii isaan dagachiisee hin ta'inaaIsaan isaanumatu finciltoota.
59:20Juz 28 · fu. 548

لَا يَسْتَوِي أَصْحَابُ النَّارِ وَأَصْحَابُ الْجَنَّةِ ۚ أَصْحَابُ الْجَنَّةِ هُمُ الْفَائِزُونَ20

Warri ibiddaafi warri Jannataa wal hin qixxaatanuWarri Jannataa isaanumatu milkaa'oodha.
59:21Juz 28 · fu. 548

لَوْ أَنْزَلْنَا هَٰذَا الْقُرْآنَ عَلَىٰ جَبَلٍ لَرَأَيْتَهُ خَاشِعًا مُتَصَدِّعًا مِنْ خَشْيَةِ اللَّهِ ۚ وَتِلْكَ الْأَمْثَالُ نَضْرِبُهَا لِلنَّاسِ لَعَلَّهُمْ يَتَفَكَّرُونَ21

Odoo Qur'aana kana gaara irratti buufnee, silaa sodaa Rabbii irraa ka'ee kan inni xinnaatee dhodhooyu argita tureFakkeenyota kana akka isaan xiinxalaniif jecha namootaaf taasifna.

هُوَ اللَّهُ الَّذِي لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ۖ عَالِمُ الْغَيْبِ وَالشَّهَادَةِ ۖ هُوَ الرَّحْمَٰنُ الرَّحِيمُ22

Inni Allaahn Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre(Inni) Beekaa fagoofi dhihootiInni akkaan rahmataa godhaa akkaan mararfataadha.
59:23Juz 28 · fu. 548

هُوَ اللَّهُ الَّذِي لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ الْمَلِكُ الْقُدُّوسُ السَّلَامُ الْمُؤْمِنُ الْمُهَيْمِنُ الْعَزِيزُ الْجَبَّارُ الْمُتَكَبِّرُ ۚ سُبْحَانَ اللَّهِ عَمَّا يُشْرِكُونَ23

Inni Allaahii Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre, mootii, hir'ina irraa qulqulluu, abbaa nagayaa, nageenya arjoomaa, Qeexaa, injifataa, guddaa (ol ta'aa), boonaadhaWaan isaan qindeessan hunda irraa Rabbiin qulqullaa'e.
59:24Juz 28 · fu. 548

هُوَ اللَّهُ الْخَالِقُ الْبَارِئُ الْمُصَوِّرُ ۖ لَهُ الْأَسْمَاءُ الْحُسْنَىٰ ۚ يُسَبِّحُ لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ24

Inni Rabbii Uumaa (waan hundaa), (waan hin jirre) Argamsiisaa, bocaa ta'eedhaIsaaf maqoolee gaggaarii ta'antu jiraWantoonni samiifi dachii keessaa Isa qulqulleessu (faarsu)Inni Injifataa ogeessa.

Jalqaba suuraa irraa taphachiisi