Al-'Ankabut

سورة العنكبوت

Suuraa 29 · Makkiyyaa · 69 aayota

29:1Juz 20 · fu. 396

الم1

Alif Laam Miim
29:2Juz 20 · fu. 396

أَحَسِبَ النَّاسُ أَنْ يُتْرَكُوا أَنْ يَقُولُوا آمَنَّا وَهُمْ لَا يُفْتَنُونَ2

Sila namoonni “amanne” jechuudhaan odoo hin mokkoramin dhiifamuu yaaduu?
29:3Juz 20 · fu. 396

وَلَقَدْ فَتَنَّا الَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ ۖ فَلَيَعْلَمَنَّ اللَّهُ الَّذِينَ صَدَقُوا وَلَيَعْلَمَنَّ الْكَاذِبِينَ3

Dhugumatti, Nuti warra isaaniin duraas mokkorree jirraDhugumatti, Rabbiin isaan dhugaan [amanne] jedhan beekuuf jira, sobdootas beekuuf jira.
29:4Juz 20 · fu. 396

أَمْ حَسِبَ الَّذِينَ يَعْمَلُونَ السَّيِّئَاتِ أَنْ يَسْبِقُونَا ۚ سَاءَ مَا يَحْكُمُونَ4

Sila isaan hojii gadhee dalagan Nu jalaa bahuu yaaduu? Wanti isaan murteessan waa fokkate!
29:5Juz 20 · fu. 396

مَنْ كَانَ يَرْجُو لِقَاءَ اللَّهِ فَإِنَّ أَجَلَ اللَّهِ لَآتٍ ۚ وَهُوَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ5

Namni qunnamtii Allaah sodaate, dhugumatti beellamni Rabbii dhufaadhaInni dhagayaa, beekaadhas.
29:6Juz 20 · fu. 396

وَمَنْ جَاهَدَ فَإِنَّمَا يُجَاهِدُ لِنَفْسِهِ ۚ إِنَّ اللَّهَ لَغَنِيٌّ عَنِ الْعَالَمِينَ6

Namni qabsaa’e kan inni qabsaa’u lubbuma isaatiifiRabbiin Dhugumatti, aalama hunda irraa dureessa.
29:7Juz 20 · fu. 397

وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَنُكَفِّرَنَّ عَنْهُمْ سَيِّئَاتِهِمْ وَلَنَجْزِيَنَّهُمْ أَحْسَنَ الَّذِي كَانُوا يَعْمَلُونَ7

Isaan amananii gaggaarii hojjatan badii isaanii isaan irraa haqnaDhugumatti, gaarii waan isaan dalagaa turanii isaan mindeessina
29:8Juz 20 · fu. 397

وَوَصَّيْنَا الْإِنْسَانَ بِوَالِدَيْهِ حُسْنًا ۖ وَإِنْ جَاهَدَاكَ لِتُشْرِكَ بِي مَا لَيْسَ لَكَ بِهِ عِلْمٌ فَلَا تُطِعْهُمَا ۚ إِلَيَّ مَرْجِعُكُمْ فَأُنَبِّئُكُمْ بِمَا كُنْتُمْ تَعْمَلُونَ8

Namaaf haadhaafi abbaa isaatti tola ooluu dhaamneYoo waan ati beekumsa isaa hin qabne akka Natti qindeessituuf sirratti qabsaayan, isaan lamaaniin hin bulinDeebiin keessanis garuma kiyyaWaan hojjachaa turtanis isinittin odeessa.
29:9Juz 20 · fu. 397

وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَنُدْخِلَنَّهُمْ فِي الصَّالِحِينَ9

Isaan amananii gaggaarii hojjatan, namoota gaggaarii keessa isaan galchina.
29:10Juz 20 · fu. 397

وَمِنَ النَّاسِ مَنْ يَقُولُ آمَنَّا بِاللَّهِ فَإِذَا أُوذِيَ فِي اللَّهِ جَعَلَ فِتْنَةَ النَّاسِ كَعَذَابِ اللَّهِ وَلَئِنْ جَاءَ نَصْرٌ مِنْ رَبِّكَ لَيَقُولُنَّ إِنَّا كُنَّا مَعَكُمْ ۚ أَوَلَيْسَ اللَّهُ بِأَعْلَمَ بِمَا فِي صُدُورِ الْعَالَمِينَ10

Namoota irraa nama “Rabbitti amanneerra” jedhaa yeroo karaa Rabbii keessatti rakkifame, rakkina namni isa irratti raawwatu akka adabbii Rabbii taasisutu jiraYoo injifannoon Rabbii kee irraa dhufes dhugumatti “nuti isinii wajjin turre” jedhuSila Allaahn waan qoma aalamaa keessa jiru akkaan beekaa hin taanee?
29:11Juz 20 · fu. 397

وَلَيَعْلَمَنَّ اللَّهُ الَّذِينَ آمَنُوا وَلَيَعْلَمَنَّ الْمُنَافِقِينَ11

Dugumatti Allaahn warra amanan ni beekaMunaafiqootas ni beeka.
29:12Juz 20 · fu. 397

وَقَالَ الَّذِينَ كَفَرُوا لِلَّذِينَ آمَنُوا اتَّبِعُوا سَبِيلَنَا وَلْنَحْمِلْ خَطَايَاكُمْ وَمَا هُمْ بِحَامِلِينَ مِنْ خَطَايَاهُمْ مِنْ شَيْءٍ ۖ إِنَّهُمْ لَكَاذِبُونَ12

Isaan kafaran warra amananiin “karaa keenya hordofaa; nuti cubbuu keessan isin irraa baadhannaa” jedhanIsaan badii isaanii irraa homaa hin baadhatanuDhugumatti, isaan sobdoota.
29:13Juz 20 · fu. 397

وَلَيَحْمِلُنَّ أَثْقَالَهُمْ وَأَثْقَالًا مَعَ أَثْقَالِهِمْ ۖ وَلَيُسْأَلُنَّ يَوْمَ الْقِيَامَةِ عَمَّا كَانُوا يَفْتَرُونَ13

Dhugumatti, isaan ba’aa isaaniitiifi ba’aa biraas kan isaanii wajjin ni baadhatuDhugumatti, isaan waan soba uuman irraa Guyyaa Qiyaamaa ni gaafatamu
29:14Juz 20 · fu. 397

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوْمِهِ فَلَبِثَ فِيهِمْ أَلْفَ سَنَةٍ إِلَّا خَمْسِينَ عَامًا فَأَخَذَهُمُ الطُّوفَانُ وَهُمْ ظَالِمُونَ14

Dhugumatti, nabi Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra[Inni] waggaa kuma tokkoof, waggaan shantamni odoo hafuu isaan keessa tureOdoo isaan miidhaa hojjattoota ta’anii jiranii bishaaniin dhidhimfamuun isaan qabe.
29:15Juz 20 · fu. 398

فَأَنْجَيْنَاهُ وَأَصْحَابَ السَّفِينَةِ وَجَعَلْنَاهَا آيَةً لِلْعَالَمِينَ15

Isaafi warra doonii (keessa turan) ni baraarsine; aalama hundaaf mallattoo ishee goone.
29:16Juz 20 · fu. 398

وَإِبْرَاهِيمَ إِذْ قَالَ لِقَوْمِهِ اعْبُدُوا اللَّهَ وَاتَّقُوهُ ۖ ذَٰلِكُمْ خَيْرٌ لَكُمْ إِنْ كُنْتُمْ تَعْلَمُونَ16

Ibraahiimiinis yeroo inni ummata isaatiin “Allaah gabbaraaIsa sodaadhaaYoo kan beektan taataniif santu irra isiniif caala” jedhe [yaadadhu].
29:17Juz 20 · fu. 398

إِنَّمَا تَعْبُدُونَ مِنْ دُونِ اللَّهِ أَوْثَانًا وَتَخْلُقُونَ إِفْكًا ۚ إِنَّ الَّذِينَ تَعْبُدُونَ مِنْ دُونِ اللَّهِ لَا يَمْلِكُونَ لَكُمْ رِزْقًا فَابْتَغُوا عِنْدَ اللَّهِ الرِّزْقَ وَاعْبُدُوهُ وَاشْكُرُوا لَهُ ۖ إِلَيْهِ تُرْجَعُونَ17

“Wanti isin Rabbii gaditti gabbartan taabotuma qofa; cubbuus ni uumtuDhugumatti, isaan isin Rabbiin alatti gabbartan soorata isiniif kennuutti dandeettii hin qabanuSoorata Rabbuma biraa barbaadaaIsa gabbaraasGalatas Isaaf galchaaGaruma Isaa deebifamtu.
29:18Juz 20 · fu. 398

وَإِنْ تُكَذِّبُوا فَقَدْ كَذَّبَ أُمَمٌ مِنْ قَبْلِكُمْ ۖ وَمَا عَلَى الرَّسُولِ إِلَّا الْبَلَاغُ الْمُبِينُ18

Yoo sobsiiftanis, dhugumatti ummanni isin duraas sobsiisanii jiruErgamaa irras geessuu ifa ta’e malee homaa hin jiru
29:19Juz 20 · fu. 398

أَوَلَمْ يَرَوْا كَيْفَ يُبْدِئُ اللَّهُ الْخَلْقَ ثُمَّ يُعِيدُهُ ۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ يَسِيرٌ19

Sila isaan akka Rabbiin uumuu eegalee ergasii isa deebisu hin ilaalanuu? Sun Allaah irratti laafaadha.
29:20Juz 20 · fu. 398

قُلْ سِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَانْظُرُوا كَيْفَ بَدَأَ الْخَلْقَ ۚ ثُمَّ اللَّهُ يُنْشِئُ النَّشْأَةَ الْآخِرَةَ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ20

[Yaa Muhammad!] “dachii keessa deemaatii akka Rabbiin uumuu itti jalqabe ilaalaa! Sana booda Allaahn kaasiinsa dhumaa ni kaasaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha” jedhiin.
29:21Juz 20 · fu. 398

يُعَذِّبُ مَنْ يَشَاءُ وَيَرْحَمُ مَنْ يَشَاءُ ۖ وَإِلَيْهِ تُقْلَبُونَ21

Nama fedhe ni adaba; nama fedhes rahmata isaaf godhaGara Isaa qofatti deebifamtu.
29:22Juz 20 · fu. 398

وَمَا أَنْتُمْ بِمُعْجِزِينَ فِي الْأَرْضِ وَلَا فِي السَّمَاءِ ۖ وَمَا لَكُمْ مِنْ دُونِ اللَّهِ مِنْ وَلِيٍّ وَلَا نَصِيرٍ22

Isin dachiifi samii keessatti kan dadhabsiiftan hin taaneRabbiin ala jaalalleefi tumsaan isiniif hin jiru
29:23Juz 20 · fu. 398

وَالَّذِينَ كَفَرُوا بِآيَاتِ اللَّهِ وَلِقَائِهِ أُولَٰئِكَ يَئِسُوا مِنْ رَحْمَتِي وَأُولَٰئِكَ لَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ23

Isaan keeyyattoota Rabbiitiifi qunnamtii Isaatti kafaran, isaan sun rahmata kiyya irraa abdii kutatanii jiruIsaan sun adabbii laaleessaa ta’etu isaaniif jira.
29:24Juz 20 · fu. 399

فَمَا كَانَ جَوَابَ قَوْمِهِ إِلَّا أَنْ قَالُوا اقْتُلُوهُ أَوْ حَرِّقُوهُ فَأَنْجَاهُ اللَّهُ مِنَ النَّارِ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَاتٍ لِقَوْمٍ يُؤْمِنُونَ24

Deebiin ummata isaas “Isa ajjeesaa yookiin isa gubaa” jechuu malee waan biraa hin taaneAllaahnis Ibidda irraa isa baraarsee jiraDhugumatti, kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira.
29:25Juz 20 · fu. 399

وَقَالَ إِنَّمَا اتَّخَذْتُمْ مِنْ دُونِ اللَّهِ أَوْثَانًا مَوَدَّةَ بَيْنِكُمْ فِي الْحَيَاةِ الدُّنْيَا ۖ ثُمَّ يَوْمَ الْقِيَامَةِ يَكْفُرُ بَعْضُكُمْ بِبَعْضٍ وَيَلْعَنُ بَعْضُكُمْ بَعْضًا وَمَأْوَاكُمُ النَّارُ وَمَا لَكُمْ مِنْ نَاصِرِينَ25

[Ibraahiimis] “Isin Rabbii gaditti jiruu addunyaa keessatti sanama wanti tolfattaniif jaalala jidduu keessaniitiif qofaSana booda Guyyaa Qiyaamaa gariin keessan garitti kafaraGariin keessan garii abaarasManni jireenya keessaniis ibidda ta’a; tumsitoonni homaatuu isiniif hin jiru” jedhe.
29:26Juz 20 · fu. 399

۞ فَآمَنَ لَهُ لُوطٌ ۘ وَقَالَ إِنِّي مُهَاجِرٌ إِلَىٰ رَبِّي ۖ إِنَّهُ هُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ26

Luuxis isaaf (Ibraahiimiif) ni amane(Ibraahiimis) “ani gara Rabbii kiyyaa godaanaadhaDhugumatti, Inni injifataa, ogeessa” jedhe.
29:27Juz 20 · fu. 399

وَوَهَبْنَا لَهُ إِسْحَاقَ وَيَعْقُوبَ وَجَعَلْنَا فِي ذُرِّيَّتِهِ النُّبُوَّةَ وَالْكِتَابَ وَآتَيْنَاهُ أَجْرَهُ فِي الدُّنْيَا ۖ وَإِنَّهُ فِي الْآخِرَةِ لَمِنَ الصَّالِحِينَ27

Is-haaqiifi Ya’iquubiinis isaaf kennineSanyii isaa keessa nabiyyummaafi Kitaaba ni taasifneMindaa isaa addunyaa keessattis isaaf kennineDhugumatti, inni Aakhiratti namoota gaggaarii irraayi.
29:28Juz 20 · fu. 399

وَلُوطًا إِذْ قَالَ لِقَوْمِهِ إِنَّكُمْ لَتَأْتُونَ الْفَاحِشَةَ مَا سَبَقَكُمْ بِهَا مِنْ أَحَدٍ مِنَ الْعَالَمِينَ28

Luuxiinis yeroo inni ummata isaatiin “dhugumatti, isin gocha fokkataa kan aalama hunda irraa ummanni tokkollee isin dura hin hojjatin raawwattu” jedheen (erginee jirra).
29:29Juz 20 · fu. 399

أَئِنَّكُمْ لَتَأْتُونَ الرِّجَالَ وَتَقْطَعُونَ السَّبِيلَ وَتَأْتُونَ فِي نَادِيكُمُ الْمُنْكَرَ ۖ فَمَا كَانَ جَوَابَ قَوْمِهِ إِلَّا أَنْ قَالُوا ائْتِنَا بِعَذَابِ اللَّهِ إِنْ كُنْتَ مِنَ الصَّادِقِينَ29

“Sila isin (qunnamtii saalatiif) dhiiratti dhuftuu?! (Saamichaanis) karaa kuttuu? Iddoo Yaa’ii keessanii keessattis gochoota jibbamoo ta’an raawwattuu? Deebiin ummata isaa “yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef, adabbii Rabbiitiin nutti kottu” jechuu malee homaa hin taane.
29:30Juz 20 · fu. 399

قَالَ رَبِّ انْصُرْنِي عَلَى الْقَوْمِ الْمُفْسِدِينَ30

(Luuxis) “Gooftaa kiyya! Ummata balleessitoota kanneen irratti na tumsi” jedhe.
29:31Juz 20 · fu. 400

وَلَمَّا جَاءَتْ رُسُلُنَا إِبْرَاهِيمَ بِالْبُشْرَىٰ قَالُوا إِنَّا مُهْلِكُو أَهْلِ هَٰذِهِ الْقَرْيَةِ ۖ إِنَّ أَهْلَهَا كَانُوا ظَالِمِينَ31

Yeroma ergamtoonni keenya oduu gammachiisaan Ibraahiimitti dhufan “nuti dhugumatti, jiraattota magaalaa kanaa waan warri ishee miidhaa hojjattoota ta’aniif isaan balleessoodha” jedhan.
29:32Juz 20 · fu. 400

قَالَ إِنَّ فِيهَا لُوطًا ۚ قَالُوا نَحْنُ أَعْلَمُ بِمَنْ فِيهَا ۖ لَنُنَجِّيَنَّهُ وَأَهْلَهُ إِلَّا امْرَأَتَهُ كَانَتْ مِنَ الْغَابِرِينَ32

(Ibraahiimis) “Dhugumatti Luux ishee keessa jira” jedhe(Maleykonnis) “nuti nama ishee keessa jiru akkaan beekna; dhugumatti, haadha manaa isaa kan warra hafan keessatti taatu malee isaafi maatii isaa ni baraarsina” jedhan.
29:33Juz 20 · fu. 400

وَلَمَّا أَنْ جَاءَتْ رُسُلُنَا لُوطًا سِيءَ بِهِمْ وَضَاقَ بِهِمْ ذَرْعًا وَقَالُوا لَا تَخَفْ وَلَا تَحْزَنْ ۖ إِنَّا مُنَجُّوكَ وَأَهْلَكَ إِلَّا امْرَأَتَكَ كَانَتْ مِنَ الْغَابِرِينَ33

Yeroma ergamtoonni keenya Luuxitti dhufan isaaniif yaadda’ee qomti isaas isaaniif dhiphatteIsaanis “hin sodaatin; hin yaadda’inisDhugumatti, nuti siifi maatii kee nagaa baafnaGaruu niitiin kee warra (adaba keessatti) hafan irraa taati” jedhan.
29:34Juz 20 · fu. 400

إِنَّا مُنْزِلُونَ عَلَىٰ أَهْلِ هَٰذِهِ الْقَرْيَةِ رِجْزًا مِنَ السَّمَاءِ بِمَا كَانُوا يَفْسُقُونَ34

“Nuti jiraattota magaalaa kanaa irratti waan isaan finciltoota ta’aniif samii irraa adabbii cimaa buusoodha” jedhan
29:35Juz 20 · fu. 400

وَلَقَدْ تَرَكْنَا مِنْهَا آيَةً بَيِّنَةً لِقَوْمٍ يَعْقِلُونَ35

Dhugumatti, Nuti ishee irraa namoota sammuu qabaniif mallattoo ifa taate hanbifnee jirra
29:36Juz 20 · fu. 400

وَإِلَىٰ مَدْيَنَ أَخَاهُمْ شُعَيْبًا فَقَالَ يَا قَوْمِ اعْبُدُوا اللَّهَ وَارْجُوا الْيَوْمَ الْآخِرَ وَلَا تَعْثَوْا فِي الْأَرْضِ مُفْسِدِينَ36

Gara (ummata) Madyanis obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee jirra)Innis “Yaa ummata kiyya! Allaah qofa gabbaraaGuyyaa Aakhiraas sodaadhaaBalleessitoota taataniis badii dachii keessa hin tamsaasinaa” jedheen.
29:37Juz 20 · fu. 400

فَكَذَّبُوهُ فَأَخَذَتْهُمُ الرَّجْفَةُ فَأَصْبَحُوا فِي دَارِهِمْ جَاثِمِينَ37

Isa kijibsiisanKirkirri (sochiin) lafaas isaan qabatteYoosuu ganda isaanii keessatti jilbeenfatanii dhumanii bulan.
29:38Juz 20 · fu. 400

وَعَادًا وَثَمُودَ وَقَدْ تَبَيَّنَ لَكُمْ مِنْ مَسَاكِنِهِمْ ۖ وَزَيَّنَ لَهُمُ الشَّيْطَانُ أَعْمَالَهُمْ فَصَدَّهُمْ عَنِ السَّبِيلِ وَكَانُوا مُسْتَبْصِرِينَ38

Aadiifi Samuudiinis ni balleessine; (Isaan balleessuun keenyas) gandoota isaanii irraa ifa isiniif ta’ee jiraOdoo kan argan ta’anii jiranuu shayxaanni hojii isaanii isaaniif miidhagsee, karaa haqaa irraa isaan deebise
29:39Juz 20 · fu. 401

وَقَارُونَ وَفِرْعَوْنَ وَهَامَانَ ۖ وَلَقَدْ جَاءَهُمْ مُوسَىٰ بِالْبَيِّنَاتِ فَاسْتَكْبَرُوا فِي الْأَرْضِ وَمَا كَانُوا سَابِقِينَ39

Qaaruuniin, Fir’awniifi Haamaaniinis (balleessineerra)Dhugumatti, Muusaan ragaa ifa ta’een isaanitti dhufeeti, dachii keessatti boonanii (isaan qabne)Kan Nu jalaa miliqanis hin taane
29:40Juz 20 · fu. 401

فَكُلًّا أَخَذْنَا بِذَنْبِهِ ۖ فَمِنْهُمْ مَنْ أَرْسَلْنَا عَلَيْهِ حَاصِبًا وَمِنْهُمْ مَنْ أَخَذَتْهُ الصَّيْحَةُ وَمِنْهُمْ مَنْ خَسَفْنَا بِهِ الْأَرْضَ وَمِنْهُمْ مَنْ أَغْرَقْنَا ۚ وَمَا كَانَ اللَّهُ لِيَظْلِمَهُمْ وَلَٰكِنْ كَانُوا أَنْفُسَهُمْ يَظْلِمُونَ40

Hundumaa badii isaatiif isa qabneIsaan irraa namoota bubbee cirrachaa itti erginetu jiraIsaan irraas namoota iyyansi isaan qabetu jiraIsaan irraas namoota dachii ittiin kunnetu jiraIsaan irraas namoota bishaan nyaachifnetu jiraRabbiin kan isaan miidhu hin taaneGaruu isaan lubbuu ofii kan miidhan ta’aniiru.
29:41Juz 20 · fu. 401

مَثَلُ الَّذِينَ اتَّخَذُوا مِنْ دُونِ اللَّهِ أَوْلِيَاءَ كَمَثَلِ الْعَنْكَبُوتِ اتَّخَذَتْ بَيْتًا ۖ وَإِنَّ أَوْهَنَ الْبُيُوتِ لَبَيْتُ الْعَنْكَبُوتِ ۖ لَوْ كَانُوا يَعْلَمُونَ41

Fakkeenyi isaan Rabbii gaditti jaalallee godhatanii (gabbaranii) akka birbirooftuu (sharariitii) mana ijaarratteetiDhugumatti odoo kan beekan ta’anii irra laafaan manaa mana birbirooftuuti.
29:42Juz 20 · fu. 401

إِنَّ اللَّهَ يَعْلَمُ مَا يَدْعُونَ مِنْ دُونِهِ مِنْ شَيْءٍ ۚ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ42

Dhugumatti, Rabbiin waan hunda irraa waan isaan Isaa gaditti kadhatan ni beekaInni injifataa, ogeessa.
29:43Juz 20 · fu. 401

وَتِلْكَ الْأَمْثَالُ نَضْرِبُهَا لِلنَّاسِ ۖ وَمَا يَعْقِلُهَا إِلَّا الْعَالِمُونَ43

Fakkeenyota san namootaaf ishee ni goona; beektota malees ishee hin hubatu.
29:44Juz 20 · fu. 401

خَلَقَ اللَّهُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ بِالْحَقِّ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً لِلْمُؤْمِنِينَ44

Rabbiin samiifi dachii dhugaan uumeDhugumatti, sana keessa mu’uminootaaf mallattootu jira.
29:45Juz 20 · fu. 401

اتْلُ مَا أُوحِيَ إِلَيْكَ مِنَ الْكِتَابِ وَأَقِمِ الصَّلَاةَ ۖ إِنَّ الصَّلَاةَ تَنْهَىٰ عَنِ الْفَحْشَاءِ وَالْمُنْكَرِ ۗ وَلَذِكْرُ اللَّهِ أَكْبَرُ ۗ وَاللَّهُ يَعْلَمُ مَا تَصْنَعُونَ45

(Yaa Muhammad!) kitaaba irraa waan gara kee buufame dubbisiSalaatas haqa isaa guutii sagadiDhugumatti, salaanni wantoota fokkatoofi jibbamoo ta’an irraa dhorgitiZikrii (faaruu) Rabbiitu (waan hunda irra) guddaadhaRabbiin waan isin hojjattan ni beeka.
29:46Juz 21 · fu. 402

۞ وَلَا تُجَادِلُوا أَهْلَ الْكِتَابِ إِلَّا بِالَّتِي هِيَ أَحْسَنُ إِلَّا الَّذِينَ ظَلَمُوا مِنْهُمْ ۖ وَقُولُوا آمَنَّا بِالَّذِي أُنْزِلَ إِلَيْنَا وَأُنْزِلَ إِلَيْكُمْ وَإِلَٰهُنَا وَإِلَٰهُكُمْ وَاحِدٌ وَنَحْنُ لَهُ مُسْلِمُونَ46

Warra kitaabaatiin falmii gaariin malee hin falminaa; isaan irraa warri miidhaa dalagan odoo hafanuuNuti “isa gara keenyatti bufameefi gara keessanittis buufametti amanneerraGabbaramaan keenyaafi gabbaramaan keessanis tokkoNuti isaaf ajajamoodha” jedhaa.
29:47Juz 21 · fu. 402

وَكَذَٰلِكَ أَنْزَلْنَا إِلَيْكَ الْكِتَابَ ۚ فَالَّذِينَ آتَيْنَاهُمُ الْكِتَابَ يُؤْمِنُونَ بِهِ ۖ وَمِنْ هَٰؤُلَاءِ مَنْ يُؤْمِنُ بِهِ ۚ وَمَا يَجْحَدُ بِآيَاتِنَا إِلَّا الْكَافِرُونَ47

Akkuma (warra si duraa irratti buufne) kitaaba gara keetti buufneIsaan kitaaba kennineef isatti ni amanuIsaan kana irraas (warra makkaa irraas) namoota isatti amanutu jiraKaafiroota malee keeyyattoota keenya namni mormu hin jiru.
29:48Juz 21 · fu. 402

وَمَا كُنْتَ تَتْلُو مِنْ قَبْلِهِ مِنْ كِتَابٍ وَلَا تَخُطُّهُ بِيَمِينِكَ ۖ إِذًا لَارْتَابَ الْمُبْطِلُونَ48

Ati (yaa Muhammad!) Isa dura kitaaba tokkollee kan dubbiftuufi harka keetiinis barreessitu hin turreOdoo akkas taatee warri badii ni shakku turan.
29:49Juz 21 · fu. 402

بَلْ هُوَ آيَاتٌ بَيِّنَاتٌ فِي صُدُورِ الَّذِينَ أُوتُوا الْعِلْمَ ۚ وَمَا يَجْحَدُ بِآيَاتِنَا إِلَّا الظَّالِمُونَ49

Garuu inni keeyyattoota ifa ta’an kan qoma warra beekumsa kennamee keessa jiruudhaMiidhaa hojjattoota malee keeyyattoota keenya namni mormu hin jiru
29:50Juz 21 · fu. 402

وَقَالُوا لَوْلَا أُنْزِلَ عَلَيْهِ آيَاتٌ مِنْ رَبِّهِ ۖ قُلْ إِنَّمَا الْآيَاتُ عِنْدَ اللَّهِ وَإِنَّمَا أَنَا نَذِيرٌ مُبِينٌ50

Isaanis ni jedhan: “Maaliif raajiiwwan Gooftaa Isaa biraa isa irratti hin buufamin? (Atis) “raajiwwan kan jiran Allaah bira qofaAni immoo akeekkachiisaa ifa ta’e qofa” jedhiin
29:51Juz 21 · fu. 402

أَوَلَمْ يَكْفِهِمْ أَنَّا أَنْزَلْنَا عَلَيْكَ الْكِتَابَ يُتْلَىٰ عَلَيْهِمْ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَرَحْمَةً وَذِكْرَىٰ لِقَوْمٍ يُؤْمِنُونَ51

Sila kitaaba (Qur’aana) isaan irratti qara’amu si irratti buusuun keenya qofti isaaniif hin ga’uu? Dhugumatti, kana keessa namoota amananiif rahmataafi yaadannootu jira.
29:52Juz 21 · fu. 402

قُلْ كَفَىٰ بِاللَّهِ بَيْنِي وَبَيْنَكُمْ شَهِيدًا ۖ يَعْلَمُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۗ وَالَّذِينَ آمَنُوا بِالْبَاطِلِ وَكَفَرُوا بِاللَّهِ أُولَٰئِكَ هُمُ الْخَاسِرُونَ52

Jedhi: “jidduu kiyyaafi keessanitti ragaa ta’uuf Rabbiin gahaadhaWaan samiifi dachii keessa jiru hundaa ni beekaIsaan sobatti amananiifi Rabbitti kafaran, warri sun isaanumatu hoonga’oodha.
29:53Juz 21 · fu. 403

وَيَسْتَعْجِلُونَكَ بِالْعَذَابِ ۚ وَلَوْلَا أَجَلٌ مُسَمًّى لَجَاءَهُمُ الْعَذَابُ وَلَيَأْتِيَنَّهُمْ بَغْتَةً وَهُمْ لَا يَشْعُرُونَ53

Adabatti si ariifachiisuOdoo beellamni beekamaan jiraachuu baatee silaa adabbiin (addunyaattis) isaanitti dhufa tureDhugumatti akka tasaa odoo isaan hin beekin isaanitti dhufa
29:54Juz 21 · fu. 403

يَسْتَعْجِلُونَكَ بِالْعَذَابِ وَإِنَّ جَهَنَّمَ لَمُحِيطَةٌ بِالْكَافِرِينَ54

Adabbiitti si ariifachiisuDhugumatti, jahannam kaafirootatti marsituudha.
29:55Juz 21 · fu. 403

يَوْمَ يَغْشَاهُمُ الْعَذَابُ مِنْ فَوْقِهِمْ وَمِنْ تَحْتِ أَرْجُلِهِمْ وَيَقُولُ ذُوقُوا مَا كُنْتُمْ تَعْمَلُونَ55

Guyyaa adabbiin (Ibiddi) gubbaa isaanii irraafi miila isaanii jalaan isaan haguugu, (Maleykan ibiddaas) “Waan dalagaa turtan dhandhamaa” jedha.
29:56Juz 21 · fu. 403

يَا عِبَادِيَ الَّذِينَ آمَنُوا إِنَّ أَرْضِي وَاسِعَةٌ فَإِيَّايَ فَاعْبُدُونِ56

“Yaa gabroota kiyya warra amantan! Dachiin kiyya bal’oodhaa, Anuma qofa gabbaraa.”
29:57Juz 21 · fu. 403

كُلُّ نَفْسٍ ذَائِقَةُ الْمَوْتِ ۖ ثُمَّ إِلَيْنَا تُرْجَعُونَ57

Lubbuun hunduu du’a ni dhandhamtiSana booda gara keenyatti deebifamtu.
29:58Juz 21 · fu. 403

وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَنُبَوِّئَنَّهُمْ مِنَ الْجَنَّةِ غُرَفًا تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا ۚ نِعْمَ أَجْرُ الْعَامِلِينَ58

Isaan amananii gaggaarii hojjatan, dhugumatti jannata irraa manneen jireenyaa kan laggeen ishee jala yaatu, kan yeroo hunda ishee keessa jiraatan ta’anii isaan qubsiifnaMindaan hojjattootaa waa tole!
29:59Juz 21 · fu. 403

الَّذِينَ صَبَرُوا وَعَلَىٰ رَبِّهِمْ يَتَوَكَّلُونَ59

[Isaan] warra obsaniifi Gooftaa isaanii irratti hirkataniidha.
29:60Juz 21 · fu. 403

وَكَأَيِّنْ مِنْ دَابَّةٍ لَا تَحْمِلُ رِزْقَهَا اللَّهُ يَرْزُقُهَا وَإِيَّاكُمْ ۚ وَهُوَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ60

Lubbu qabeeyyii irraa kan soorata isaanii hin baadhanne kan Rabbiin isiniifi isaanis sooru hedduudha
29:61Juz 21 · fu. 403

وَلَئِنْ سَأَلْتَهُمْ مَنْ خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ وَسَخَّرَ الشَّمْسَ وَالْقَمَرَ لَيَقُولُنَّ اللَّهُ ۖ فَأَنَّىٰ يُؤْفَكُونَ61

Dhugumatti “eenyutu samiifi dachii uumee, aduufi baatiis laaffise?” jettee yoo isaan gaafatte “Allaahdha” siin jedhuAkkamitti (tawhiida irraa) garagalfamu ree?
29:62Juz 21 · fu. 403

اللَّهُ يَبْسُطُ الرِّزْقَ لِمَنْ يَشَاءُ مِنْ عِبَادِهِ وَيَقْدِرُ لَهُ ۚ إِنَّ اللَّهَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ62

Rabbiin gabroota Isaa irraa nama fedheef soorata ni bal’isa(Nama fedhe immoo) isatti dhiphisaDhugumatti, Rabbiin waan hunda beekaadha.
29:63Juz 21 · fu. 403

وَلَئِنْ سَأَلْتَهُمْ مَنْ نَزَّلَ مِنَ السَّمَاءِ مَاءً فَأَحْيَا بِهِ الْأَرْضَ مِنْ بَعْدِ مَوْتِهَا لَيَقُولُنَّ اللَّهُ ۚ قُلِ الْحَمْدُ لِلَّهِ ۚ بَلْ أَكْثَرُهُمْ لَا يَعْقِلُونَ63

Dhugumatti, yoo “eenyutu samii irraa bishaan buusee, dachii erga isheen duutee booda ittiin jiraachise?” jettee isaan gaafatte “Allaahdha” jedhu(Yaa Muhammad!) “Faaruun hunduu kan Allaahti” jedhiGaruu irra hedduun isaanii hin hubatan.
29:64Juz 21 · fu. 404

وَمَا هَٰذِهِ الْحَيَاةُ الدُّنْيَا إِلَّا لَهْوٌ وَلَعِبٌ ۚ وَإِنَّ الدَّارَ الْآخِرَةَ لَهِيَ الْحَيَوَانُ ۚ لَوْ كَانُوا يَعْلَمُونَ64

Jireenyi addunyaa kun qoosaafi tapha malee waan biraa hin taaneDhugumatti, manni Aakhiraa odoo beektanii isheetu jireenya dhugaati.
29:65Juz 21 · fu. 404

فَإِذَا رَكِبُوا فِي الْفُلْكِ دَعَوُا اللَّهَ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ فَلَمَّا نَجَّاهُمْ إِلَى الْبَرِّ إِذَا هُمْ يُشْرِكُونَ65

Yeroo doonii yaabbatan, amantii Isaaf qulqulleessuun Allaah qofa kadhatuYeroo Inni gara dachiitti nagaan isaan baase immoo yeroma san (Rabbitti) qindeessu
29:66Juz 21 · fu. 404

لِيَكْفُرُوا بِمَا آتَيْنَاهُمْ وَلِيَتَمَتَّعُوا ۖ فَسَوْفَ يَعْلَمُونَ66

Waan nuti isaaniif kenninetti kafaruufi qanani’anuuf (Rabbitti qindeessu)Garuu (waan booddeen isaanii ta’u) fuula duratti ni beeku
29:67Juz 21 · fu. 404

أَوَلَمْ يَرَوْا أَنَّا جَعَلْنَا حَرَمًا آمِنًا وَيُتَخَطَّفُ النَّاسُ مِنْ حَوْلِهِمْ ۚ أَفَبِالْبَاطِلِ يُؤْمِنُونَ وَبِنِعْمَةِ اللَّهِ يَكْفُرُونَ67

Sila isaan namoonni moggaa isaaniitii (ajjeechaafi saamichaan) kan bubbutaman osoo ta’anuu akka nuti (Makkaa) iddoo kabajamaa, tasgabbaayaa taasifne hin ilaalanuu? Sila sobatti amananii ni’imaa Rabbiitti kafaruu?
29:68Juz 21 · fu. 404

وَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّنِ افْتَرَىٰ عَلَى اللَّهِ كَذِبًا أَوْ كَذَّبَ بِالْحَقِّ لَمَّا جَاءَهُ ۚ أَلَيْسَ فِي جَهَنَّمَ مَثْوًى لِلْكَافِرِينَ68

Nama Rabbirratti soba uumee odeesse yookiin dhugaan itti dhufnaan sobsiise caalaa namni miidhaa hojjate (tokkolleen) hin jiruSila teessoon kaafirootaa jahannam hin taanee?
29:69Juz 21 · fu. 404

وَالَّذِينَ جَاهَدُوا فِينَا لَنَهْدِيَنَّهُمْ سُبُلَنَا ۚ وَإِنَّ اللَّهَ لَمَعَ الْمُحْسِنِينَ69

Warra Nu (karaa keenya) keessatti qabsaa’an karaa keenya isaan qajeelchinaDhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin jira

Jalqaba suuraa irraa taphachiisi

Abdulbasit Abdussamad - Al-'Ankabut · Tlawati