Yusuf

سورة يوسف

Suuraa 12 · Makkiyyaa · 111 aayota

12:1Juz 12 · fu. 235

الر ۚ تِلْكَ آيَاتُ الْكِتَابِ الْمُبِينِ1

Alif Laam RaaKun keeyyattoota kitaaba ibsaa ta’eeti
12:2Juz 12 · fu. 235

إِنَّا أَنْزَلْنَاهُ قُرْآنًا عَرَبِيًّا لَعَلَّكُمْ تَعْقِلُونَ2

Nuti akka isin xiinxaltaniif jecha haala Qur’aana Arabiffaa ta’een isa buufne.
12:3Juz 12 · fu. 235

نَحْنُ نَقُصُّ عَلَيْكَ أَحْسَنَ الْقَصَصِ بِمَا أَوْحَيْنَا إِلَيْكَ هَٰذَا الْقُرْآنَ وَإِنْ كُنْتَ مِنْ قَبْلِهِ لَمِنَ الْغَافِلِينَ3

Nuti Qur’aana kana gara keetti beeksisuudhaan seenaa gaggaarii sirratti odeessinaAtis isa dura dagattoota irraa turte.
12:4Juz 12 · fu. 235

إِذْ قَالَ يُوسُفُ لِأَبِيهِ يَا أَبَتِ إِنِّي رَأَيْتُ أَحَدَ عَشَرَ كَوْكَبًا وَالشَّمْسَ وَالْقَمَرَ رَأَيْتُهُمْ لِي سَاجِدِينَ4

Yeroo Yuusuf abbaa isaatin “Yaa abbaa kiyya! Ani (abjuudhaan) urjiiwwan kudha tokko, aduufi ji’a argeera; kan anaaf sujuuda godhan ta’anii isaan argeen jira” jedhe [yaadadhu]
12:5Juz 12 · fu. 236

قَالَ يَا بُنَيَّ لَا تَقْصُصْ رُؤْيَاكَ عَلَىٰ إِخْوَتِكَ فَيَكِيدُوا لَكَ كَيْدًا ۖ إِنَّ الشَّيْطَانَ لِلْإِنْسَانِ عَدُوٌّ مُبِينٌ5

(Abbaan isaas) ni jedhe: “Yaa ilma kiyya! Tooftaa (dhara) sirratti baasuu abjuu kee obboleeyyan keetti hin himinDhugumatti, sheyxaanni namaaf diina ifa bahaadha.
12:6Juz 12 · fu. 236

وَكَذَٰلِكَ يَجْتَبِيكَ رَبُّكَ وَيُعَلِّمُكَ مِنْ تَأْوِيلِ الْأَحَادِيثِ وَيُتِمُّ نِعْمَتَهُ عَلَيْكَ وَعَلَىٰ آلِ يَعْقُوبَ كَمَا أَتَمَّهَا عَلَىٰ أَبَوَيْكَ مِنْ قَبْلُ إِبْرَاهِيمَ وَإِسْحَاقَ ۚ إِنَّ رَبَّكَ عَلِيمٌ حَكِيمٌ6

Akka kanatti Gooftaan kee si filata; hiikkaa manaamaas si barsiisa; ni’imaa Isaas akkuma kana dura abbootii kee Ibraahiimiifi Isihaaq irratti guute sirrattiifi maatii Ya’aquub irrattis ni guutaDhugumatti, Gooftaan kee beekaa, ogeessa.”
12:7Juz 12 · fu. 236

۞ لَقَدْ كَانَ فِي يُوسُفَ وَإِخْوَتِهِ آيَاتٌ لِلسَّائِلِينَ7

Dhugumatti, (seenaa) Yuusufiifi obboleeyyan isaa keessa warreen gaafataniif mallattootu jira.
12:8Juz 12 · fu. 236

إِذْ قَالُوا لَيُوسُفُ وَأَخُوهُ أَحَبُّ إِلَىٰ أَبِينَا مِنَّا وَنَحْنُ عُصْبَةٌ إِنَّ أَبَانَا لَفِي ضَلَالٍ مُبِينٍ8

Yeroo (obboleeyyan Yuusuf) jedhan: “Dhugumatti, odoo nuti garee taanee jirru Yuusufiifi obboleessi isaa nurra gara abbaa keenyaatti jaalatamoodhaDhugumatti, abbaan keenya dogoggora ifa bahaa keessa jira.
12:9Juz 12 · fu. 236

اقْتُلُوا يُوسُفَ أَوِ اطْرَحُوهُ أَرْضًا يَخْلُ لَكُمْ وَجْهُ أَبِيكُمْ وَتَكُونُوا مِنْ بَعْدِهِ قَوْمًا صَالِحِينَ9

Yuusufiin ajjeesaa; yookiin dachii (fagootti) isa gataa; fuulli abbaa keessanii isiniif dhuunfaa ta’aSana booda ummata gaggaarii taatu” (waliin jedhan)
12:10Juz 12 · fu. 236

قَالَ قَائِلٌ مِنْهُمْ لَا تَقْتُلُوا يُوسُفَ وَأَلْقُوهُ فِي غَيَابَتِ الْجُبِّ يَلْتَقِطْهُ بَعْضُ السَّيَّارَةِ إِنْ كُنْتُمْ فَاعِلِينَ10

Isaan irraa jedhaan tokko ni jedhe: “Yuusufiin hin ajjeesinaatii yoo kan dalagdan taataniif akka gariin daldaltoota karaa dheeraa deemu isa fudhatu hundee boollaa (eela) keessatti isa gataa.”
12:11Juz 12 · fu. 236

قَالُوا يَا أَبَانَا مَا لَكَ لَا تَأْمَنَّا عَلَىٰ يُوسُفَ وَإِنَّا لَهُ لَنَاصِحُونَ11

Ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! Sila ati maaliif Yuusuf irratti nu hin amanne? Nutis isaaf tola yaadoodha
12:12Juz 12 · fu. 236

أَرْسِلْهُ مَعَنَا غَدًا يَرْتَعْ وَيَلْعَبْ وَإِنَّا لَهُ لَحَافِظُونَ12

Haa bashannanuu, haa taphatuu boru nu waliin isa ergi; dhugumatti, nutis isaaf tiksitoota.”
12:13Juz 12 · fu. 236

قَالَ إِنِّي لَيَحْزُنُنِي أَنْ تَذْهَبُوا بِهِ وَأَخَافُ أَنْ يَأْكُلَهُ الذِّئْبُ وَأَنْتُمْ عَنْهُ غَافِلُونَ13

(Ya’aquub) ni jedhe: “Isa fuutanii deemuun keessan na gaddisiisaIsinis isa irraa dagatoo taatanii yeyyiin isa nyaachuun sodaadha.”
12:14Juz 12 · fu. 236

قَالُوا لَئِنْ أَكَلَهُ الذِّئْبُ وَنَحْنُ عُصْبَةٌ إِنَّا إِذًا لَخَاسِرُونَ14

[Isaan] ni jedhan: “Odoo nuti garee taanee jirruu yoo yeyyiin isa nyaatteef, dhugumatti nuti yeroo san hoongoftoota.”
12:15Juz 12 · fu. 237

فَلَمَّا ذَهَبُوا بِهِ وَأَجْمَعُوا أَنْ يَجْعَلُوهُ فِي غَيَابَتِ الْجُبِّ ۚ وَأَوْحَيْنَا إِلَيْهِ لَتُنَبِّئَنَّهُمْ بِأَمْرِهِمْ هَٰذَا وَهُمْ لَا يَشْعُرُونَ15

Yeroma deemanii boolla gadi fageenya qabu keessatti isa gatuuf walii galan (isa darban)Nutis “dhugumatti, ati dhimma isaanii kana odoo isaan (si) hin beekin isaanitti himta” jechuun gara isaatti beeksifne.
12:16Juz 12 · fu. 237

وَجَاءُوا أَبَاهُمْ عِشَاءً يَبْكُونَ16

Isaanis galgala booyaatiin abbaa isaanii bira dhufan
12:17Juz 12 · fu. 237

قَالُوا يَا أَبَانَا إِنَّا ذَهَبْنَا نَسْتَبِقُ وَتَرَكْنَا يُوسُفَ عِنْدَ مَتَاعِنَا فَأَكَلَهُ الذِّئْبُ ۖ وَمَا أَنْتَ بِمُؤْمِنٍ لَنَا وَلَوْ كُنَّا صَادِقِينَ17

“Yaa abbaa keenya! Nuti wal dorgomuuf Yuusufiin meeshaa keenya biratti dhiifnee deemneYomasan yeyyiin isa nyaateOdoma nuti warra dhugaa dubbatan taaneeyyuu ati nuuf kan amantuu miti” jedhan
12:18Juz 12 · fu. 237

وَجَاءُوا عَلَىٰ قَمِيصِهِ بِدَمٍ كَذِبٍ ۚ قَالَ بَلْ سَوَّلَتْ لَكُمْ أَنْفُسُكُمْ أَمْرًا ۖ فَصَبْرٌ جَمِيلٌ ۖ وَاللَّهُ الْمُسْتَعَانُ عَلَىٰ مَا تَصِفُونَ18

Qamisa isaa irrattis dhiiga sobaatiin dhufan(Yaaquub) ni jedhe: “Lakkisaa; Lubbuu keessantu dubbii (sobaa) isiniif miidhagsiteObsi kiyya obsa gaariidhaWaan isin jettan kana irrattis gargaarsifatamaan Rabbi qofa.”
12:19Juz 12 · fu. 237

وَجَاءَتْ سَيَّارَةٌ فَأَرْسَلُوا وَارِدَهُمْ فَأَدْلَىٰ دَلْوَهُ ۖ قَالَ يَا بُشْرَىٰ هَٰذَا غُلَامٌ ۚ وَأَسَرُّوهُ بِضَاعَةً ۚ وَاللَّهُ عَلِيمٌ بِمَا يَعْمَلُونَ19

Kara deemtonnis (daldaaltoonnis) dhuftee nama isaaniif bishaan waraabu erganii baaldii isaa (boolla keessa) gadi buuse“Yaa gammachuu! Kuni mucaa dargaggeessa” jedheMeeshaa godhanii isa dhoksanRabbiin waan isaan hojjatan hunda beekaadha.
12:20Juz 12 · fu. 237

وَشَرَوْهُ بِثَمَنٍ بَخْسٍ دَرَاهِمَ مَعْدُودَةٍ وَكَانُوا فِيهِ مِنَ الزَّاهِدِينَ20

Gatii xiqqaa, maallaqa lakkaa’amtuutti, isa gurguranIsa keessattis warra dhimma isaa hin qabne irraa ta’an.
12:21Juz 12 · fu. 237

وَقَالَ الَّذِي اشْتَرَاهُ مِنْ مِصْرَ لِامْرَأَتِهِ أَكْرِمِي مَثْوَاهُ عَسَىٰ أَنْ يَنْفَعَنَا أَوْ نَتَّخِذَهُ وَلَدًا ۚ وَكَذَٰلِكَ مَكَّنَّا لِيُوسُفَ فِي الْأَرْضِ وَلِنُعَلِّمَهُ مِنْ تَأْوِيلِ الْأَحَادِيثِ ۚ وَاللَّهُ غَالِبٌ عَلَىٰ أَمْرِهِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ21

Inni Misra irraa isa bites niitii isaatiin ni jedhe: “nu fayyaduun yookiin ilma isa taasifachuun keenya ni kejeelamaa (iddoo) qubsuma isaa kabaji.” (Akka bulchaa isa goonuu)fi hiikoo manaamaas isa barsiifnuuf jecha akka kanatti Yuusufiif dachii keessa mijjeessineRabbiinis dhimma Isaa irratti injifataadhaGaruu irra hedduun namaa hin beekanu
12:22Juz 12 · fu. 237

وَلَمَّا بَلَغَ أَشُدَّهُ آتَيْنَاهُ حُكْمًا وَعِلْمًا ۚ وَكَذَٰلِكَ نَجْزِي الْمُحْسِنِينَ22

Yeroo inni jabummaa (qaama) isaa ga’u, ogummaafi beekumsa isaaf kennineAkka kanattis toltuu hojjattoota mindeessina.
12:23Juz 12 · fu. 238

وَرَاوَدَتْهُ الَّتِي هُوَ فِي بَيْتِهَا عَنْ نَفْسِهِ وَغَلَّقَتِ الْأَبْوَابَ وَقَالَتْ هَيْتَ لَكَ ۚ قَالَ مَعَاذَ اللَّهِ ۖ إِنَّهُ رَبِّي أَحْسَنَ مَثْوَايَ ۖ إِنَّهُ لَا يُفْلِحُ الظَّالِمُونَ23

Isheen inni mana ishee keessa jirus (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa barbaaddeHulaalees ni cuccufte“Ani siif qophaa’eeraa kottu” jette“Ani Rabbitti maganfadha! Inni (dhiirsi kee) gooftaa kiyya; jireenya kootis naaf tolchee jiraDhugumatti, miidhaa hojjattoonni hin milkaayanu” jedheen
12:24Juz 12 · fu. 238

وَلَقَدْ هَمَّتْ بِهِ ۖ وَهَمَّ بِهَا لَوْلَا أَنْ رَأَىٰ بُرْهَانَ رَبِّهِ ۚ كَذَٰلِكَ لِنَصْرِفَ عَنْهُ السُّوءَ وَالْفَحْشَاءَ ۚ إِنَّهُ مِنْ عِبَادِنَا الْمُخْلَصِينَ24

Dhugumatti, isheen isatti yaaddee jirtiOdoo ragaa Gooftaa isaa arguu baatee innis isheetti yaadee tureAkka kanatti hamtuufi hojii fokkataa isa irraa deebisuuf (ragaa keenya isa agarsiifne)Dhugumatti, inni gabroota keenya qulqulleeffamoo irraayyi.
12:25Juz 12 · fu. 238

وَاسْتَبَقَا الْبَابَ وَقَدَّتْ قَمِيصَهُ مِنْ دُبُرٍ وَأَلْفَيَا سَيِّدَهَا لَدَى الْبَابِ ۚ قَالَتْ مَا جَزَاءُ مَنْ أَرَادَ بِأَهْلِكَ سُوءًا إِلَّا أَنْ يُسْجَنَ أَوْ عَذَابٌ أَلِيمٌ25

(Isaan lamaan) gara balbalaa wal dorgomanIsheenis qamiisa isaa gara duubatiin kutteLamaanuu balbala biratti gooftaa (dhirsa) ishee arganIsheen ni jette: “Mindaan nama warra (niitii) keetti hamtuu yaadee hidhamuu yookiin adabbii laalessaa malee homaa hin taane.”
12:26Juz 12 · fu. 238

قَالَ هِيَ رَاوَدَتْنِي عَنْ نَفْسِي ۚ وَشَهِدَ شَاهِدٌ مِنْ أَهْلِهَا إِنْ كَانَ قَمِيصُهُ قُدَّ مِنْ قُبُلٍ فَصَدَقَتْ وَهُوَ مِنَ الْكَاذِبِينَ26

Inni (Yuusuf) ni jedhe: “Isheetu (qunnamtii saalaatiif) lubbuu kiyya irra na barbaaddeRagaa ba’aan maatii ishee irraa ta’e tokkos (akkana jechuun) ragaa ba’e: “Yoo qamiisni isaa gara duraatiin baqaqfame, isheen dhugaa jettee inni sobdoota irraayi
12:27Juz 12 · fu. 238

وَإِنْ كَانَ قَمِيصُهُ قُدَّ مِنْ دُبُرٍ فَكَذَبَتْ وَهُوَ مِنَ الصَّادِقِينَ27

Yoo qamiisni isaa gara duubaatiin baqaqfame, isheen ni sobdee inni dhugaa dubbattoota irraayi.”
12:28Juz 12 · fu. 238

فَلَمَّا رَأَىٰ قَمِيصَهُ قُدَّ مِنْ دُبُرٍ قَالَ إِنَّهُ مِنْ كَيْدِكُنَّ ۖ إِنَّ كَيْدَكُنَّ عَظِيمٌ28

Yeroma qamiisni isaa gara duubatiin kan baqaqfame ta’uu argu, (dhirsi ishee) ni jedhe: “Dhugumatti, inni kun tooftaa keessan (dubartootaa) irraayyiDhugumatti, tooftaan keessan guddaadha
12:29Juz 12 · fu. 238

يُوسُفُ أَعْرِضْ عَنْ هَٰذَا ۚ وَاسْتَغْفِرِي لِذَنْبِكِ ۖ إِنَّكِ كُنْتِ مِنَ الْخَاطِئِينَ29

Yuusuf kana irraa garagaliAti (dubartittiin) immoo badii keetiif araarama kadhuDhugumatti, ati warreen dogoggoran irraa taatee jirta.”
12:30Juz 12 · fu. 238

۞ وَقَالَ نِسْوَةٌ فِي الْمَدِينَةِ امْرَأَتُ الْعَزِيزِ تُرَاوِدُ فَتَاهَا عَنْ نَفْسِهِ ۖ قَدْ شَغَفَهَا حُبًّا ۖ إِنَّا لَنَرَاهَا فِي ضَلَالٍ مُبِينٍ30

Dubartoonni magaalattii keessa jiranis ni jedhan: “Niitiin mootichaa gabra ishee (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa feeteJaalalli isaas onnee ishee gubee jiraDhugumatti, nuti jallina ifa ta’e keessatti ishee agarra.”
12:31Juz 12 · fu. 239

فَلَمَّا سَمِعَتْ بِمَكْرِهِنَّ أَرْسَلَتْ إِلَيْهِنَّ وَأَعْتَدَتْ لَهُنَّ مُتَّكَأً وَآتَتْ كُلَّ وَاحِدَةٍ مِنْهُنَّ سِكِّينًا وَقَالَتِ اخْرُجْ عَلَيْهِنَّ ۖ فَلَمَّا رَأَيْنَهُ أَكْبَرْنَهُ وَقَطَّعْنَ أَيْدِيَهُنَّ وَقُلْنَ حَاشَ لِلَّهِ مَا هَٰذَا بَشَرًا إِنْ هَٰذَا إِلَّا مَلَكٌ كَرِيمٌ31

Yeroma hamii isaanii dhageessu, gara isaaniitti ergiteNyaatas isaaniif qopheessiteTokko tokkoon isaaniitiifis hablee (billaa) ni kenitte“Isaan irratti gadi bahi” jetteYeroma isa argan isa dinqisiifatanHarka isaaniis kukkutan“Rabbiin qulqulaa’ee inni kun namaa mitiInni kun maleykaa gaariidha malee waan biraatii miti” jedhan
12:32Juz 12 · fu. 239

قَالَتْ فَذَٰلِكُنَّ الَّذِي لُمْتُنَّنِي فِيهِ ۖ وَلَقَدْ رَاوَدْتُهُ عَنْ نَفْسِهِ فَاسْتَعْصَمَ ۖ وَلَئِنْ لَمْ يَفْعَلْ مَا آمُرُهُ لَيُسْجَنَنَّ وَلَيَكُونًا مِنَ الصَّاغِرِينَ32

(Isheenis) ni jette: “kun isa isin isa irratti na komattaniidhaAnumatu (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa feenaan dideYoo inni waan ani isa ajaju dalaguu dide Dhugumatti ni hidhama; Salphattoota irraas ni ta’a” jette
12:33Juz 12 · fu. 239

قَالَ رَبِّ السِّجْنُ أَحَبُّ إِلَيَّ مِمَّا يَدْعُونَنِي إِلَيْهِ ۖ وَإِلَّا تَصْرِفْ عَنِّي كَيْدَهُنَّ أَصْبُ إِلَيْهِنَّ وَأَكُنْ مِنَ الْجَاهِلِينَ33

[Inni] “Gooftaa kiyya! Hidhaatu waan isaan itti na waaman irra ana biratti jaalatamaadhaYoo Ati tooftaa isaanii narraa deebifte malee, ani gara isaaniin daba; wallaaltota irraas nan ta’a” jedhe
12:34Juz 12 · fu. 239

فَاسْتَجَابَ لَهُ رَبُّهُ فَصَرَفَ عَنْهُ كَيْدَهُنَّ ۚ إِنَّهُ هُوَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ34

Kanaaf Gooftaan isaa isaaf awwaatee tooftaa isaaniis isarraa deebiseDhugumatti, Inni (Rabbiin) Isatu dhaga’aa, beekaadha
12:35Juz 12 · fu. 239

ثُمَّ بَدَا لَهُمْ مِنْ بَعْدِ مَا رَأَوُا الْآيَاتِ لَيَسْجُنُنَّهُ حَتَّىٰ حِينٍ35

Sana booda erga mallattoowwan (qulqullummaa isaa mul’isu) arganii, yeroo murtaa’eef isa hiina jechuutu isaaniif mul’ate
12:36Juz 12 · fu. 239

وَدَخَلَ مَعَهُ السِّجْنَ فَتَيَانِ ۖ قَالَ أَحَدُهُمَا إِنِّي أَرَانِي أَعْصِرُ خَمْرًا ۖ وَقَالَ الْآخَرُ إِنِّي أَرَانِي أَحْمِلُ فَوْقَ رَأْسِي خُبْزًا تَأْكُلُ الطَّيْرُ مِنْهُ ۖ نَبِّئْنَا بِتَأْوِيلِهِ ۖ إِنَّا نَرَاكَ مِنَ الْمُحْسِنِينَ36

Isa waliin dargaggeessi lamas mana hidhaa seenaniTokkoon isaanii ni jedhe: “ani (abjuudhaan) kanin farsoo cuunfun of arge.” Inni biraa immoo ni jedhe: “ani mataa kiyya gubbaatti daabboo baadhee kan allaattiin isa irraa nyaattun arge.” “Gaarii hojjattoota irraa ta’uu kee arginaa hiika isaa nutti himi.”
12:37Juz 12 · fu. 239

قَالَ لَا يَأْتِيكُمَا طَعَامٌ تُرْزَقَانِهِ إِلَّا نَبَّأْتُكُمَا بِتَأْوِيلِهِ قَبْلَ أَنْ يَأْتِيَكُمَا ۚ ذَٰلِكُمَا مِمَّا عَلَّمَنِي رَبِّي ۚ إِنِّي تَرَكْتُ مِلَّةَ قَوْمٍ لَا يُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ وَهُمْ بِالْآخِرَةِ هُمْ كَافِرُونَ37

(Yuusuf) ni jedhe: “nyaanni isin isa nyaattan odoo inni isinitti hin dhufin dura hiika isaa isin lamaanitti himu malee isinitti hin dhufu; Kun wantoota Gooftaan kiyya na barsiise irraayyiDhugumatti, ani amantii (karaa) ummata Rabbitti hin amannee isaanis Aakiraatti kaafiroota ta’anii dhiiseera.
12:38Juz 12 · fu. 240

وَاتَّبَعْتُ مِلَّةَ آبَائِي إِبْرَاهِيمَ وَإِسْحَاقَ وَيَعْقُوبَ ۚ مَا كَانَ لَنَا أَنْ نُشْرِكَ بِاللَّهِ مِنْ شَيْءٍ ۚ ذَٰلِكَ مِنْ فَضْلِ اللَّهِ عَلَيْنَا وَعَلَى النَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَشْكُرُونَ38

Amantii abboota kiyya Ibraahiim, Isihaaqiifi Ya’aquubis hordofeeraWaan tokkos Rabbitti qindeessuun nuuf hin taaneKuni tola Rabbii kan nuufi namoota (hunda) irra jiruudhaGaruu irra hedduun namootaa (Rabbiin) hin galateeffatanu.
12:39Juz 12 · fu. 240

يَا صَاحِبَيِ السِّجْنِ أَأَرْبَابٌ مُتَفَرِّقُونَ خَيْرٌ أَمِ اللَّهُ الْوَاحِدُ الْقَهَّارُ39

Yaa hiriyoota kiyya lamaan kan mana hidhaa! Sila gooftota adda addaa baay’ee moo Rabbii tokkicha hunda mo’ataa ta’etu caala?
12:40Juz 12 · fu. 240

مَا تَعْبُدُونَ مِنْ دُونِهِ إِلَّا أَسْمَاءً سَمَّيْتُمُوهَا أَنْتُمْ وَآبَاؤُكُمْ مَا أَنْزَلَ اللَّهُ بِهَا مِنْ سُلْطَانٍ ۚ إِنِ الْحُكْمُ إِلَّا لِلَّهِ ۚ أَمَرَ أَلَّا تَعْبُدُوا إِلَّا إِيَّاهُ ۚ ذَٰلِكَ الدِّينُ الْقَيِّمُ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ40

Maqoota isiniifi abbootiin keessan moggaaftan malee Rabbii gaditti waan biraa gabbaraa hin jirtanuRabbiin ishee (gabbaruu)tti ragaa tokkos hin buufne; murtiin Rabbiif malee eenyuufuu hintaaneIsa malees akka hin gabbarre ajajeeraKun amantii gadi dhaabbataadhaGaruu irra hedduun namaa hin beekanu
12:41Juz 12 · fu. 240

يَا صَاحِبَيِ السِّجْنِ أَمَّا أَحَدُكُمَا فَيَسْقِي رَبَّهُ خَمْرًا ۖ وَأَمَّا الْآخَرُ فَيُصْلَبُ فَتَأْكُلُ الطَّيْرُ مِنْ رَأْسِهِ ۚ قُضِيَ الْأَمْرُ الَّذِي فِيهِ تَسْتَفْتِيَانِ41

Yaa hiriyoota kiyya kan mana hidhaa! Egaa isin lamaan keessaa tokko gooftaa (mootii) isaa farshoo obaasaInni biraa immoo fannifameeti allaattiin mataa isaa irraa nyaattiDhimmi inni isin isa keessatti hiika gaafattan murtaa’ee jira.”
12:42Juz 12 · fu. 240

وَقَالَ لِلَّذِي ظَنَّ أَنَّهُ نَاجٍ مِنْهُمَا اذْكُرْنِي عِنْدَ رَبِّكَ فَأَنْسَاهُ الشَّيْطَانُ ذِكْرَ رَبِّهِ فَلَبِثَ فِي السِّجْنِ بِضْعَ سِنِينَ42

Issaan lamaan keessaa isa (nagaa) baha jedhee yaadeen “Gooftaa kee biratti na dubbadhu” jedheenGooftaa isaatti dubbachuu sheyxaanni isa dagachiiseWaggaa muraasa mana hidhaa keessa ture
12:43Juz 12 · fu. 240

وَقَالَ الْمَلِكُ إِنِّي أَرَىٰ سَبْعَ بَقَرَاتٍ سِمَانٍ يَأْكُلُهُنَّ سَبْعٌ عِجَافٌ وَسَبْعَ سُنْبُلَاتٍ خُضْرٍ وَأُخَرَ يَابِسَاتٍ ۖ يَا أَيُّهَا الْمَلَأُ أَفْتُونِي فِي رُؤْيَايَ إِنْ كُنْتُمْ لِلرُّؤْيَا تَعْبُرُونَ43

Mootichis ni jedhe: “Dhugumatti, ani sa’oota gabbataa ta’an torba kan (sa’oonni) huqqatoo ta’an torba nyaatan, akkasumas sootalloo (mataa midhaanii) magariisa torbaafi kan biraas gogaa (torba) abjuu keessatti argeeraYaa qondaaltota (kiyya)! yoo kan manaama hiiktanu taataniif manaama kiyya kana naaf hiikaa.”
12:44Juz 12 · fu. 241

قَالُوا أَضْغَاثُ أَحْلَامٍ ۖ وَمَا نَحْنُ بِتَأْوِيلِ الْأَحْلَامِ بِعَالِمِينَ44

“(Kuni) bursusa (yaacoo) manaamaatiNutis hiika bursusaa kan beeknu hin taane” jedhani.
12:45Juz 12 · fu. 241

وَقَالَ الَّذِي نَجَا مِنْهُمَا وَادَّكَرَ بَعْدَ أُمَّةٍ أَنَا أُنَبِّئُكُمْ بِتَأْوِيلِهِ فَأَرْسِلُونِ45

Inni isaan lamaan (mana hidhaa keessa turan) irraa nagaa ba’eefi yeroo dheeraa booda (Yuusufiin) yaadatee ni jedhe: “Anatu hiika isaa isinitti himaa na ergaa.” (Gara Yuusufis ni deeme)
12:46Juz 12 · fu. 241

يُوسُفُ أَيُّهَا الصِّدِّيقُ أَفْتِنَا فِي سَبْعِ بَقَرَاتٍ سِمَانٍ يَأْكُلُهُنَّ سَبْعٌ عِجَافٌ وَسَبْعِ سُنْبُلَاتٍ خُضْرٍ وَأُخَرَ يَابِسَاتٍ لَعَلِّي أَرْجِعُ إِلَى النَّاسِ لَعَلَّهُمْ يَعْلَمُونَ46

(Innis ni jedhe): “Yaa Yuusufii dhugaa dubbataa taate! Sa’oota gabbatoo torba kan (sa’oonni) huqqatoon torba isaan nyaataniifi sootalloo (mataa midhaanii) magariisaa torbaafi kan biraas gogaa (torba) hiika (abjuu kanaa) akka beekanuuf gara namaa deebi’ee isaanitti himuun koo ni kajeelamaa nuuf himi
12:47Juz 12 · fu. 241

قَالَ تَزْرَعُونَ سَبْعَ سِنِينَ دَأَبًا فَمَا حَصَدْتُمْ فَذَرُوهُ فِي سُنْبُلِهِ إِلَّا قَلِيلًا مِمَّا تَأْكُلُونَ47

Ni jedhe: “Waggaa walitti aanan torbaaf akkuma barametti facaafattuXiqqoo waan irraa nyaattan malee waan oomishtan sootalloo isaa keessatti isa dhiisaa
12:48Juz 12 · fu. 241

ثُمَّ يَأْتِي مِنْ بَعْدِ ذَٰلِكَ سَبْعٌ شِدَادٌ يَأْكُلْنَ مَا قَدَّمْتُمْ لَهُنَّ إِلَّا قَلِيلًا مِمَّا تُحْصِنُونَ48

Ergasii san booda, xiqqoo waan kuuftanii malee waan isin isaaniif keessan hunda kan nyaatanu waggoota rakkinaa torbatu dhufa
12:49Juz 12 · fu. 241

ثُمَّ يَأْتِي مِنْ بَعْدِ ذَٰلِكَ عَامٌ فِيهِ يُغَاثُ النَّاسُ وَفِيهِ يَعْصِرُونَ49

Ergasii sana booda waggaa isa keessa namoonni rooba argataniifi isa keessas (inaba) cuunfatantu dhufa.”
12:50Juz 12 · fu. 241

وَقَالَ الْمَلِكُ ائْتُونِي بِهِ ۖ فَلَمَّا جَاءَهُ الرَّسُولُ قَالَ ارْجِعْ إِلَىٰ رَبِّكَ فَاسْأَلْهُ مَا بَالُ النِّسْوَةِ اللَّاتِي قَطَّعْنَ أَيْدِيَهُنَّ ۚ إِنَّ رَبِّي بِكَيْدِهِنَّ عَلِيمٌ50

Mootichis “Isa natti fidaa jedhe.” Yeroma ergamaan (mootichaa) isatti dhufu, (Yuusuf) ni jedhe: “Gara gooftaa keetii deebi’ii ‘waa’een dubartoota harka isaanii muranii maali’ (jedhii) isa gaafadhuDhugumatti Gooftaan kiyya tooftaa isaanii beekaadha.”
12:51Juz 12 · fu. 241

قَالَ مَا خَطْبُكُنَّ إِذْ رَاوَدْتُنَّ يُوسُفَ عَنْ نَفْسِهِ ۚ قُلْنَ حَاشَ لِلَّهِ مَا عَلِمْنَا عَلَيْهِ مِنْ سُوءٍ ۚ قَالَتِ امْرَأَتُ الْعَزِيزِ الْآنَ حَصْحَصَ الْحَقُّ أَنَا رَاوَدْتُهُ عَنْ نَفْسِهِ وَإِنَّهُ لَمِنَ الصَّادِقِينَ51

(Mootichis) “Yeroo Yuusufiin (qunn-amtii saalaatiif) lubbuu isaa irra isa barbaaddan haalli keessan maal ture” jedheen(Dubartoonnis) ni jedhan: “Rabbiin qulqullaa’ee hamtuu tokkollee isa irratti hin beeknu.” Niitiin mootichaas “Amma dhugaan ifa ta’eeraAnatu (qunnamtii saalaatiif) isa fedheDhugumatti, inni warreen dhugaa dubbatan irraayyi.”
12:52Juz 12 · fu. 241

ذَٰلِكَ لِيَعْلَمَ أَنِّي لَمْ أَخُنْهُ بِالْغَيْبِ وَأَنَّ اللَّهَ لَا يَهْدِي كَيْدَ الْخَائِنِينَ52

(Yuusufis) “kun (gooftaan kiyya) fagootti (bakka inni hin jirretti) akka an isa hin ganiniifi Rabbiin dhugumatti tooftaa gantootaa hin sirreessu jechuu akka beekuufi” (jedhe)
12:53Juz 13 · fu. 242

۞ وَمَا أُبَرِّئُ نَفْسِي ۚ إِنَّ النَّفْسَ لَأَمَّارَةٌ بِالسُّوءِ إِلَّا مَا رَحِمَ رَبِّي ۚ إِنَّ رَبِّي غَفُورٌ رَحِيمٌ53

“Lubbuu kiyyas hin qulqulleessuDhugumatti, nama Gooftaan kiyya rahmata godheef malee lubbuun hamtuutti ajajjuudhaDhugumatti, Gooftaan kiyya araaramaa, rahmata godhaadha.”
12:54Juz 13 · fu. 242

وَقَالَ الْمَلِكُ ائْتُونِي بِهِ أَسْتَخْلِصْهُ لِنَفْسِي ۖ فَلَمَّا كَلَّمَهُ قَالَ إِنَّكَ الْيَوْمَ لَدَيْنَا مَكِينٌ أَمِينٌ54

Mootichis ni jedhe: “lubbuu kootiifan isa qulqulleessaa isaan natti kottaaYeroma isa (Yuusufiin) hasofsiisu, “Dhugumatti, ati har’a nu biratti mijjeeffataa amanamaadha” jedheen.
12:55Juz 13 · fu. 242

قَالَ اجْعَلْنِي عَلَىٰ خَزَائِنِ الْأَرْضِ ۖ إِنِّي حَفِيظٌ عَلِيمٌ55

(Yuusufis) “kuusaa dachii irratti (itti gaafatamaa) na taasisi; ani isa irratti eegaa beekaadha” jedhe.
12:56Juz 13 · fu. 242

وَكَذَٰلِكَ مَكَّنَّا لِيُوسُفَ فِي الْأَرْضِ يَتَبَوَّأُ مِنْهَا حَيْثُ يَشَاءُ ۚ نُصِيبُ بِرَحْمَتِنَا مَنْ نَشَاءُ ۖ وَلَا نُضِيعُ أَجْرَ الْمُحْسِنِينَ56

Akka kanatti ishee irraa bakka fedhe kan qubatu ta’ee Yuusufiif dachii keessatti mijjeessineRahmata keenyaan nama feene tuqnaMindaa warreen toltuu hojjataniis hin balleessinu.
12:57Juz 13 · fu. 242

وَلَأَجْرُ الْآخِرَةِ خَيْرٌ لِلَّذِينَ آمَنُوا وَكَانُوا يَتَّقُونَ57

Dhugumatti, isaannan amananii (Rabbiin) sodaattota ta’aniif mindaa Aakiraatu caala.
12:58Juz 13 · fu. 242

وَجَاءَ إِخْوَةُ يُوسُفَ فَدَخَلُوا عَلَيْهِ فَعَرَفَهُمْ وَهُمْ لَهُ مُنْكِرُونَ58

Obboleeyyan Yuusufis gara isaa dhufanii isa irratti seenanOdoo isaan isa wallaalanii jiranii inni isaan beeke.
12:59Juz 13 · fu. 242

وَلَمَّا جَهَّزَهُمْ بِجَهَازِهِمْ قَالَ ائْتُونِي بِأَخٍ لَكُمْ مِنْ أَبِيكُمْ ۚ أَلَا تَرَوْنَ أَنِّي أُوفِي الْكَيْلَ وَأَنَا خَيْرُ الْمُنْزِلِينَ59

Yeroma waan geggeessaa isaanii isaaniif qopheesse ni jedhe: “Obboleessa keessan kan karaa abbaatiin ta’een natti kottaaSila caalaa keessummmessitootaa ta’ee safara guutuu koo hin argitanuu?
12:60Juz 13 · fu. 242

فَإِنْ لَمْ تَأْتُونِي بِهِ فَلَا كَيْلَ لَكُمْ عِنْدِي وَلَا تَقْرَبُونِ60

Yoo isaan natti dhufuu baattan safarri na bira isiniif hin jiruNattis hin dhiyaatinaa.”
12:61Juz 13 · fu. 242

قَالُوا سَنُرَاوِدُ عَنْهُ أَبَاهُ وَإِنَّا لَفَاعِلُونَ61

[Isaan] “Nuti waa’ee isaa abbaa isaa ni gaafannaDhugumatti, nuti (dhimma kana) raawwatoodha.”
12:62Juz 13 · fu. 242

وَقَالَ لِفِتْيَانِهِ اجْعَلُوا بِضَاعَتَهُمْ فِي رِحَالِهِمْ لَعَلَّهُمْ يَعْرِفُونَهَا إِذَا انْقَلَبُوا إِلَىٰ أَهْلِهِمْ لَعَلَّهُمْ يَرْجِعُونَ62

Gabroota isaatiin “akka yeroo gara maatii isaanii deebi’an ishee beekanii deebi’aniif maallaqa isaanii fe’isa isaanii keessa kaa’aa”jedhe.
12:63Juz 13 · fu. 242

فَلَمَّا رَجَعُوا إِلَىٰ أَبِيهِمْ قَالُوا يَا أَبَانَا مُنِعَ مِنَّا الْكَيْلُ فَأَرْسِلْ مَعَنَا أَخَانَا نَكْتَلْ وَإِنَّا لَهُ لَحَافِظُونَ63

Yeroma gara abbaa isaanii deebi’an ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! safarri (midhaanii) nurraa dhorgameeraObboleessa Kenya nuu wajjiin ergiNi safarannaNuti dhugumatti isaaf tiksoodha.”
12:64Juz 13 · fu. 243

قَالَ هَلْ آمَنُكُمْ عَلَيْهِ إِلَّا كَمَا أَمِنْتُكُمْ عَلَىٰ أَخِيهِ مِنْ قَبْلُ ۖ فَاللَّهُ خَيْرٌ حَافِظًا ۖ وَهُوَ أَرْحَمُ الرَّاحِمِينَ64

(Ya’aquub) ni jedhe: “Sila akkan duraan obboleessa isaa irratti isin amane malee isa irratti isin amanaa? Rabbiin eegaa ta’uutti caalaadhaInni irra rahmata godhaa warreen rahmata godhaniiti.”
12:65Juz 13 · fu. 243

وَلَمَّا فَتَحُوا مَتَاعَهُمْ وَجَدُوا بِضَاعَتَهُمْ رُدَّتْ إِلَيْهِمْ ۖ قَالُوا يَا أَبَانَا مَا نَبْغِي ۖ هَٰذِهِ بِضَاعَتُنَا رُدَّتْ إِلَيْنَا ۖ وَنَمِيرُ أَهْلَنَا وَنَحْفَظُ أَخَانَا وَنَزْدَادُ كَيْلَ بَعِيرٍ ۖ ذَٰلِكَ كَيْلٌ يَسِيرٌ65

Yeroma meeshaa isaanii bananii maallaqa isaanii kan isaaniif deebi’e ta’uu arganis ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! (kana caalaa) maal barbaanna? Isheen kuni maallaqa keenya; gara keenya deebifamteMaatii keenyaafis midhaan ni binnaObboleessa keenyas ni tiksinaFe’iinsa (ba’aa) gaalaa tokkoos ni dabalannaKun (mooticha biratti) safara xiqqoodha.”
12:66Juz 13 · fu. 243

قَالَ لَنْ أُرْسِلَهُ مَعَكُمْ حَتَّىٰ تُؤْتُونِ مَوْثِقًا مِنَ اللَّهِ لَتَأْتُنَّنِي بِهِ إِلَّا أَنْ يُحَاطَ بِكُمْ ۖ فَلَمَّا آتَوْهُ مَوْثِقَهُمْ قَالَ اللَّهُ عَلَىٰ مَا نَقُولُ وَكِيلٌ66

(Ya’aquub) ni jedhe: “Yoo (diinaan) marfamtan malee hanga akka isa deebiftanii naaf fiddanutti kakuu Rabbi irraa ta’e naaf kennitanitti isa isin wajjiin hin ergu.” Yeroma isaan kakuu isaanii isaaf kennan “Rabbiin waan nuti jennu irratti ragaadha” jedhe.
12:67Juz 13 · fu. 243

وَقَالَ يَا بَنِيَّ لَا تَدْخُلُوا مِنْ بَابٍ وَاحِدٍ وَادْخُلُوا مِنْ أَبْوَابٍ مُتَفَرِّقَةٍ ۖ وَمَا أُغْنِي عَنْكُمْ مِنَ اللَّهِ مِنْ شَيْءٍ ۖ إِنِ الْحُكْمُ إِلَّا لِلَّهِ ۖ عَلَيْهِ تَوَكَّلْتُ ۖ وَعَلَيْهِ فَلْيَتَوَكَّلِ الْمُتَوَكِّلُونَ67

Ni jedhe: “Yaa ilmaan kiyya! balbala tokkoon hin seeninaaBalbaloota adda addaatiin seenaaAnis (murtii) Rabbii irraa homaa isin irraa hin duroomsuDhugumatti, murtiin Rabbiif malee hin maluIsa (qofa) irratti hirkadheHirkattoonnis isuma (qofa) irratti haa hirkatan.”
12:68Juz 13 · fu. 243

وَلَمَّا دَخَلُوا مِنْ حَيْثُ أَمَرَهُمْ أَبُوهُمْ مَا كَانَ يُغْنِي عَنْهُمْ مِنَ اللَّهِ مِنْ شَيْءٍ إِلَّا حَاجَةً فِي نَفْسِ يَعْقُوبَ قَضَاهَا ۚ وَإِنَّهُ لَذُو عِلْمٍ لِمَا عَلَّمْنَاهُ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ68

Yeroma isaan akkaataa abbaan isaanii isaan ajajeen seenanis, (murtii) Rabbii irraa homaa kan isaan duroomsu hin taaneGaruu dhimma lubbuu Ya’aquub keessa jiru ishee raawwateeraDhugumatti inni waan isa barsiifne irratti abbaa beekumsaatiGaruu irra hedduun namaa hin beekanu
12:69Juz 13 · fu. 243

وَلَمَّا دَخَلُوا عَلَىٰ يُوسُفَ آوَىٰ إِلَيْهِ أَخَاهُ ۖ قَالَ إِنِّي أَنَا أَخُوكَ فَلَا تَبْتَئِسْ بِمَا كَانُوا يَعْمَلُونَ69

Yeroma isaan Yuusuf irra seenan obboleessa isaa (Ben-yaamiiniin) ofitti dhiheessee “Dhugumatti, ani anatu obboleessa keetii, waan isaan hojjachaa turanittis hin gaddin” jedhe.
12:70Juz 13 · fu. 244

فَلَمَّا جَهَّزَهُمْ بِجَهَازِهِمْ جَعَلَ السِّقَايَةَ فِي رَحْلِ أَخِيهِ ثُمَّ أَذَّنَ مُؤَذِّنٌ أَيَّتُهَا الْعِيرُ إِنَّكُمْ لَسَارِقُونَ70

Yeroma meeshaa isaanii isaaniif qopheessu, safartuttii meeshaa obboleessa isaa keessa kaa’eSana booda “isin yaa daldaaltoota dhugumatti, hattoota” (jechuun) lallabaan lallabe.
12:71Juz 13 · fu. 244

قَالُوا وَأَقْبَلُوا عَلَيْهِمْ مَاذَا تَفْقِدُونَ71

Isaanis, gara isaanii gara galuun, “Maal dhabdan?” jedheniin.
12:72Juz 13 · fu. 244

قَالُوا نَفْقِدُ صُوَاعَ الْمَلِكِ وَلِمَنْ جَاءَ بِهِ حِمْلُ بَعِيرٍ وَأَنَا بِهِ زَعِيمٌ72

Ni jedhan: “Nuti safartuu mootii dhabnee; nama isa fideefis (badhaasa) fe’aa gaalaa tokkotu isaaf jiraAni kana irratti waadaa galaadha.”
12:73Juz 13 · fu. 244

قَالُوا تَاللَّهِ لَقَدْ عَلِمْتُمْ مَا جِئْنَا لِنُفْسِدَ فِي الْأَرْضِ وَمَا كُنَّا سَارِقِينَ73

Isaanis ni jedhan: “Rabbitti kakannee! Akka nuti dachii keessatti badii raawwachuuf hin dhufin isinis beektaniittuNuti hattootas hin taane.”
12:74Juz 13 · fu. 244

قَالُوا فَمَا جَزَاؤُهُ إِنْ كُنْتُمْ كَاذِبِينَ74

“Yoo sobdoota taataniif adabbiin isaa maal ta’a?” jedhaniin.
12:75Juz 13 · fu. 244

قَالُوا جَزَاؤُهُ مَنْ وُجِدَ فِي رَحْلِهِ فَهُوَ جَزَاؤُهُ ۚ كَذَٰلِكَ نَجْزِي الظَّالِمِينَ75

Ni jedhan: “Adabni isaa namni inni meeshaa isaa keessatti argame isumatu (fudhamuutu) adabbii isaatiNuti akka kanatti isaan miidhaa (hanna) raawwatanu adabna.”
12:76Juz 13 · fu. 244

فَبَدَأَ بِأَوْعِيَتِهِمْ قَبْلَ وِعَاءِ أَخِيهِ ثُمَّ اسْتَخْرَجَهَا مِنْ وِعَاءِ أَخِيهِ ۚ كَذَٰلِكَ كِدْنَا لِيُوسُفَ ۖ مَا كَانَ لِيَأْخُذَ أَخَاهُ فِي دِينِ الْمَلِكِ إِلَّا أَنْ يَشَاءَ اللَّهُ ۚ نَرْفَعُ دَرَجَاتٍ مَنْ نَشَاءُ ۗ وَفَوْقَ كُلِّ ذِي عِلْمٍ عَلِيمٌ76

Sakkatta’uus qalqalloo obboleessa isaa dura qalqalloo isaaniitiin jalqabeSana booda meeshaa obboleessa isaa keessaa ishee baaseAkka kanatti Yuusufiif tooftaa baafneOdoo Rabbiin Fedhuu baatee obboleessa isaa seera mootichaa keessatti kan fudhatu hin turreNama feene sadarkaa hedduu ol fuunaAbbootii beekumsaa hundaa olittuu beekaatu jira.
12:77Juz 13 · fu. 244

۞ قَالُوا إِنْ يَسْرِقْ فَقَدْ سَرَقَ أَخٌ لَهُ مِنْ قَبْلُ ۚ فَأَسَرَّهَا يُوسُفُ فِي نَفْسِهِ وَلَمْ يُبْدِهَا لَهُمْ ۚ قَالَ أَنْتُمْ شَرٌّ مَكَانًا ۖ وَاللَّهُ أَعْلَمُ بِمَا تَصِفُونَ77

Isaanis (obboleeyyan Yuusufis) ni jedhan: “Yoo hates, obboleessi isaas (Yuusufis) kana dura hatee ture.” Yuusuf ishee of keessa dhokseIsaaniifis ishee hin ibsine(Of keessattis) ni jedhe: “Isinumatu sadarkaan keessan gadheedhaRabbiinis waan isin jettan irra beekaadha.”
12:78Juz 13 · fu. 244

قَالُوا يَا أَيُّهَا الْعَزِيزُ إِنَّ لَهُ أَبًا شَيْخًا كَبِيرًا فَخُذْ أَحَدَنَا مَكَانَهُ ۖ إِنَّا نَرَاكَ مِنَ الْمُحْسِنِينَ78

Isaanis ni jedhan: “Yaa mootichaa! Dhugumatti, isaaf abbaa jaarsa manguddoo ta’etu jiraKanaaf bakka isaa tokkoon keenya fudhadhuNuti gaggaarii irraa ta’uu kee si argina.”
12:79Juz 13 · fu. 245

قَالَ مَعَاذَ اللَّهِ أَنْ نَأْخُذَ إِلَّا مَنْ وَجَدْنَا مَتَاعَنَا عِنْدَهُ إِنَّا إِذًا لَظَالِمُونَ79

Inni ni jedhe: “Nuti nama qabeenya keenya isa biratti argine malee fudhachuu irraa Rabbitti maganfannaDhugumatti, nuti yeroo san miidhaa hojjattoota.”
12:80Juz 13 · fu. 245

فَلَمَّا اسْتَيْأَسُوا مِنْهُ خَلَصُوا نَجِيًّا ۖ قَالَ كَبِيرُهُمْ أَلَمْ تَعْلَمُوا أَنَّ أَبَاكُمْ قَدْ أَخَذَ عَلَيْكُمْ مَوْثِقًا مِنَ اللَّهِ وَمِنْ قَبْلُ مَا فَرَّطْتُمْ فِي يُوسُفَ ۖ فَلَنْ أَبْرَحَ الْأَرْضَ حَتَّىٰ يَأْذَنَ لِي أَبِي أَوْ يَحْكُمَ اللَّهُ لِي ۖ وَهُوَ خَيْرُ الْحَاكِمِينَ80

Yeroma isa irraa abdii muratan, kan maryatan ta’anii kophaa ba’anGuddaan isaanii ni jedhe: “Sila dhugumatti abbaan keessan kakuu Rabbi irraa ta’e isin irratti qabachuufi kana duras Yuusuf irratti waan daangaa dabartan hin beektanuu? Kanaaf ani hanga abbaan kiyya naaf hayyamutti yookiin (hanga) Rabbiin dhimma kana naaf murteessutti dachii kana gadi hin dhiisuInnis irra caalaa warreen murtii kennaniiti.
12:81Juz 13 · fu. 245

ارْجِعُوا إِلَىٰ أَبِيكُمْ فَقُولُوا يَا أَبَانَا إِنَّ ابْنَكَ سَرَقَ وَمَا شَهِدْنَا إِلَّا بِمَا عَلِمْنَا وَمَا كُنَّا لِلْغَيْبِ حَافِظِينَ81

Gara abbaa keessanii deebi’aatii jedhaanii: “Yaa abbaa keenya! dhugumatti, ilmi kee ni hateNutis waan beekneen malee ragaa hin baaneNuti waan fagoo tiksaa hin taane
12:82Juz 13 · fu. 245

وَاسْأَلِ الْقَرْيَةَ الَّتِي كُنَّا فِيهَا وَالْعِيرَ الَّتِي أَقْبَلْنَا فِيهَا ۖ وَإِنَّا لَصَادِقُونَ82

(Namoota) magaalaa nuti ishee keessa turreefi daldaaltota nuti isaan wajjin dhufnes gaafadhuNuti dhugaa dubbatoodha.”
12:83Juz 13 · fu. 245

قَالَ بَلْ سَوَّلَتْ لَكُمْ أَنْفُسُكُمْ أَمْرًا ۖ فَصَبْرٌ جَمِيلٌ ۖ عَسَى اللَّهُ أَنْ يَأْتِيَنِي بِهِمْ جَمِيعًا ۚ إِنَّهُ هُوَ الْعَلِيمُ الْحَكِيمُ83

(Ya’aquub) ni jedhe: “Lakkisaa; lubbuu keessantu waan tokko isiniif midhaagsite; (Obsi koo) obsa bareedaadhaRabbiin hunda isaanii naaf deebisuun ni kajeelamaDhugumatti, Inni Isumatu beekaa, ogeessa.”
12:84Juz 13 · fu. 245

وَتَوَلَّىٰ عَنْهُمْ وَقَالَ يَا أَسَفَىٰ عَلَىٰ يُوسُفَ وَابْيَضَّتْ عَيْنَاهُ مِنَ الْحُزْنِ فَهُوَ كَظِيمٌ84

Isaan irraas gargalee “Yaa gadda kiyya! Yuusuf irratti” jedheYaaddoo irraa ijji isaa lamaanis addaatte; inni yaadaan guutamaadha.
12:85Juz 13 · fu. 245

قَالُوا تَاللَّهِ تَفْتَأُ تَذْكُرُ يُوسُفَ حَتَّىٰ تَكُونَ حَرَضًا أَوْ تَكُونَ مِنَ الْهَالِكِينَ85

“Rabbitti kakannee! ati hanga manguddoo dadhabaa taatutti yookiin warra du’an irraa taatutti Yuusufiin dubbachuu irraa hin deemtu!” jedhan.
12:86Juz 13 · fu. 245

قَالَ إِنَّمَا أَشْكُو بَثِّي وَحُزْنِي إِلَى اللَّهِ وَأَعْلَمُ مِنَ اللَّهِ مَا لَا تَعْلَمُونَ86

(Ya’aquub) ni jedhe: “Ani yaaddoofi gadda kiyyas Rabbuma qofattin himadhaRabbi irraa waan isin hin beeknen beeka.
12:87Juz 13 · fu. 246

يَا بَنِيَّ اذْهَبُوا فَتَحَسَّسُوا مِنْ يُوسُفَ وَأَخِيهِ وَلَا تَيْأَسُوا مِنْ رَوْحِ اللَّهِ ۖ إِنَّهُ لَا يَيْأَسُ مِنْ رَوْحِ اللَّهِ إِلَّا الْقَوْمُ الْكَافِرُونَ87

Yaa ilmaan kiyya! deemaa Yuusufiifi obboleessa isaa irraa odeeffadhaaRahmata Rabbii irraas abdii hin muratinaaDhugumatti, ummata kaafiroota malee rahmata Rabbii irraa eenyullee abdii hin kutu.”
12:88Juz 13 · fu. 246

فَلَمَّا دَخَلُوا عَلَيْهِ قَالُوا يَا أَيُّهَا الْعَزِيزُ مَسَّنَا وَأَهْلَنَا الضُّرُّ وَجِئْنَا بِبِضَاعَةٍ مُزْجَاةٍ فَأَوْفِ لَنَا الْكَيْلَ وَتَصَدَّقْ عَلَيْنَا ۖ إِنَّ اللَّهَ يَجْزِي الْمُتَصَدِّقِينَ88

Yeroma isa (Yuusuf) irra seenan “Yaa mootichaa! nuufi maatii keenyas rakkoon mudateeraMallaqa tuffatamtuun dhufnee safara nuuf guutii nurrattiis sadaqadhu” isaan jedhanDhugumatti, Rabbiin warreen sadaqatan ni mindeessa.
12:89Juz 13 · fu. 246

قَالَ هَلْ عَلِمْتُمْ مَا فَعَلْتُمْ بِيُوسُفَ وَأَخِيهِ إِذْ أَنْتُمْ جَاهِلُونَ89

(Yuusufis) “Sila waan Yuusufiifi obboleessa isaa irratti yeroo wallaaloo turtan hojjattan beektuu?” jedheen.
12:90Juz 13 · fu. 246

قَالُوا أَإِنَّكَ لَأَنْتَ يُوسُفُ ۖ قَالَ أَنَا يُوسُفُ وَهَٰذَا أَخِي ۖ قَدْ مَنَّ اللَّهُ عَلَيْنَا ۖ إِنَّهُ مَنْ يَتَّقِ وَيَصْبِرْ فَإِنَّ اللَّهَ لَا يُضِيعُ أَجْرَ الْمُحْسِنِينَ90

[Isaan] “Sila dhugamatti ati Yuusufii?” jedhan[Inni] “Ani Yuusufi; inni kunis obboleessa kiyyaDhugumatti Rabbiin tola nutti ooleeraDhugumatti, namni (Rabbiin) sodaateefi obse, Rabbiin mindaa toltuu hojjattootaa hin balleessu” jedhe.
12:91Juz 13 · fu. 246

قَالُوا تَاللَّهِ لَقَدْ آثَرَكَ اللَّهُ عَلَيْنَا وَإِنْ كُنَّا لَخَاطِئِينَ91

[Isaan]: “Rabbitti kakannee! Dhugumatti, Rabbiin nurra si filatee jiraDhugumatti nuti dogoggortoota turre” jedhan.
12:92Juz 13 · fu. 246

قَالَ لَا تَثْرِيبَ عَلَيْكُمُ الْيَوْمَ ۖ يَغْفِرُ اللَّهُ لَكُمْ ۖ وَهُوَ أَرْحَمُ الرَّاحِمِينَ92

(Yuusufis) ni jedhe: “Har’a komiin isin irra hin jiru; Rabbiin isiniif araaramaInni irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti
12:93Juz 13 · fu. 246

اذْهَبُوا بِقَمِيصِي هَٰذَا فَأَلْقُوهُ عَلَىٰ وَجْهِ أَبِي يَأْتِ بَصِيرًا وَأْتُونِي بِأَهْلِكُمْ أَجْمَعِينَ93

Qamisii kiyya kanaan deemaatii fuula abbaa kiyyaa irratti darbaa[Inni] argaa ta’ee dhufaMaatii keessan hundaanis natti kottaa.”
12:94Juz 13 · fu. 246

وَلَمَّا فَصَلَتِ الْعِيرُ قَالَ أَبُوهُمْ إِنِّي لَأَجِدُ رِيحَ يُوسُفَ ۖ لَوْلَا أَنْ تُفَنِّدُونِ94

Yeroma daldaltoonni (Misraan) gadi dhiiftu, abbaan isaanii “Odoo isin otontoraatti (totorra’aatti) na yaaduu dhabdanii ani foolii yuusufin argaa jira” jedhe
12:95Juz 13 · fu. 246

قَالُوا تَاللَّهِ إِنَّكَ لَفِي ضَلَالِكَ الْقَدِيمِ95

[Isaan] “Rabbitti kakannee! Dhugumatti, ati jallinuma kee kan durii keessa jirta” jedhan.
12:96Juz 13 · fu. 247

فَلَمَّا أَنْ جَاءَ الْبَشِيرُ أَلْقَاهُ عَلَىٰ وَجْهِهِ فَارْتَدَّ بَصِيرًا ۖ قَالَ أَلَمْ أَقُلْ لَكُمْ إِنِّي أَعْلَمُ مِنَ اللَّهِ مَا لَا تَعْلَمُونَ96

Gammachiisaan Yeroma dhufu fuula isaa (Ya’aquub) irratti isa darbeInnis kan argu ta’e“Ani Rabbi irraa waan isin hin beeknen beeka isiniin hin jennee?” jedhe
12:97Juz 13 · fu. 247

قَالُوا يَا أَبَانَا اسْتَغْفِرْ لَنَا ذُنُوبَنَا إِنَّا كُنَّا خَاطِئِينَ97

[Isaan] “Yaa abbaa keenya! Dhugumatti, nuti dogoggortoota taanee jirraa badii keenyaaf (Rabbiin) araarama nuuf kadhu” jedhan
12:98Juz 13 · fu. 247

قَالَ سَوْفَ أَسْتَغْفِرُ لَكُمْ رَبِّي ۖ إِنَّهُ هُوَ الْغَفُورُ الرَّحِيمُ98

(Ya’aquubis) “Ani fuul-duratti Gooftaa kiyya araarama isiniifin kadhaDhugumatti, Inni Isatu araaramaa, rahmata godhaadha” jedhe.
12:99Juz 13 · fu. 247

فَلَمَّا دَخَلُوا عَلَىٰ يُوسُفَ آوَىٰ إِلَيْهِ أَبَوَيْهِ وَقَالَ ادْخُلُوا مِصْرَ إِنْ شَاءَ اللَّهُ آمِنِينَ99

Ergasii yeroo Yuusufiin bira seenan, haadhaafi abbaa isaa gara ofiitti qubsiise“Yoo Rabbiin fedhe nagayaan Misraan seenaa” jedhe
12:100Juz 13 · fu. 247

وَرَفَعَ أَبَوَيْهِ عَلَى الْعَرْشِ وَخَرُّوا لَهُ سُجَّدًا ۖ وَقَالَ يَا أَبَتِ هَٰذَا تَأْوِيلُ رُؤْيَايَ مِنْ قَبْلُ قَدْ جَعَلَهَا رَبِّي حَقًّا ۖ وَقَدْ أَحْسَنَ بِي إِذْ أَخْرَجَنِي مِنَ السِّجْنِ وَجَاءَ بِكُمْ مِنَ الْبَدْوِ مِنْ بَعْدِ أَنْ نَزَغَ الشَّيْطَانُ بَيْنِي وَبَيْنَ إِخْوَتِي ۚ إِنَّ رَبِّي لَطِيفٌ لِمَا يَشَاءُ ۚ إِنَّهُ هُوَ الْعَلِيمُ الْحَكِيمُ100

Abbaafi haadha isaas siree irratti ol fuudheIsaanis sujuuda isaaf bu’an[Inni] ni jedhe: “Yaa abbaa kiyya! kun hiika manaama kiyyaa kan duraaniitiGooftaan kiyya dhugaa ishee taasiseeraErga shayxaanni anaafi obboleeyyan kiyya gidduutti diinummaa uumee booda yeroo ana mana hidhaa irraa baasee isinis baadiyaa irraa fidu dhugumatti, Gooftaan kiyya tola natti oolee jiraDhugumatti, Gooftaan kiyya nama fedheef mararfataadhaDhugumatti, Inni Isa qofatu beekaa, ogeessa.
12:101Juz 13 · fu. 247

۞ رَبِّ قَدْ آتَيْتَنِي مِنَ الْمُلْكِ وَعَلَّمْتَنِي مِنْ تَأْوِيلِ الْأَحَادِيثِ ۚ فَاطِرَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ أَنْتَ وَلِيِّي فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ ۖ تَوَفَّنِي مُسْلِمًا وَأَلْحِقْنِي بِالصَّالِحِينَ101

Gooftaa kiyya! dhugumatti mootummaa irraa naaf kennitee jirtaHiika manaamotaa irraas na barsiiftee jirta(Yaa) Uumaa samiifi dachii! Ati Duuniyaafi Aakhiraattis gargaaraa kiyyaMuslima taasisii na ajjeesii Warra gaggaarittis na dhaqqabsiisi.”
12:102Juz 13 · fu. 247

ذَٰلِكَ مِنْ أَنْبَاءِ الْغَيْبِ نُوحِيهِ إِلَيْكَ ۖ وَمَا كُنْتَ لَدَيْهِمْ إِذْ أَجْمَعُوا أَمْرَهُمْ وَهُمْ يَمْكُرُونَ102

Kun oduu fagoo irraayyiGara keetti isa beeksifnaYeroo isaan kan (Yuusufitti) tooftaa baasan ta’anii dhimma isaanii waliin qindeessan ati isaan bira hin turre.
12:103Juz 13 · fu. 247

وَمَا أَكْثَرُ النَّاسِ وَلَوْ حَرَصْتَ بِمُؤْمِنِينَ103

Irra hedduun namootaas (amanuu isaaniitiif) odoo bololtees kan amananii miti.
12:104Juz 13 · fu. 248

وَمَا تَسْأَلُهُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۚ إِنْ هُوَ إِلَّا ذِكْرٌ لِلْعَالَمِينَ104

Ati isa irratti mindaa wahii isaan hin gaafattuInni (Qur’aanni) aalamaaf gorsa malee homaa hin taane.
12:105Juz 13 · fu. 248

وَكَأَيِّنْ مِنْ آيَةٍ فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ يَمُرُّونَ عَلَيْهَا وَهُمْ عَنْهَا مُعْرِضُونَ105

Samiifi dachii keessa mallattoo kan isaan ishee irraa gara galan ta’anii ishee irra taran heddutu jira.
12:106Juz 13 · fu. 248

وَمَا يُؤْمِنُ أَكْثَرُهُمْ بِاللَّهِ إِلَّا وَهُمْ مُشْرِكُونَ106

Irra hedduun isaaniis qindeessitoota ta’anii malee Rabbitti hin amananu.
12:107Juz 13 · fu. 248

أَفَأَمِنُوا أَنْ تَأْتِيَهُمْ غَاشِيَةٌ مِنْ عَذَابِ اللَّهِ أَوْ تَأْتِيَهُمُ السَّاعَةُ بَغْتَةً وَهُمْ لَا يَشْعُرُونَ107

Sila tasa haala isaan hin beekneen Rabbi irraa haguugduun adabbii Rabbii irraa taate isaanitti dhufuu yookiin Qiyaamaan isaanitti dhufuu of amanuu?
12:108Juz 13 · fu. 248

قُلْ هَٰذِهِ سَبِيلِي أَدْعُو إِلَى اللَّهِ ۚ عَلَىٰ بَصِيرَةٍ أَنَا وَمَنِ اتَّبَعَنِي ۖ وَسُبْحَانَ اللَّهِ وَمَا أَنَا مِنَ الْمُشْرِكِينَ108

“Kun karaa kiyyaAniifi namni na hordofes beekumsa irratti haala ta’een gara Rabbiitti waamaRabbiinis qulqullaa’eAnis Mushrikoota irraayyii miti” jedhi.
12:109Juz 13 · fu. 248

وَمَا أَرْسَلْنَا مِنْ قَبْلِكَ إِلَّا رِجَالًا نُوحِي إِلَيْهِمْ مِنْ أَهْلِ الْقُرَىٰ ۗ أَفَلَمْ يَسِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَيَنْظُرُوا كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ ۗ وَلَدَارُ الْآخِرَةِ خَيْرٌ لِلَّذِينَ اتَّقَوْا ۗ أَفَلَا تَعْقِلُونَ109

Si duras dhiirota warra gandaa irraa wahyii gara isaaniitti buufne malee hin ergineSila dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin dura turanii akkam akka ta’e hin ilaalanuu? Dhugumatti, isaan (Rabbiin) sodaataniif mana Aakhiraatu caalaSila hin xiinxaltanuu?
12:110Juz 13 · fu. 248

حَتَّىٰ إِذَا اسْتَيْأَسَ الرُّسُلُ وَظَنُّوا أَنَّهُمْ قَدْ كُذِبُوا جَاءَهُمْ نَصْرُنَا فَنُجِّيَ مَنْ نَشَاءُ ۖ وَلَا يُرَدُّ بَأْسُنَا عَنِ الْقَوْمِ الْمُجْرِمِينَ110

Yeroma Ergamoonni abdii murataniifi dhugumatti kijibsiifamuu beekanitti tumsi keenya isaaniif dhufee namni Nuti feenes baraarameadabbiin keenyas yakkamtoota irraa hin deebifamu.
12:111Juz 13 · fu. 248

لَقَدْ كَانَ فِي قَصَصِهِمْ عِبْرَةٌ لِأُولِي الْأَلْبَابِ ۗ مَا كَانَ حَدِيثًا يُفْتَرَىٰ وَلَٰكِنْ تَصْدِيقَ الَّذِي بَيْنَ يَدَيْهِ وَتَفْصِيلَ كُلِّ شَيْءٍ وَهُدًى وَرَحْمَةً لِقَوْمٍ يُؤْمِنُونَ111

Dhugumatti, seenaalee isaanii keessa warra sammuu qabaniif gorsatu jiraInni (Qur’aanni) oduu lafaa kaafamee odeeffame hin taaneGaruu dhugoomsaa (kitaabban) isa duraatiAddeessaa wantoota hundaati; ummata amananiifiis qajeelfamaafi rahmata

Jalqaba suuraa irraa taphachiisi